2 Kings 12
Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.
Mootii Yihuda'aa Yo'aas
1Yehuun Israa'el irratti mootii te'ee woggaa torbeesso'ootitti, Yo'aas mootii Yihuda'aa te'ee, Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama bulche; haati isaa Ziibiyaan nama qachaa Bersheeba'aa ti. 2Bara hayyichi Yoyaadaan isa gorsaa ture maratti, Yo'aas Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje. 3Te'uu malee, addeen waaqonfanna'aa waan hin diigaminiif, kolbaan addee waaqonfanna'aa sanitti ciincaa dhikeessiisaa fi hixaana aarsiisa hin lakkinne.
4Yo'aas hayyootaan, «Beesee kennaa addaa ta namooti gara Galma Mootii Waan Maraa fidanu: beesee laakkossa namaa irraa dhaggante, beesee waada'aatii fi beesee nami fedha ifiitiin kennu mara wolitti qaba'a. 5Hayyooti tokko tokkonuu, beesee namoota beesee qabatanu irraa fuudhane, addee Galmi Waaqaa caccabee dhaggame deebisanee ittiin haaressanuu ti» jedhe.
6Hayyooti ammoo Yo'aas mootii te'ee, haga woggaa diddamii sadeesso'ootitti Galma Waaqaa hin haaressine. 7Tanaaf mootichi Yo'aas hayyicha Yoyaada'aa fi hayyoota dhibii waamee, «Galma Waaqaa ka caccabe maaf haaressuu dhaddane? Addee Galmi Waaqaa caccabe ittiin haaressiisaaf dabarsa'aa kenna'a malee, haganaa achi namoota beesee qabatanu irraa beesee hin fuudhina'a» jedhe. 8Hayyooti beesee namoota irraa akka hin fuune, Galma Waaqaalle ifiif akka hin haaressine wolii galane.
9Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan saanduqa tokko fuudhee qadaaddaa isi'ii irratti urata baasee, karaa nami Galma Mootii Waan Maraa seenu gara middaatiin addee ciinca'aa bira keye. Hayyooti seensuma eeddu, beesee namooti gara Galma Mootii Waan fidane mara fuutee, saanduqa keessa keettiiyyu. 10Beeseen saanduqa keessa akka guutte yennaa dhagganne mara, barreessaan mootichaatii fi hayyichi guddaan dhufanee, beesee Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggante san laakkowanee subbatti naqanee hidhaniiyyu. 11Beesee san laakkowaneen duuba, namoota itti gaafatantoota hujii Galma Mootii Waan Maraatitti kennan; beesee san Galma Mootii Waan Maraa ijaariisaaf, worra muka bocuuf, worra dhaka'aan mana ijaaruuf, 12worra dhakaa bocuuf, worra dhakaa muruuf kaffalan. Akkasuma Galma Mootii Waan Maraa ka caccabe deebisanee haaressiisaaf mukaa fi dhakaa bocame bitiisaaf, Galma Mootii Waan Maraa deebisanee haaressiisaaf waan barbaachisu maraaf kaffalaniiyyu. 13Te'uu malee, beesee Galma Mootii Waan Maraatiif kennante tana, gabataa meeti'ii, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii, tultullaa yookiin meya meetii irraa yookiin worqii irraa hujamu hujiisaaf hin balleessine. 14Beeseen sun hojjatoota Galma Mootii Waan Maraa deebisanee haaressanuuf kennante. 15Namooti itti gaafatantoota huji'ii addatamumma'aan waan hujaneef, beeseen hojjattootaaf akka kaffalanu isaanitti kennante sun harka isaaniititti hin toowatanne. 16Beeseen woreega yakka'aatii fi sababa cubbu'uutiif kennantu, ta hayyootaa waan teeteef gara Galma Mootii Waan Maraa hin fidanu.
17Yennaa san mootichi Sooriya'aa Hazaa'el qachaa Gaatii lolee qabate; achiin duuba qachaa Yerusaalemii loliisaaf murteeffate. 18Mootichi Yihuda'aa Yo'aas ammoo, meya abbootiin isaa ta durii moototi Yihuda'aa Yoshaafaax, Yehoraamii fi Ahaaziyaan Galma Mootii Waan Maraatiif adda baasanee woyyoonsane mara, kennansa inni ifumaafuu adda baase, worqii Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa keessatti dhaggante mara mooticha Sooriya'aa Hazaa'eliif erge; achiin duuba Hazaa'el Yerusaalem irraa deebi'ee deeme.
19Wonni dhibiin ta mootichi Yo'aas huje duudiin kitaaba dabarsii mootota Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
20Qondaaltoti isaa isa irratti kaatee, karaa gara Siilaa gad bu'u irratti Bet-miilo'otti isa ijjeette. 21Qondaaltoti isaa worri isa ijjeese ilma Shime'aatii Yozaabaadii fi ilma Shomerii Yehozaabaad. Yo'aas du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Amaasiyaan addee isaatitti mootii te'e.

Did you know?
The Reign of Joash and the Temple Repairs
- When temple repairs lagged into his twenty-third regnal year, Joash reorganized the collection system. Jehoiada the priest placed a wooden chest with a bored lid beside the altar, allowing the royal scribe and high priest to bypass the general priesthood and directly pay the carpenters, masons, and stonecutters.Sources: the Bible text itself · Jehoiada
- After King Hazael of Aram captured the Philistine city of Gath and advanced toward Jerusalem, Joash averted a siege by handing over gold from the palace and temple treasuries, along with sacred items dedicated by his predecessors Jehoshaphat, Jehoram, and Ahaziah.Sources: the Bible text itself · Hazael · Gath
- After a forty-year reign in Jerusalem, Joash was assassinated by his own servants at Beth-millo along the road to Silla, an otherwise unknown locality, and was buried in the City of David.Sources: the Bible text itself · Zabad · Silla
Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.
Places in this chapter
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · verses 1, 17, 18
- Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 17, 18
- Silla · Today: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 20
- City of David · 31.774, 35.236 · verse 21
Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org