Nations Bible

2 Kings 10

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Sanyiin Ahaabii Ijjeefante

1Ahaab qachaa Samaariya'aa keessatti ilmaan torbaatama qabaayyu; maarre Yehuun xalayaa barreessee gara qachaa Samaariya'aa, bulchitoota Yizre'liitiif, jaarsole'ee fi worra ijoollee Ahaabii guddisu duudi'iif erge; xalayaan sun, 2«Ilmaan goottaa keessanii isin bira eega jiraatte, garreettaa fardaan harkifamu, fardoo, meya woraanaatii fi qachaa dalleya dhaka'aatiin marfame eega qabaattane, akkuma xalayaan kun isin geyeen, 3ilmaan goottaa keessanii keessaa irra caalaa dansaa ka te'ee fi dandeettii ka qabu fila'aatii, addee abbaa isaatitti isa mootii godha'aatii, sanyii goottaa keessaniitiif lola'a!» ka jedhu.

4Isaan ammoo guddoo sodaatanee, «Moototi lamaan ka dande'anee Yehuu ifi irraa hin dhooggatin, nuuti attam dandeennee isa ifi irraa dhoogganna ree?» jedhane. 5Maarre itti gaafatamaan mana mootumma'aa, bulchaan qacha'aa, jaarsole'ee fi worri ijoollee guddisu, «Nuuti tajaajiltoota teeti; waan ati nuun jettu mara hin goona; nuuti eennulle mootii hin goonu; waan irra caalaa dansaa sitti fakkaate atinuu godhi» jedhanee ergaa Yehu'utti ergane.

6Achiin duuba Yehuun, «Isin yoo golii tiyya teetanee, naaf ajajatane, mataa ilmaan goottaa keessanii mura'aatii boru yennaa tana Yizre'elitti gara kiyya fida'aatii kowa'a» jedhee xalayaa lammeesso'oo isaanii barreesse.

Yennaa san ilmaan mootichaa torbaatam, sooreyyii qachaa Samaariya'aa worra isaan guddisu bira jirtiiyyu. 7Yennaa xalayaan isaan dhaqqabe, isaan ilmaan mootichaa torbaatama maraayyuu ijjeesanee, mataa isaanii saaxaraa keessa keyanee, Yizre'elitti gara Yehu'uu ergane.

8Namichi ergame sun yennaa achi geye, «Isaan mataa ilmaan mootichaa fidaneeran» jedhee Yehu'utti hime. Achiin duuba Yehuun, «Seensuma karra qacha'aatitti addee lamatti tuula'aatii, haga boru ganamaatitti achuma turuu ti» jedhee ajaje. 9Boruyyaa ganama Yehuun gara seensuma karra qachaa sanii gad bayee, kolbaa achi jirtu mara dura dhaabbatee, «Isin balleessaa hin qaddanu. Mooticha Yoraamitti mala dhowee ka ijjeese ana; worra kana mara ammoo ka ijjeese eennuu? 10Mootiin Waan Maraa karaa raagicha ifii Eliyaasiitiin waan dubbate waan muummesseef, waan inni marroo sanyii Ahaabii dubbate keessaa takkaalle lafa akka hin buune beeka'a» jedhe. 11Maarre Yehuun worra sanyii Ahaabii keessaa hafee Yizre'el keessa jiru mara, sooressitoota isaa mara, jaalota isaa maraa fi hayyoota isaa mara, nama tokkolle adoo hin hamburin fixe.

Firri Mooticha Ahaaziya'aa Ijjeefame

12Yehuun Yizre'elii ka'ee gara qachaa Samaariya'aa adoo deemuu, addee quttuma tissitootaa yennaa geye, 13firoota Ahaaziyaa mooticha Yihuda'aa dhaggee, «Isin eennuu?» jedhee gaafate.

Isaanille, «Nuuti firoota Ahaaziya'aa ti; maatii mootichaatii fi maatii haadha mootichaa dubbisiisaaf gara Yizre'elii dhaqaarra» jedhane. 14Yehuun, «Worra kana jiru'uunuu booji'a'a!» jedhee ajaje. Maarre isaan namoota afurtamii lama jiru'uunuu booji'anee boolla Bet-Eqedii biratti fixane; isaan keessaa nama tokkolle hin hamburre.

Worri Mana Mootummaa Ahaabii Keessatti Hafe Marti Ijjeefame

15Yehuun achii ka'ee yennaa deeme, ilmi Rekaabii Yonaadaab isa dhaggiisaaf dhufuun, karaa irratti dhaggee, nageya fuudhee, «Akkuma gadhaan kiyya si'iif jiru gadhaan keeti naaf jiraa?» jedhee gaafate.

Yonaadaab deebisee, «Eeti'i» jedhe.

Yehuun deebisee, «Yoo akkas teete harka kiyya qabadhu» jedheen. Maarre inni harka isaa qabate; Yehuulle isa qarqaaree, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee, 16«Ana gula koyiitii hinaaffaa ani Mootii Waan Maraatiif qabu ilaal» jedhe. Maarre Yehuun garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra isa yaassisee deemane. 17Yehuun qachaa Samaariya'aa yennaa geye, worra mana mootummaa Ahaabii keessatti hafe mara ijjeese; akkuma Mootiin Waan Maraa raagicha Eliyaasitti dubbate, inni isaan balleesse.

