Nations Bible

Zacarias 6

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Mudhii Garreettaa Fardaa Afur

1Ani ammalle ol ilaalee, garreettaan fardaan harkifamu afur gaarota sageettu'uu lamaan wodhakka'aa bayanee dhufanuun dhagge. 2Garreettaan fardaa ka qaraa fardoo arrowaan, garreettaan lammeesso'oo fardoo daama'aan, 3ka sadeesso'oo fardoo bororaan, ka arfeesso'oo fardoo buburre'een harkifamaniiyyu; marti isaaniituu jajjaba. 4Achiin duuba ani ergamaa Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiruun, «Ee goottaa kiyya, garreettaan fardaa kun maan?» jedhee gaafadhe.

5Inni deebisee, «Isaan kun qilleensa ol-gubba'aa ka maddii afurii ti; isaan worra Goottaa lafa duudi'ii tajaajiliisa irraa dhufane» anaan jedhe.

6Garreettaan fardoo gugurraayye'een harkifamu gara kaabaa, ka fardoo adaadi'iin harkifamu gara seensa adu'uu, ka fardoo buburre'een harkifamu gara kibbaa deemaaraniiyyu. 7Fardoon jajjabi yennaa baate, lafa qorqoriisaaf worraaqatteertiiyyu. Ergamaan Waaqaa isaaniin, «Lafa duudii keessa deddeema'a» jedhe. Isaanille lafa duudii keessa deddeemane. 8Achiin duuba ergamaan Waaqaa na waamee, «Fardoon gara kaaba Baabilonii dhaxxe, mufiin Waaqaa akka qabbanoottu goote» jedhe.

Kallachi Iyaasu'utti keyame

9Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 10«Heldaayi, Xobiiya'aa fi Yedaa'iyaa worra biyya Baabiloniititti booji'amanee deebi'ane irraa meeti'ii fi worqii fuudhiitii, gaafasuma gara mana Yosiyaasii ilma Sefaaniya'aa dhaqi! 11Meeti'ii fi worqii fuute san kallacha hujiitii, mataa Iyaasuu hayyicha guddaa ilma Yozaadaaqii irra keyi. 12Achiin duuba Iyaasu'uun, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Namichi damee jedhamu tokko asi jira; inni addee ifii jirutti damee baafatee waan banqaaquuf, Galma Mootii Waan Maraa hin ijaara. 13Ka Galma Mootii Waan Maraa ijaaru isa. Ulfinna mooti'ii qabaatee, barcumaa mootumma'aa irra tee'ee hin bulcha. Hayyichi tokko barcumaa mootummaa isaa bira dhaabbata; isaan lamaanuu woliigalaa fi nageyaan hujan› jedha; 14kallachi isaalle Heelemiif, Xobiiya'aaf, Yedaa'iya'aaf, Heenii ilma Sefaaniyaatiif Galma Mootii Waan Maraa keessatti yaadannoo hin te'a.

15«Worri biyya fagoo le'anu, Galmi Waaqaa deebifamee yennaa ijaaramu qarqaariisaaf hin dhufan. Galmi Waaqaa yennaa deebifamee ijaarame, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade gara keessan akka na erge hin beettan. Yoo isin guutumatti Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif ajajantane tun marti hin teeti» naan jedhe.

Você sabia?

Os Quatro Carros e a Coroação do Renovo

  • O capítulo inicia com a visão de quatro carros puxados por cavalos de cores distintas saindo dentre dois montes de bronze. O anjo intérprete explica que eles representam os quatro espíritos ou ventos dos céus que saem da presença do Senhor para patrulhar a terra.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Zacarias recebe a ordem de recolher prata e ouro trazidos por exilados que retornaram da Babilônia para fazer uma coroa e colocá-la sobre o sumo sacerdote Josué, filho de Jeozadaque. O ato profético apontava para uma figura chamada Renovo, que edificaria o templo e uniria os papéis de rei e sacerdote.Fontes: o próprio texto bíblico · Joshua · Josedech · Babylon
  • Após a coroação simbólica, a coroa deveria permanecer guardada dentro do templo do Senhor como memorial em homenagem aos homens que forneceram os metais preciosos.Fontes: o próprio texto bíblico · Helem · Tobijah · Jedaiah

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 10

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.