Zacarias 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Adde'etti Deebi'iisa Kolbaa Yihuda'aatii fi Israa'elii
1Rooba furmaataa akka isinii kennuuf,
Mootii Waan Maraa gaafadha'a;
ka duumensa roobaa ergee,
tiifuu roobaa isinii kennee,
fichaa magariisa godhu Mootii Waan Maraa ti.
2Waaqoti dharaa
waan gatii hin qanne dubbatan;
worri moru mudhii dharaa dhaggan;
oojjuu sobaalle himan.
Isaan akkasumaan
nama jajjabeessan;
tanaaf kolbaan tissee dhaddee rakkattee,
akka hoole'ee joonjiti.
3Mootiin Waan Maraa, «Ani tissitootatti guddoo aareera;
sooressitootalle hin adaba.
Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade
hoolota tiyya kolbaa Yihuda'aa hin kunuunsa.
Akka farda kiyya ka lolaa ka ittiin kooruu
isaan hin godha.
4Kolbaa Yihuda'aa keessaa
bulchitooti
ta akka dhakaa roga ijaarsaa
ta akka togaa dunkaanaatii fi
guubee lolaa jiranu hin ka'an.
5Isaan wolumatti te'anee
akka loltoota jajjabaa
diinota ifii dhoqqee karaa keessaa irratti
dhidhiitanee injifatanuu hin te'an.
Mootiin Waan Maraa isaan woliin waan jiruuf
isaan lola keessatti
abbootii fardaa diinota hin qaanessan.
6«Ani kolbaa Yihuda'aa hin jabeessa;
kolbaa Israa'eliille hin fayyisa.
Ani isaaniif waan nawuuf,
akka duriititti isaan hin deebisa.
Isaan akka ani tanaan qara
ijjumaa isaan lakkisee hin beennee hin te'an.
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te'eef,
daadimata isaanii hin dhage'a.
7Kolbaan Efreemii akka worra jajjabaa hin te'an.
Isaan akka nama daadhii woyni'ii unee hin gammadan.
Ijoolleen isaanii tana dhaggitee hin gammaddi;
gadhaan isaaniille Mootii Waan Maraatitti hin gammada.
8Ani kolbaa tiyya beessisaan waamee
wolitti isaan hin qaba.
Ani isaan waan woduuf
akkuma durii laakkossa isaanii hin fakkansa.
9Ani gosa biyya adda addaa oddu'utti
isaan bittinneessulle
biyya fagoo san jiraatanee na hin qaabatan.
Isaanii fi ijoolleen isaanii jiraatanee,
gara biyya ifii hin deebi'an.
10Ani biyya Gibxi'iitii
deebisee isaan hin fida.
Biyya Asoorii keessaalle'ee
haga latti isaan dhiphattutti
wolitti isaan qabadha.
Gara biyya Giil'aadiitii fi Libaanonii
deenisee isaan hin galcha.
11Yennaa isaan abbaayaa rakko'oo keessa dabaranu,
ani danbalii hin dhowa.
Qilee ka te'e lagi Nayilii hin goga.
Asoor hin salphatti;
Gibxille ulee bokku'uu
ta mootumma'aa hin dhaddi.
12Ani kolbaa tiyya hin jajjabeessa.
Isaanille jecha kiyyaaf hin ajajaman» jedha.
Você sabia?
Restauração e o ajuntamento do rebanho
- Zacarias inicia contrastando o Senhor, que concede as chuvas de primavera essenciais para as colheitas, com os ídolos e adivinhos cujas promessas vazias deixavam o povo disperso como ovelhas sem pastor.Fontes: o próprio texto bíblico
- A profecia menciona explicitamente a casa de Judá e a casa de José (representada por Efraim), vislumbrando a reunificação e o fortalecimento de ambos os reinos do antigo Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Joseph (son of Jacob) · Ephraim
- O Egito e a Assíria representam as grandes potências e regiões de exílio de onde o povo disperso seria reunido para repovoar terras férteis, como Gileade, a leste do Jordão, e o Líbano, ao norte.Fontes: o próprio texto bíblico · Egypt · Assyria
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículos 10, 11
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 10, 11
- Gilead · Hoje: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículo 10
- Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 10
- Nile · Hoje: Nile River · 31.465, 30.367 · versículo 11
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org