Worri Ba'aal Waaqonfatu Ijjeefame

18Achiin duuba Yehuun kolbaa qachaa Samaariya'aa mara wolitti qabee, «Mootichi Ahaab waaqa Ba'aalii diqquma tajaajile; ani Yehuun ammoo isa caalaa hin tajaajila. 19Tanaaf amma, raagota Ba'aalii mara, tajaajiltoota isaatii fi hayyoota isaa mara naaf waama'a. Ani ciincaa guddaa Ba'aaliif waan dhikeessuuf, nami tokkolle hin hafin! Nami hafe hin ijjeefama» jedhe. Yehuun ammoo tajaajiltoota Ba'aalii balleessiisaaf mala kana dhowe. 20Tanaan duuba Yehuun, «Ulfinna Ba'aaliitiif yaa'ii lassa'a!» jedhee ajaje. Maarre isaan lassane. 21Yehuulle lafa Israa'elii duudi'itti ergaa dabarse; tajaajiltooti Ba'aalii marti tokkolle adoo hin hafin wolitti qabamane; isaan gara galma Ba'aalii seenanee, qacce'ee haga qacce'eetitti guutane. 22Achiin duuba Yehuun namicha mana woya'aa eeguun, «Tajaajiltoota Ba'aaliitiif woyaa gad baasiif» jedhe. Maarre inni woyaa isaaniif gad baase. 23Achiin duuba Yehuun, ilma Yonaadaabii Rekaab woliin gara galma Ba'aalii seenee, tajaajiltoota Ba'aaliitiin, «Tajaajiltoota Ba'aalii malee, tajaajiltooti Mootii Waan Maraa isin woliin as akka hin jirre hubadha'aatii ilaala'a» jedhe. 24Maarre Yehu'uu fi Yonaadaab ciinca'aa fi kennansa gubamu dhibiille Ba'aaliif dhikeessiisaaf gara keessaa seenane; yennaa san Yehuun namoota saddeettama galmaan alatti dhaabbachiisee, «Isin keessaa, namoota ani isinitti kennu keessaa nami tokkolle akka miliqu ka godhe, inni addee nama miliqe sanii hin ijjeefama!» jedhee isaan ifi eeggachiise.

25Yehuun akkuma kennansa gubamu dhikeessee hobbaaseen, eeddotaa fi qondaaltota loltootaatiin, «Seena'aatii isaan ijjeesa'a! Nami tokkolle hin miliqin!» jedhee ajaje. Maarre isaan shallaaga'aan isaan ijjeesane; eeddotii fi qondaaltoti loltootaa reeffa isaanii mara alatti baasanee gatane. Achiin duuba isaan gara kolloo galma Ba'aalii ta gara keessaa dhaqanee, 26soodduu woyyittii galma Ba'aalii keessaa gad baasanee gubane. 27Maarre isaan soodduu woyyittii Ba'aalii caccassanee, galma Ba'aaliille diiganee, haga adhaa mana faalowaa godhatane.

28Akka kanaan Yehuun waaqonfatiisa Ba'aalii Israa'el keessaa balleesse. 29Te'uu malee, inni cubbuu Yerobi'aamiin ilmi Nebaatii, fakkii jabbi'ii ta worqii irraa hujante, ta Israa'elooti Bet'elii fi Daan keessatti akka waaqonfattu godhe san irraa hin deebine. 30Mootiin Waan Maraa, Yehu'uun, «Ati na duratti waan dansaa gootee, waan ani yaade mara, sanyii Ahaabii irratti waan gooteef, sanyiin teeti haga dhaloota arfeesso'ootitti Israa'el irratti mootii hin teeti» jedhe. 31Yehuun ammoo seera Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii gadhaa tokkochaan hin eeganne; inni cubbuu Yerobi'aam akka Israa'elooti hujju godhe san irraa hin deebine.

Du'a Yehu'uu

32Bara san Mootiin Waan Maraa lafa Israa'elii dhiphisuu jalqabe. Mootichi Sooriya'aa Hazaa'el lafa Israa'elii, 33laga Yordaanosii irraa gara baya adu'uu lafa Giil'aadii mara, Baashaan lafa gosi Gaadii, gosi Ruubeniitii fi gosi Minaase'ee keessa le'anu, haga qachaa Aro'erii ka laga Aarnonii qabate.

34Wonni dhibiin ta Yehuun huje duudi'ii fi jannummaan isaa kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 35Yehuun du'ee, qachaa Samaariya'a keessatti awwaalame; ilmi isaa Yeho'ahaaz addee isaatitti mootii te'e. 36Yehuun Samaariyaa keessa tee'ee, woggaa diddamii saddeeti Israa'el irratti mootii te'e.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Jehu's Purge and Reforms

  • Jehu allied himself with Jehonadab son of Rechab, inviting him into his chariot to witness the purge of Ahab's house and the eradication of Baal worship. Jehonadab was the ancestor and leader of the Rechabites, a group noted in Israelite history for their strict ancestral vows.Sources: Jonadab · Rechab · the Bible text itself
  • Although Jehu systematically destroyed the temple of Baal and its sacred pillars in Samaria, the biblical record notes that he preserved the golden calves established earlier by Jeroboam son of Nebat at Bethel and Dan.Sources: Baal · Jeroboam · the Bible text itself
  • Throughout his campaign in Jezreel and Samaria, Jehu explicitly justified the killing of Ahab's seventy sons and extended royal circle as the fulfillment of the divine judgment previously proclaimed by the prophet Elijah.Sources: Elijah · Ahab · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Samaria · 32.276, 35.195 · verses 1, 6, 12, 17, 35, 36
  • Dan · Today: Tel Dan · 33.249, 35.652 · verse 29
  • Bashan · 32.781, 35.935 · verse 33
  • Gilead · Today: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · verse 33
  • Jordan · Today: Jordan River · 31.761, 35.558 · verse 33
  • Valley of the Arnon · Today: Wadi Mujib · 31.466, 35.573 · verse 33

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.