Nations Bible

2 Kings 9

Kitaaba Woyyuu · Tap a verse to see its cross-references.

Yehuun Muudamee Mootii Israa'elii Te'e

1Yennaa san raagichi Elsaa'i, miseensa raagotaa keessaa tokko waamee, «Hidha keeti hidhadhuutii, okkotee zayitii ejersaa tana fuudhiitii, Raamoot-Giili'aad deemi. 2Yennaa achi geette ilma Yoshaafaaxii akaakoo Niimshii Yehuu barbaadi; worra isa woliin jiru biraa qofitti isa baasiitii gara kollo'oo seensisi. 3Zayitii ejersaa tana mataa isaa irratti naqiitii, ‹Mootiin Waan Maraa: mootii Israa'elii akka teetu ani si muudeera siin jedha› jedhiin. Achiin duuba adoo hin turin, balbala banadhuutii baqadhu» jedhe.

4Maarre dargaggeessi raagichi Raamoot-Giili'aad dhaqe. 5Yennaa inni achi geye, ajajjooti loltootaa wolitti qabamanee tee'anuun dhaggee, «Ajaja'a! Ani ergaa sitti himu qaba» jedhe.

Yehuun, «Nu keessaa eennutti hinta?» jedhee gaafate.

Raagichi, «Ajaja'a, si'itti hima» jedhee deebise.

6Achiin duuba Yehuun ka'ee mana seene. Raagichi dargaggeessi zayitii ejersaa mataa Yehu'uu irratti naqee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: ‹Kolbaa Mootii Waan Maraa Israa'elii irratti mootii akka teetuuf ani si muudeera. 7Ani dhiiga tajaajiltoota tiyya raagotaatii fi dhiiga tajaajiltoota tiyya maraa, Iizaabel irratti haluu akka bayu, ati maatii goottaa keeti Ahaabii hin balleessita. 8Maatiin Ahaabii marti hin baddi; maatii isaa dhiira ka te'e, garba yookiin garba ka hin te'in mara Israa'el keessaa hin balleessa. 9Maatii Ahaabii akka maatii Yerobi'aamii ilma Nebaatii, akka maatii Baa'ishaa ilma Ahiiya'aa hin godha. 10Lafa Yizre'eliititti sareeleen Iizaabel hin nyaatti; nami tokkolle isii hin awwaalu› jedha» jedhee, raagichi dargaggeessi balbala banatee baqate.

11Yennaa Yehuun gara ajajjoota loltoota goottaa ifii deebi'ee gad baye, isaan keessaa tokkochi, «Wonni marti nageyaa? Namichi maraataan kun maaf gara keeti dhufe?» jedhee gaafate.

Yehuun deebisee, «Heci, namichalle, waan inni dubbatulle isinuu hin beettan» jedhe.

12Isaan deebisanee, «Nutti himi malee, tun dhuga'aa moti» jedhane.

Yehuulle, «Wonni inni natti hime, Mootiin Waan Maraa, ‹Ani akka ati mootii Israa'elii teetuuf si muudeera› siin jedha» naan jedhe.

13Achiin duuba isaan marti woyaa ifi irraa baafatanee, yaabbannoo Yehuun irra deemu irratti afaneefii, tultullaa afuufaa, qoonqoo ol qabatanee, «Yehuun mooti'i» jedhane.

Yehuun Yoraamii fi Ahaaziyaa Ijjeese

14Maarre Yehuun ilmi Yoshaafaaxii akaakoon Niimshii, Yoraam irratti mala dhowe; yennaa san Yoraamii fi namooti Israa'elii marti mootichi Sooriya'aa Hazaa'el Raamoot-Giili'aad akka hin lolle eegiisatti jiraniiyyu. 15Mootichi Yoraam ammoo madaa ifii ta mooticha Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol loluu loltooti Sooriya'aa isa madeessite san fayyiisaaf Yizre'elitti deebi'eeraayyu; Yehuun, «Kun yaada keessan yoo te'e, nami tokkolle qachaa kana keessaa miliqee bayee, Yizre'el keessatti dubbii tana akka hin dubbanne eega'a» jedhe. 16Yennaa san Yoraam dhibamee qachaa Yizre'elii keessa waan irkateeruuf, Ahaaziyaan mootiin Yihuda'aa isa ilaaliisaaf gad bu'e; tanaaf Yehuun garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'ee, gara qachaa Yizre'elii dhaqe.

