Romanos 7
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Seera Jalaa Bilisa Te'uu
1Obboleeyyan tiyya! Ani worra seera beekuuf dubbadha. Seerri haga nami jiru'uun jiru qofa nama irratti baallii qaba. 2Fakkeennaaf, dubartiin heerumte takka, haga dhirsi isi'ii jiru seeraan itti hidhanteerti; yoo inni du'e ammoo, seera ittiin hidhante san jalaa baateerti. 3Tanaaf dhirsi isi'ii adoo jiruu, dhiira dhibii yoo heerumte, gaarayyeeffattuu jedhanti. Dhirsi isi'ii yoo du'e ammoo, isiin seera isatti hidhante jalaa hin baati; dhirsa dhibii yoo heerumtelle gaarayyeeffattu'uu moti. 4Obboleeyyan tiyya! Haalli keessanille kanuma fakkaata; isin qooda nafa Kiristoosii waan teetaneef, Seera jalaa duutaneertan; tanaaf, akka nuuti tajaajila Waaqaatiif midhaan buunnuuf, isin ka Kiristoosii du'a keessaa ka'ee teetaneertan. 5Yennaa nuuti akka yaada foonii leenu san, halchaan hantuun Seeraan nunnuffantu, akka nuuti du'aaf midhaan buunnu, qoqooda nafa keennaa keessatti hujiisatti jirtiiyyu. 6Amma ammoo, Seera nu hidheeru jalaa duunee, hidhaansa isaa jalaa baaneerra. Tanaaf haganaa achi karaa haareya Ayyaanaatiin malee, karaa Seera dullacha barreeffameeruutiin hin tajaajillu.
Seeraa Fi Cubbuu
7Yoona maan jenna ree? Seerrinuu cubbu'u jennuu ree? Waawwo'o! Ammoo cubbuun maan akka teete akka ani beeku ka godhe Seera. Adoo Seerri, «Hin kajeelin» jedhuu dhabe kajeellaan maan akka teete, ani sila hin beekuuyyu. 8Cubbuun karaa ajaja Seera irraa dhufeetiin, halchaan marti akka na keessatti nunnuffantu goote. Ammoo addee Seerri hin jirretti cubbuun waan du'e. 9Yennaa dur Seerri hin jirre ani jiru'uun le'eera; ammoo yennaa ajaji Seeraa dhufe cubbuun jiruu dhaggattee, 10ani du'e. