2 Samuel 7
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Waadaa Mootiin Waan Maraa Daawitiif Gale
1Mootiin Waan Maraa diinota adaala isaa jiranu mara irraa foora isaaf kennee, mootichi Daawiti mana mootummaa ifii keessa nageyaan le'een duuba, 2raagicha Naataaniin, «Kunoo ani mana mootumma'aa ka muka hindheensaatiin ijaarame keessa le'a; Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa ammoo dunkaanii keessa jira» jedhe.
3Naataanille mootichaan, «Mootiin Waan Maraa si woliin waan jiruuf waan yaadde mara godhi» jedhe. 4Galgaluma san jechi Mootii Waan Maraa gara Naataanii dhufee, 5«Dhaqiitii, tajaajilaa kiyya Daawitiin Mootiin Waan Maraa, ‹Mana ani keessa le'u ka anaaf ijaaru si'ii moti. 6Ani kolbaa Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee jalqabee haga adhaa dunkaanuma keessa jiraataa, asii fi achi deemaa ture malee mana keessa hin leene. 7Israa'eloota mara woliin addee deeme maratti kolbaa tiyya Israa'el akka tissanuuf sooressitoota ajaje keessaa tokkolleen: Muka hindheensaatiin mana naaf maaf hin ijaarre? Jedhee beekaa?› jedhi.
8«Ati ammalle tajaajilaa kiyya Daawitiin, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade: Ati kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf, addee horii itti tiffatanu, hoolee tissiisatti jirtuun si fuudhe; 9ani addee ati dhaxxe mara si woliin jiraadhee, diinota keeti si duraa balleesseera; amma akkuma worra gugurdaa maqaan isaanii lafa irratti beekkamee, maqaan keetiille akka beekkamu hin godha. 10Kolbaan tiyya Israa'el addee ifii akka qabaatanuu fi haganaa achii akka hin sarbanne, addee le'anu isaaniif hin kenna; haganaa achi kolbaan hamooleen akka qaraa isaan hin cunqursitu. 11Abbootii mura'aa isaaniif haga muudeen jalqabanee kolbaan hamooleen akka isaan irratti godhaa turane, haganaa achi isaan irratti hin godhanu; ani diinota keeti mara irraa si hin foorfachiisa. Ani Mootiin Waan Maraatuu mana si'iif hin ijaara. 12Barri keeti geyee, duutee, abbootii teeti biratti yennaa awwaalantu, sanyii teeti keessaa ilma keeti tokkocha addee teetitti mootii hin godha; mootummaa isaalle hin jabeessa. 13Maqaa kiyyaaf nami mana ijaaru isa; anille barcumaa mootummaa isaa haga bara baraa isaaf hin jabeessa. 14Ani abbaa isaaf hin te'a; innille ilma kiyya hin te'a; yoo inni balleesse ammoo ulee nami adabamuun isa hin adaba; akkuma ijoolleen liche'een dikantu isa hin dika. 15Garuu Saa'olii si duraa kaase irraa jaalala kiyya ka bara baraa akkuma kaase, isa irraa hin kaasu. 16Manni keetii fi mootummaan teeti na duratti haga bara baraa jabaattee hin dhaabbatti; barcumaan mootummaa teetiille haga bara baraa jabaatee hin dhaabbata jedha› jedhi» jedhe.
17Naataan jecha mudhii tanaa mara Daawititti hime.
Daadimata Daawitii
18Achiin duuba mootichi Daawiti dhaqee, Mootii Waan Maraa dura tee'ee, «Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ka ana asi geessitte, ani eennu? Sanyiin tiyyalle maan? 19Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, tun si hanqannaan, marroo sanyii tajaajilaa keetii ta gara duraa dubbatteerta; ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, kun waan ati yennaa mara namaaf gootuu? 20Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati ana tajaajilaa keeti waan beettuuf, tana caalaa maan si'iin jedhuu dande'a ree? 21Akka jecha keetiitii fi akka yaada gadhaa keetii waan guddaa kana gootee, ana tajaajilaa keetitti beessitteerta. 22Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati attam attam gudda'a! Ka akka keetii tokkolle hin jiru; akkuma gurra keennaan dhageenne, si malee Waaqi dhibiin hin jiru. 23Kolbaa teeti godhatiisaaf ka ati wodatte, ka ati dura isaanii deentee, maqaan keeti akka beekkamuuf, gosa biyya adda addaatii fi waaqota dharaa ka isaanii ka isaan duraa balleessite, waan gugurdo'oo fi maade'ee ta sodaachittu isaaniif gootee, ka biyya Gibxi'iitii baatte, kolbaa teeti Israa'elii malee kolbaan dhibiin lafa irra jirtii? 24Ee, Mootii Waan Maraa, ati kolbaa teeti Israa'el haga bara baraa kolbaa teeti godhattee, isaaniif Waaqa teeteerta.
25«Ammalle ee, Mootii Waan Maraa Waaqa, marroo tajaajilaa keetiitii fi sanyii isaatiif waadaa galte haga bara baraa jabeessi; akkuma dubbatte muummessiif. 26Achiin duuba, maqaan keetille haga bara baraa guddaa hin te'a; namootille, ‹Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii ti› hin jedhan; sanyiin tajaajilaa keeti Daawitiille si duratti jabaattee hin dhaabbatti. 27Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadde, Waaqa Israa'elii, ‹Ani si'iif mana hin ijaara› jettee tana tajaajilaa keetitti mudhitteerta; maarre ani tajaajilaan keeti daadimata kana gara keeti dhikeeffatiisaaf sitti guuleera.
28«Ee, Goottaa Mootii Waan maraa, ati Waaqa! Jechi keetille addatama'a; waan dansaa kana godhiisaaf tajaajilaa keetiif waadaa galteerta. 29Akka si duratti haga bara baraa jabaatee le'u, maganne'e sanyii tajaajilaa keetii ammalle eebbisi! Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, tana atuu waan dubbatteef, eebba keetiin sanyiin tajaajilaa keetii haga bara baraa hin eebbifanti» jedhe.

Did you know?
God's Covenant with David
- The prophet Nathan appears here for the first time in the biblical record. He served as a trusted advisor during the reigns of David and Solomon, later guiding David's royal succession and confronting the king during critical moments.Sources: Nathan · the Bible text itself
- When David proposed building a permanent temple of cedar, God responded with a play on the word "house." Instead of David building a physical house for the ark, God promised to build David an enduring "house"—a royal dynasty whose throne would be established forever.Sources: the Bible text itself · David
- God reminded David that since leading Israel out of Egypt, His presence had moved about in a tent rather than dwelling in a fixed cedar building, underscoring the mobile sanctuary that had accompanied the nation across generations.Sources: the Bible text itself · Egypt
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org