2 Samuel 8
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Daawiti Injifannoo Dhaggate
1Kanaan duuba mootichi Daawiti Filisxeemota lolee injifatee, qachaa Mateg-Amayii ta isaan qara qabatane harka Filisxeemotaatii baase.
2Daawiti Mo'aabotalle injifate; namoota booji'e lafatti irkisee wodaro'oon isaan mike; worra wodaro'oon mikame keessaa harka lama ijjeesee, harka tokko lakkise; maarre worri Mo'aabotaa tajaajiltoota isaa te'anee isa gabbarane.
3Kana maleelle Daawiti lafa laga Efraaxiisii bira jirtu deebisee qabatiisaaf yennaa dhaqe, mootii Zobaa ilma Rehoobii Hadaad-Ezer lolee, 4garreettaa fardaan harkifamu ka isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota miilaa kuma diddama booji'e; garreettaa fardaan harkifamu dhibba tokko callaa hamburee, kaan maraa mogolee ciccire.
5Namooti Sooriya'aa worri Damaasqoo keessa le'anu, mootii Zobaa Hadaad-Ezer qarqaariisaaf yennaa dhufane, Daawiti isaan keessaa namoota kuma diddamii lama ijjeese. 6Achiin duuba mootummaa Damaasqo'oo Aaram keessatti quttuma loltootaa godhate; worri Sooriya'aa tajaajiltoota isaa te'anee isa gabbarane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne. 7Daawiti wontee worqii irraa hujante ta qondaaltota Hadaad-Ezerii fudhatee gara Yerusaalemii fide. 8Mootichi Daawiti qachoota Hadaad-Ezerii, Bexa'aa fi Berootaayi keessaa sageettuu bacaa guurate.
9Mootiin Haamaatii To'i akka Daawiti loltoota Hadaad-Ezerii mara injifate yennaa dhage'e, 10To'i qara Hadaad-Ezer woliin wol lolaa waan tureef, Daawiti Hadaad-Ezer irratti injifannoo waan dhaggateef, nageya gaafatee, «Baga gammadde» akka jedhuuf ilma ifii Yoraam gara Daawitii erge; innille meya worqii, meeti'ii fi sageettuu irraa hujame qabatee dhaqe. 11Mootichi Daawiti gosa biyya adda addaa mara irraa waan qara gabbarsiifateen meeti'ii fi worqii isaaf galte keessaa akkuma qara godhe meya kana Mootii Waan Maraatiif adda baase. 12Gosi biyya adda addaa worri qara isa gabbarane, worra Edoomii, worra Mo'aabii, worra Amoonii, worra Filisxeemotaatii fi worra Amaaleqootaa ti. Inni mootii Zobaa ilma Rehoobii Hadaad-Ezer irraa meya booji'elle Mootii Waan Maraatiif adda baase.
13Daawiti addee, «Dhooqa sooddaa» jedhantutti Edoomota kuma kudhanii saddeeti ijjeesee deebi'een duuba maqaan isaa beekkame. 14Inni biyya Edoomii mara keessatti addee quttumaa godhatee, Edoomoti marti isa tajaajilane; Mootiin Waan Maraalle addee Daawiti dhaqe maratti injifannoo isaaf kenne.
15Daawiti Israa'eloota mara irratti mootii te'ee, kolbaa maraaf muraa haqaa muree, waan sirrii te'e huje. 16Yo'aab ilmi Zeruyaan deette, ajajaa loltootaa te'e; ilmi Ahiiludii Yoshaafaax barreessaa dabarsi'ii ti. 17Ilmi Ahiixubii Zaadoqii fi ilmi Abiyaataarii Abiimelek hayyoota; Seraayaan barreessaa mana mootumma'aa ti. 18Ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan itti gaafatamaa Keretootaatii fi Pheletootaa ti; ilmaan Daawitii ammoo gorsitoota mana mootumma'aa ti.

Did you know?
David's Conquests and Administration
- The phrase Metheg-ammah in 2 Samuel 8:1 literally means "the bridle of the mother city," a figurative expression for conquering a regional capital, which the parallel passage in 1 Chronicles 18:1 identifies as Gath.Sources: Metheg-ammah · the Bible text itself
- Hadadezer of Zobah ruled an Aramean kingdom that reached toward the Euphrates River. David's victory over him secured northern territories around Damascus and prompted King Toi of Hamath, a rival of Hadadezer, to send his son Joram with gifts of gold, silver, and bronze.Sources: Zobah · Toi · Joram · the Bible text itself
- The chapter outlines David's organized central government, naming Joab as army commander, Jehoshaphat as recorder, Zadok and Ahimelech as priests, Seraiah as scribe, and Benaiah over the Cherethites and Pelethites.Sources: Joab · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Moab · Today: Moab 1 · 31.181, 35.701 · verses 2, 12
- Euphrates · Today: Euphrates River · 31.004, 47.442 · verse 3
- Zobah · 33.935, 36.151 · verses 3, 5, 12
- Damascus · 33.511, 36.306 · verses 5, 6
- Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verse 5
- Aram · 33.511, 36.306 · verse 6
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 7
- Hamath · Today: Hama · 35.136, 36.750 · verse 9
- Amalek · 30.648, 34.422 · verse 12
- Ammon · 31.955, 35.934 · verse 12
- Edom · 30.746, 35.604 · verses 12, 13, 14
- Philistia · 31.664, 34.546 · verse 12
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org