Nations Bible

Romanos 8

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Ayyaana Waaqaatiin Jiraachuu

1Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le'u, amma muraa yakka'aa jala hin jiru. 2Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu'uutii fi du'aa jalaa na baaseera. 3Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure. 4Nu worra akka fedha foonii adoo hin te'in, akka fedha Ayyaanaa leenu keessatti, wonni Seerri nu irraa gaafatu balchichi akka muummowuuf, Waaqi tana godhe. 5Worri akka fedha foonii le'u waan foonii, worri akka fedha Ayyaanaa le'u ammoo waan ayyaanticha yaadatan. 6Yaada fooniitiin mowamuun du'a fida; yaada Ayyaanaatiin mowamuun ammoo jiru'uu fi nageya kenna. 7Nami yaada fooniitiin mowamu diina Waaqaa ti; sababille inni Seera Waaqaatiif hin ajajamu; ajajamiisaafille hin dande'u. 8Worri yaada fooniitiif ajajamu Waaqa gammachiisuu hin dande'u.

9Dhugumaan, Ayyaanni Waaqaa isin keessa waan jiruuf, isin akka fedha Ayyaanaa malee, akka fedha foonii hin leetanu. Nami Ayyaana Kiristoosii hin qannelle nama Kiristoosiitii moti. 10Yoo Kiristoos isin keessa jiraate, sababa cubbu'uutiif nafi keessan du'ulle, sababa balchumma'aatiif Ayyaanni jiruu isinii kenna. 11Ayyaanni Waaqaa ka Yesuus du'a keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, ka Kiristoos du'a keessaa kaase, karaa Ayyaana ifiitiin nafa keessan ka du'uufille jiruu hin kenna. 12Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Nuuti waan godhuu qannu qanna; wonni godhuu qannu sunille akka fedha foonii le'iisaa moti. 13Yoo akka fedha foonii leetane, hin duutan; ammoo hunna Ayyaana Woyyichaatiin hujii fedha foonii yoo ijjeettane jiru'uun leetan. 14Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti. 15Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba'a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda'aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne. 16Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya. 17Maarre ijoollee Waaqaa eega teene, isa hin dhaalla; Kiristoos wolille'een hin dhaalla; amma rakkinna Kiristoosii eega qoodanne, ulfinna isaalle hin qoodanna.

Ulfinna Dhufu

18Rakkinni ammaa kun ulfinna gara duraa nu'uuf mudhatu woliin wol bira qabamee ilaalamuu akka hin dande'annetti ani laakkowa. 19Dadi duudiin mudhachuu ijoollee Waaqaa dharraa gudda'aan eegiisatti jirti. 20Dadi duudiin ta gatii hin qanne akka teetuuf itti murameera; kunille fedhii ifiitiin adoo hin te'in, fedhii Waaqa akka dadi duudiin addi'iin eeggattu godheetiin teete. 21Addiin sunille ta dadi duudiin gaafa tokko garbummaa badi'ii jalaa baatee, ulfinna bilisummaa ijoollee Waaqaa qoodantu. 22Dadi duudiinuu haga ammaa ciniinsifatiisaan aadiisatti akka jirtu hin beenna. 23Dada qofa adoo hin te'in, nuutinuu worri Ayyaana kennaa mata'aa te'e qannu, Waaqi ilma isaa ka guddisaa te'iisa keenna akka mudhisuu fi du'a jalaa wodamiisa keenna eegataa, keessa keennatti aadiisatti jirra. 24Nuuti yennaa fayyine waan addi'iin eegataa jirrutti jira; wonni addii godhannu waan fudhanneerru yoo te'e, addii te'iisi isaa hin hafa. Waan fudhateeru ka addi'iin eegatu eennu ree? 25Waan hin fudhatin yoo addii godhanne ammoo, ossaan hin eeganna.

26Akkuma kana Ayyaanni dadhabbii teenna nu qarqaara; attam akka daadimannu nuuti waan hin beenneef, Ayyaanni ammoo aaduu dubbi'iin himantee hin dandeenneen nu'uuf daadimata. 27Waaqi gadhaa namaa qorqorulle, yaadi Ayyaanaa maan akka te'e hin beeka; sababille Ayyaanni akka fedha Waaqaatitti kolbaa Waaqaatiif daadimata.

28Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa'aaf akka isaanii godhu hin beenna. 29Worri inni dursee filate akka Ilma isaa fakkaatuu fi Ilmi isaalle obboleeyyan hedduu oddu'utti angafa akka te'uuf, waan Waaqi dursee murteesseeruuf tun teete. 30Worra dursee murteesse waameera; worra waamelle balchoonseera; worra balchoonselle ulfeesseera.

Jaalala Waaqaa

31Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande'a? 32Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree? 33Worra Waaqi fooyate eentu himata? Ka isaan balchoonsu Waaqa. 34Eentu itti mura ree? Kiristoos Yesuusiin du'ee, du'a keessaa ka'ee midda Waaqaa jiru, nu'uuf daadimatiisatti jira. 35Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko'oo moo farra? Miidha'a moo beela? Daara moo bala'a? Yookiin du'aa ree? 36Tun tama Barreeffam Woyyichi,

«Si'iif jennee guyyuma guyya'aan ijjeefanna;

akka hoolee qalantuutitti laakkowanneerra» jedhu.

37Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaalateetiin injifattoota caalleerra. 38Du'alle te'ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te'ee bulchitooti ol-gubba'aa, wonna amma jirulle te'ee wonni dhufu'uuf jiru, hunnootalle yoo te'e, 39wonna gubbaa jirulle te'ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te'e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande'ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.

Você sabia?

Nenhuma condenação e o Espírito da vida

  • Romanos 8 começa dizendo que agora não há condenação para os que estão em Cristo Jesus. O texto contrapõe a lei do Espírito da vida, que os liberta, à lei do pecado e da morte. O que a lei não pôde fazer, por estar enfraquecida pela carne, o capítulo afirma que Deus fez ao enviar o próprio Filho na semelhança de homem pecador, como oferta pelo pecado.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O capítulo diz que todos os que são guiados pelo Espírito de Deus são filhos de Deus. Eles não receberam um espírito de escravidão que os devolva ao medo, mas o Espírito de filiação, pelo qual clamam: "Aba, Pai!" O próprio Espírito testemunha com o espírito deles que são filhos de Deus e, portanto, herdeiros de Deus e coerdeiros com Cristo, se de fato sofrem com ele para também serem glorificados com ele.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O capítulo une três tipos de gemido. Toda a criação geme junta em dores de parto, enquanto os que têm as primícias do Espírito gemem interiormente, à espera da adoção como filhos, a redenção do corpo. Do mesmo modo, o Espírito os ajuda na fraqueza: eles não sabem como devem orar, mas o Espírito intercede por eles com gemidos profundos demais para serem postos em palavras.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.