Nations Bible

2 Samuel 6

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Daawiti Saanduqa Gondooro'oo Gara Yerusaalemii Fide

1Daawiti ammalle Israa'eloota keessaa namoota filamane kuma soddoma wolitti qabe. 2Daawitii fi namooti isaa marti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, ka maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu irra tee'eeruutiin waamame, qachaa Ba'aalaa ka Yihudaa keessaatii fidiisaaf achi deemane. 3Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa garreettaa fardaan harkifamu haareya irra keyanee, mana Abinaadaabii ka kooba irra jiru keessaa fuudhanee fidane; ilmaan Abinaadaabii Uzaa fi Ahiiyon garreettaa fardaan harkifamu haareya san, 4Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa irra jiruun yennaa oofanu, Ahiiyoti duraan deemaayyu. 5Daawitii fi kolbaan Israa'elii duudiin, kiraara guddichaan, maseenqo'oon, dibbe'een, bilibilaa fi sibiila qilillisuun hunna ifii guutu'uun faaruu faarsaa ulfinna Mootii Waan Maraatiif firinxiixane.

6Isaan eeddummee Naakonii bira yennaa geyane, qotiyyooti garreettaa san harkittu waan gufatteef, Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa hiixatee qabe. 7Uzaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa waan faanshesseef, aariin Mootii Waan Maraa isa irratti bobeette; tanaaf Waaqi isa xixee, inni Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa biratti achumatti du'e. 8Mootiin Waan Maraa aaree Uzaa waan ijjeeseef, Daawiti aare; addeen sun haga adhaa, «Pherez-Uzaa» jedhanti.

9Daawiti guyyaa san Mootii Waan Maraa waan sodaateef, «Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa attam gara kiyya dhufuu dande'a ree?» jedhe. 10Maarre Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa san gara qachaa ifii geessiisa waan hin barbaanneef, gara mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii geesse. 11Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa mana Obed-Edoomii nama biyya Gaatii keessa ji'a sad ture; Mootiin Waan Maraalle Obed-Edoomii fi maatii isaa mara eebbise.

12Mootiin Waan Maraa Obed-Edoomii fi maatii isaa, waan inni qabu maralle sababa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif akka eebbise mooticha Daawititti himane; maarre Daawiti achi dhaqee Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa mana Obed-Edoomiitii gara qachaa ifii gammada gudda'aan fide. 13Worri Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ba'ate tarkaaffii jaa akkuma deemanuun, Daawiti korma tokkoo fi dardara cooma tokko ciincaa dhikeessaayyu. 14Daawiti woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatee hunna ifii guutu'uun Mootii Waan Maraa duratti firinxiixe. 15Akka kanaan Daawitii fi kolbaan Israa'elii marti ilillisaa, tultullaa afuufaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa ol fidane.

16Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa qachaa Daawitii yennaa galu intalti Saa'olii Mikaal foddaa manaatiin ilaalte; mootichi Daawiti Mootii Waan Maraa duratti utaalaa firinxiixuun dhaggitee, gadhaa ifii keessatti isa tuffatte. 17Namooti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa fidanee, dunkaanii Daawiti dhaabe keessa addee inni qopheesse keyane; Daawitille kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa Mootii Waan maraa duratti dhikeesse. 18Daawiti kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeesseen duuba, maqaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetiin kolbaa eebbise. 19Daawiti kolbaa Israa'elii dhiiraa fi dubartii duudi'iif tokko tokkoo isaaniitiif, daabboo tokko tokko, foon gumaa tokko tokkoo fi xaltaa midhaan woyni'ii tokko tokko qoode; achiin duuba kolbaan marti gara mana ifii deemane.

20Daawiti maatii ifii eebbisiisaaf gara mana ifii yennaa deebi'e, intalti Saa'olii Mikaal isa fudhatiisaaf gad baatee, «Mootiin Israa'elii adha dubartoota tajaajiltoota qondaaltota isaa duratti akka nama bu'aa hin qannee qullaa dhaggamiis ulfinna attamii ti!» jette.

21Daawiti deebisee Mikaaliin, «Mootii Waan Maraa ka abbaa keeti yookiin worra mana isaa keessa jiranu caalaa, kolbaa ifii Israa'el irratti na muudee mootii na godhe duratti gammadee firinxiixe. Ammalle ani Mootii Waan Maraa duratti hin firinxiixa. 22Ani tana caalaa isa duratti ifi gad hin qaba; ila teeti duratti hin salphadha. Te'uu malee, garboolee ati maqaa dhootte duratti ammoo ulfinna hin dhaggadha» jedhe. 23Tanaaf, intalti Saa'olii Mikaal adoo hin deyin duute.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Bringing the Ark to Jerusalem

  • Baale-judah is another name for Kiriath-jearim, the city where the ark of the covenant had been kept in the home of Abinadab since its return from the Philistines. King David assembled thirty thousand chosen men of Israel to bring the ark up from there to Jerusalem on a new cart guided by Abinadab's sons, Uzzah and Ahio.Sources: Baale-judah · Abinadab · Ahio · the Bible text itself
  • When the oxen stumbled at the threshing floor of Nacon, Uzzah took hold of the ark to steady it and died beside it. David called the place Perez-uzzah, meaning breach of Uzzah, and temporarily diverted the ark to the house of Obed-edom the Gittite for three months before completing its journey to Jerusalem.Sources: Perez-uzzah · Uzzah · the Bible text itself
  • Saul's daughter Michal, David's wife, watched from a window as the king danced and leaped before the ark wearing a linen ephod, and she despised him in her heart. When she confronted him for what she viewed as undignified behavior before the people, David defended his celebration before God, and Michal remained childless until her death.Sources: Michal · Saul · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Baale-judah · Today: Deir el Azar · 31.809, 35.104 · verse 2
  • Perez-uzzah · Today: within 1 km of Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 8
  • City of David · 31.774, 35.236 · verses 10, 12, 16

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.