17Eeddichi xelleephoo dalleya Yizre'elii irra jiru, loltooti Yehu'uu dhufaaranuun dhaggee, qoonqoo ol qabatee, «Loltoota dhufiisatti jiranu takka dhagge!» jedhe.

Yoraam deebisee, «Abbaa fardaa tokko itti ergiitii, ‹Isin nageyaafuu dhufaartanii?› jedhee gaafatuu ti» jedhe. 18Abbaan fardaa sun farda irra tee'ee gara Yehu'uu dhaqee, «Mootichi, ‹Nageyaafuu dhufaartanii?› isiniin jedha» jedhee gaafate.

Yehuun deebisee, «Ati Nageya irraa maan qadda? Gara duubaa tariitii na hordofi» jedhe.

Eedichi xelleephoo irra jiru sun, «Ergantichi isaan bira geyeera; ammoo deebi'ee dhufiisatti hin jiru» jedhee mootichatti hime.

19Achiin duuba mootichi abbaa fardaa dhibii itti erge; innille gara isaanii dhaqee, «Mootichi, ‹Nageyaafuu dhufaartanii?› isiniin jedha» jedheen. Yehuun deebisee, «Ati Nageya irraa maan qadda? Gara duubaa tariitii na hordofi» jedhe.

20Eedichi xelleephoo irra jiru sun, «Ergantichi isaan bira geyeera; ammoo deebi'ee dhufiisatti hin jiru; sooressaan loltoota sanii akka nama maraatee garreettaa fardaan harkifamu waan oofuuf, oofiis isaa oofiisa Yehuu ilma Niimshii fakkaata» jedhee mootichatti hime.

21Mootichi Yoraam, «Garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu naaf qopheessa'a» jedhee ajaje; isaanille qopheessanee, innii fi mootichi Yihuda'aa Ahaaz qofi qofitti garreettaa ifii ka fardaan harkifamu irra tee'anee, gara Yehuu dhaqanee, fichaa Naabotii Yezire'elichaa keessatti isa dhaggane. 22Yoraam yennaa Yehuu dhagge, «Yehuu! Nageyaafuu dhuttee?» jedhee gaafate.

Yehuun deebisee, «Waaqonfatiis waaqota dharaatii fi moruun haadha teeti Iizaabelii haga jirtu nageya maanti jiraa?» jedhe.

23Yoraam Ahaaziyaa waamee, «Ahaaziya'a! Tun maltumma'a!» jedhee garagalee dheete. 24Yehuun guubee ifii hunnaan harkisee daaya ceekuu Yoraamii lamaan wodhakka'atti gad lakkisee, onnee isaa woraane; Yoraamille garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessatti jige. 25Yehuun qarqaarticha ifii Biidkaariin, «Reeffa isaa fuudhiitii fichaa Naabotii Yizre'elichaa keessatti gati. Anii fi ati garreettaa fardaan harkifamu yaabbannee, abbaa isaa Ahaab duubaan deemiisatti jirruun, Mootiin Waan Maraa marroo isaatiif raaga dubbate san qaabadhu. 26Mootiin Waan Maraa, ‹Ani kalee dhangala'iisa dhiiga Naabotiitii fi dhiiga ilmaan isaa dhaggeera; ani dhugumaan fichuma kana keessatti akka ati haluu baatu hin godha› jedha; tanaaf akka Jecha Mootii Waan Maraatitti, reeffa Yoraamii fuudhiitii fichaa Naabotii keessatti gati» jedhe.

