Nations Bible

Zacarias 11

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Jinnana Worra Hin ajajanne

1Ee, Libaanon!

Ibiddi muka hindheensaa keeti

akka fixuuf

balbala teeti bani!

2Muki hindheensaa waan jigeef,

isin muki birbirsaa bowa'aatii wiiccifadha'a!

Muki jajjabaan marti badeera!

Gongomaan ciggaan waan cirameef,

ee, qilxaa Baashaanii, bowiitii wiiccifadhu!

3Addeen horii tiffatanu

waan isaan duraa baddeef,

bowa worwaanata tissitootaa dhage'a'a!

Gongomaan laga Yordaanosii

waan badeef

dhangaa dhowiisa neenqaa dhage'a'a!

Tissitoota Lama

4Mootiin Waan Maraa Waaqi kiyya anaan, «Hoolee qalmaaf qopheeffanteertu tiffadhu. 5Worri isaan bitatu yennaa isaan qaltanu hin adabamanu; worri isaan gurguratelle, ‹Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti! Nuuti duroonneera!› jedhan; tissitooti isaaniituu isaaniif hin nayanu; 6ani haganaa achi worra lafa irra le'u tokkolle'eef hin nayu; kunoo, ani tokko tokkoo isaaniituu harka olla'aa fi mootii isaaniititti dabarsee hin kenna. Isaan biyya san hin balleessan; anille harka isaanii keessaa isaan hin baasu» jedha.

7Ani hoolee qalmaaf qopheeffante san, keessattuu worra miicamane saniif tissee te'e; ulee lamaan fuudhe; maqaa takkatti'ii, «Jaalatantuu», ta lammeesso'ootiin, «Tokkummaa» jedhee moggaase; hoolota sanille bobbaase.

8Ji'a tokko keessatti tissitoota sad ari'e; hooloti na jibbite; anille isaan hifadhe. 9Tanaaf ani holotaan, «Ani haganaa achii tissee keessan hin te'u. Ka du'anu du'anuu ti. Ka badanu badanuu ti. Ka hafanelle foon woli wolii nyaatanuu ti» jedhe. 10Achiin duuba gondooroo Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa woliin gondoore diigiisaaf, ani ulee tiyya ta, «Jaalatantuu» jedhantu fuudhee casse. 11Gaafasuma gondooroon diigante. Daldaltooti hoole'ee, ka na dhaggiisatti jiranu, kun jecha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane. 12Ani isaaniin, «Yoo feetane mindaa kiyya naa kenna'a; yoo hin fedhin ammoo lakkisa'a» jedhe. Isaanille mindaa kiyya meetii soddoma naaf kennane.

13Mootiin Waan Maraa anaan, «Meetii san saanduqa Galma Waaqaa keessa buusi!» jedhe. Tanaaf, «Mindaa geya'a» jedhanee ka isaan naaf kennane, meetii soddoma san fuudhee, saanduqa Galma Waaqaa keessa buuse. 14Achiin duuba tokkummaa Yihuda'aatii fi Israa'elii diigiisaaf, ulee tiyya lammeesso'oo ta, «Tokkummaa» jedhantu casse.

15Itti aansee Mootiin Waan Maraa anaan, «Meya tissitoota gowwoolee sanii fuudhi. 16Kunoo, ani tissee hoolee baddeef hin yaadanne, ilmoolee badde ka hin barbaanne, ka miidhamane ka hin fayyine, yookiin fayyaaleyyii ka hin tissine biyya irratti hin kaasa; inni ka coomane hin nyaata; qeenca isaaniille hin buqqisa.

17«Tissee gatii hin qanne,

ka hoolota hin eenneef aanne'e!

Shallaagaan, harka isaa middicha isa irraa kutuu ti!

Ila isaa middittiille keessaa baasuu ti!

Harki isaa ijjumaa goguu ti!

Ilti isaa middittiin ijjumaa badduu ti!» jedhe.

Você sabia?

Os dois cajados e o verdadeiro pastor

  • O lamento inicial evoca regiões célebres da paisagem bíblica, lamentando a destruição dos magníficos cedros da cordilheira do Líbano, dos carvalhais de Basã e da densa vegetação ao longo do rio Jordão.Fontes: o próprio texto bíblico · Lebanon · Bashan · Jordan
  • Zacarias realiza um sinal profético ao pastorear um rebanho com dois cajados simbólicos, chamados Favor e União. Com o tempo, ele quebra ambos os cajados para representar a anulação de uma aliança com os povos e a quebra da fraternidade entre Judá e Israel.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Quando o profeta pede seu salário por pastorear o rebanho, recebe trinta moedas de prata. Seguindo a ordem do Senhor, ele lança esse pagamento ao oleiro na casa do Senhor.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 1
  • Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 2
  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 3

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.