2 Kings 11
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootittii Yihuda'aa Ataaliyaa
1Ilmi isi'ii Ahaaziyaan akka du'e Ataaliyaan yennaa dhageette, kaatee maatii moototaa mara balleessite. 2Intalti Yoraamii mootichaa, obboleettiin Ahaaziya'aa Yoshebaan ammoo, ilma Ahaaziya'aa Yo'aas, ilmaan moototaa ta ijjeefamu'uuf jiranu keessaa dhossitee baattee, akka inni hin ijjeefanneef, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti Ataaliyaa jalaa dhossite. 3Woggaa jaaf haga Ataaliyaan mootittii teete, inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti ta isa guddittu woliin dhokatee hafe.
4Woggaa torbeesso'ootitti ammoo hayyichi Yoyaadaan, ajajjoota dhibbaa ta eeddota mooti'iitii fi ta eeddota mana mootumma'aa maratti ergee, gara Galma Mootii Waan Maraa isaan waansise; achitti isaan woliin gondooroo gondooratee, isaan kakachiiseen duuba, ilma mootichaa isaanitti mudhise. 5Inni, isaan ajajee, «Wonni isin gootanu: isin worri guyyaa Sanbataa eeddo'oof baatanu, harka sad keessaa harki tokko mana mootumma'aa eeguu ti. 6Harka sad keessaa harki tokko karra Suurii eeguu ti; harka sad keessaa harki tokko karra eeddoti tuun eedduun duuba jirtu eeguu ti. 7Isin worri guyyaa Sanbataa badoo eeddoo teessanii fixatane, Galma Mootii Waan Maraa ka mootichi keessa jiru eega'a. 8Tokko tokkoon keessan meya lolaa keessan qabadha'aatii, adaala mootichaa dhaabbadha'a; eennulle yoo isinitti dhikaate ijjeesa'a; gara mootichi deemu mara isa woliin deema'a» jedhe.
9Ajajjooti dhibbaa akkuma hayyichi Yoyaadaan isaan ajaje godhane; tokko tokkoon isaaniille worra guyyaa Sanbataatiin eegiisaaf dhaquu fi worra eeddoo fixatee galu fudhatanee, gara hayyichaa dhufane. 10Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan, ebo'oo fi wontee mooticha Daawitii ka Galma Mootii Waan Maraa keessaa san ajajjoota dhibbaatiif kenne. 11Eeddoti tokko tokkoon isaanii meya lolaa qabatanee, Galma Mootii Waan Maraa irraa gara kibbaatii haga kaabaa, addee ciinca'aatii fi Galma Mootii Waan Maraa marsanee, mooticha eegiisaaf dhaabbatane. 12Achiin duuba Yoyaadaan, ilma mootichaa gad baasee kallacha mataa isaa irra keyee, barreeffama Mootiin Waan Maraa marroo moototaatiif waadaa gale dhugaa bayu isaaf kennee, isa muudee mootii te'iisa isaa beessise. Kolbaan harka dhoottee qoonqoo ol qabattee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti!» jette.
13Mootittiin Ataaliyaan hogaa eeddotaatii fi kolba'aa yennaa dhageette, gara Galma Mootii Waan Maraa addee kolbaan wolitti qabanteertu dhaxxe. 14Akkuma baratame mootichi utubaa bira dhaabbatee, qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbateeruun dhaggite; kolbaan lafa sanii marti gammadee tultullaa afuufiisatti jirtiiyyu. Achiin duuba Ataaliyaan gadditee woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a!» jettee iyyite.
15Hayyichi Yoyaadaan, Ataaliyaan Galma Mootii Waan Maraa keessatti akka ijjeefantu waan hin barbaanneef, ajajjoota dhibbaatiin, «Tarree teessan oddu'uu gad isii baasa'a; nama isii gula dhufu mara shallaaga'aan ijjeesa'a» jedhe. 16Maarre isaan isii qabanee addee fardooleen gara mana mootumma'aa seentu geessanee, achitti isii ijjeesane.
Jijjiirama Yoyaadaan Godhe
17Hayyichi Yoyaadaan akka isaan kolbaa Mootii Waan Maraa te'anu, Mootii Waan Maraatii fi mooticha wodhakka'atti, mootichaa fi kolbaa wodhakkaalle'etti gondooroo gondoore. 18Achiin duuba kolbaan lafa Yihuda'aa marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa caccassite; hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa duratti ijjeette.
Hayyichi Yoyaadaan Galma Mootii Waan Maraa akka eeganuuf eeddota itti godhe. 19Inni ajajjoota dhibbaa, eeddota mooti'ii, eeddotaa fi kolbaa biyya sanii mara fuudhee, isaan woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasee, karaa karra eeddotaatiin gara mana mootumma'aa seensisane. Achiin duuba mootichille barcumaa mootumma'aa irra tee'e. 20Maarre Ataaliyaan mana mootumma'aa keessatti shallaaga'aan waan ijjeefanteef, kolbaan duudiin gammadde; qachaan sunille nageya dhaggate.
21Yo'aas yennaa mootii te'e mucaa woggaa torba ti.

Did you know?
The Overthrow of Athaliah and the Coronation of Joash
- Athaliah, the daughter of Ahab and Jezebel of Israel, seized the throne of Judah after the death of her son Ahaziah and attempted to wipe out the royal family. During her six-year rule, worship of the Phoenician deity Baal spread into Judah, maintaining its own temple, altars, and priest in Jerusalem.Sources: Athaliah · Baal · the Bible text itself
- The infant Joash survived the massacre because his aunt Jehosheba, daughter of King Jehoram and sister of Ahaziah, hid him and his nurse in the temple complex. Jehosheba is noted as the only princess of the royal house who was married to a high priest, Jehoiada.Sources: Jehoshabeath · Jehoiada · the Bible text itself
- To protect seven-year-old Joash during his public coronation, the priest Jehoiada armed the commanders of hundreds with spears and shields that had once belonged to King David and were kept inside the temple.Sources: Jehoiada · the Bible text itself
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Sur · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 6
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org