27Mootichi Yihuda'aa Ahaaziyaan waan te'e kana duudii yennaa dhagge, garreettaa ifii ka fardaan harkifamu yaabbatee, karaa gara qachaa Bet-haaganii geessu baqate. Yehuun isa ari'ee, «Isalle ijjeesa'a» jedhee ajaje. Isaanille qachaa Yible'aamii biratti karaa tarba Guuriititti garreettaa isaa ka fardaan harkifamu keessatti isa madeessane. Inni ammoo gara qachaa Megidoo baqatee, achitti du'e. 28Tajaajiltooti isaa reeffa isaa garreettaa fardaan harkifamuun gara Yerusaalemii geessitee, qachaa Daawitii keessatti addee awwaala abbootii isaatitti isa awwaalte.

29Ilmi Ahaabii Yoraam mootii Israa'elii te'ee, woggaa kudhanii tokkeesso'ootitti, Ahaaziyaan mootii Yihuda'aa te'e.

Giittittiin Iizaabel Ijjeefante

30Yehuun gara Yizire'elii akka dhufe Iizaabel yennaa dhageette, ila ifii kuulattee, mataa ifii dhowattee foddaa manaatiin gad ilaalte. 31Akkuma Yehuun karra ol seeneen, isiin qoonqoo ol qabattee, «Ee Ziimrii goottaa keeti ijjeette, nageyaafuu dhuttee?» jette.

32Yehuun gara fodda'aa ol ilaalee, «Nami naa golu eennuu? Eennu ree?» jedhe; yoos guneessoti lama yookiin sad gara isaa gad ilaalane. 33Yehuulle isaaniin, «Gad isii darba'a!» jedhe. Yennaa isaan gad isii darbane, dhiigi isi'ii gariin dalleya dhaka'aatii fi fardoo irratti faca'e; Yehuun fardoo isii irra oofee, fardoon irra sirbite. 34Inni gara manaa seenee nyaatee unne; achiin duuba inni, «Dubartittiin abaarantuun tun, intala mootichaa waan teeteef, fuudha'aatii awwaala'a» jedhe. 35Isaan yennaa isii awwaaliisaaf gad bayane ammoo, buqqii mataa isi'ii, miilaa fi ganaa harka isi'ii malee womaa hin dhaggine. 36Yennaa isaan waan kana Yehu'utti himane inni, «Kun jecha Mootii Waan Maraa ka karaa tajaajilaa ifii Eliyaasii Tishibeetichaatiin, ‹Lafa Yizre'elii keessatti sareen foon Iizaabelii hin nyaatti. 37Nami tokkolle: tun Iizaabel jechuu akka hin dandeennetti, reeffi isi'ii akka kosi'ii lafa Yizre'elii keessatti hin gatama› jedhee dubbate» jedhe.

Artistic illustration — an interpretation, not a historical record.

Did you know?

Jehu's Anointing and the Fall of Ahab's House

  • Ramoth-gilead was a contested border city east of the Jordan where Israel's military commanders were stationed against Hazael, king of Aram, while King Joram recovered in Jezreel. It was in this military camp that a disciple sent by the prophet Elisha privately anointed the commander Jehu as king.Sources: Ramoth-gilead · Jehu · the Bible text itself
  • Jehu ordered the slain king Joram thrown onto the property of Naboth the Jezreelite. This fulfilled a prophetic judgment against the dynasty of Ahab for the wrongful death of Naboth and the seizure of his ancestral vineyard near the palace in Jezreel.Sources: Naboth · Jezreel · the Bible text itself
  • Jezebel was the daughter of Ethbaal, king of the Sidonians, before marrying Ahab. Even after orchestrating her death, Jehu acknowledged her royal background when he ordered her burial on the grounds that she was a king's daughter.Sources: Jezebel · the Bible text itself

Notes written with AI assistance from open sources (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, public domain) and reviewed before publishing.

Places in this chapter

  • Syria · Today: Aram · 33.511, 36.306 · verses 14, 15
  • Megiddo · Today: Tel Megiddo · 32.585, 35.184 · verse 27
  • City of David · 31.774, 35.236 · verse 28
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · verse 28

Only places identified with high confidence are shown (90% or more according to the scholarly sources compiled by OpenBible). Period map: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; modern map: © OpenStreetMap contributors; places: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Credits and license for this translation
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Source: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Talk to us

Tell us where you read from, how the Bible has helped you, or what we could improve. We read every message.