Zacarias 7
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Fudhatama Dhaba Laama Kijibaa
1Daariyos mootii te'ee, woggaa arfeesso'ootitti, ji'a sagaleesso'oo ka «Kisluu» jedhamu, guyyaa arfeesso'ootitti, jechi Mootii Waan Maraa gara Zakaariyaasii dhufe; 2Kolbaan Bet'elii, worra Shaarezeriitii fi Regiimelekinii namoota isaanii woliin gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanee eebba Mootii Waan Maraa akka kadhatanuu fi 3«Akkuma woggaa heddu'uuf godhaa turre, ji'a shaneesso'ootitti, diigama Galma Waaqaatiif laamaa, bowuulle qannaa ree?» jedhanee hayyoota Galma Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeetii fi raagota isaa, akka gaafatanuuf ergane.
4Ammalle jechi Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee gara kiyya dhufee, 5«Kolbaa lafaa duudi'iitii fi hayyoota duudii, ‹Woggoota torbaatama dabarane keessa, ji'a shaneesso'ootii fi torbeesso'ootitti yennaa laamtanee, boottanelle dhuguma naaf laamtanee? 6Yennaa nyaattanuu fi untanu, ifumaafuu nyaataa unaa turtanee motii ree?
7«‹Yerusaalemii fi qachooti ollaa isi'ii duroomanee, yennaa namooti itti heddatane, namoota adaala ollaa qacha'aa le'anu qofa adoo hin te'in, ka kutaa kibbaatii fi kooba gara seensa adu'uu jalaatiifille, jechi Mootii Waan Maraa karaa raagota duriitiin dubbate kanumaa motii ree?› jedhii gaafadhu» naan jedhe. 8Jechi Mootii Waan Maraa ammalle gara kiyya gara Zakaariyaasii dhufee, 9«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muraa dhuga'aa mura'a; woli woliif arjooma'a; wolille'eef marara'a. 10Haadhotii hiyyeessaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne, orma, yookiin hiyyeeyyii hin miicina'a. Gadhaa keessan keessatti hantuu woliif hin yaadatina'a› jedha» jedhe.
11Isaan ammoo dhage'uu didanee, mataa jabaatane; akka hin dhageenneefille gurra ifii cuqqaalatane. 12Isaan seeraa fi jecha Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade ayyaana ifiitiin karaa raagota duriitiin erge akka hin dhageenneef gadhaa ifii akka cabbi'ii jabeessane. Tanaaf mufiin guddoon Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadee isaan irratti dhutte. 13Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Yennaa ani isaan waame isaan na dhage'uu waan didaneef, anille yennaa isaan na waammatane isaaniif hin dhageenne» jedha. 14Kolbaa biyyaa adda addaa ta hin beenne keessa akka le'anu, akka bubbe'ee isaan bittinneesse. Latti dansaan isaan keessaa bayane sun ona teete; nami tokkolle achi keessa hin le'u; ittille hin galu. Akka kanaan latti sun onte.

Você sabia?
O verdadeiro jejum e a justiça
- No quarto ano do rei Dario, uma delegação que incluía Sarezer e Regem-Meleque chegou a Jerusalém para perguntar aos sacerdotes e profetas se o povo deveria continuar observando os jejuns anuais mantidos por setenta anos durante o exílio.Fontes: o próprio texto bíblico · Sherezer · Regem-melech · Darius
- A resposta de Zacarias relembrou as advertências dos profetas anteriores antes da queda de Jerusalém, ressaltando que os jejuns religiosos são sem sentido se não forem acompanhados de verdadeira justiça, misericórdia e cuidado com viúvas, órfãos, estrangeiros e pobres.Fontes: o próprio texto bíblico · Zechariah · Jerusalem
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 7
- Shephelah · 31.692, 34.875 · versículo 7
- South · Hoje: Negeb · 31.245, 34.841 · versículo 7
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org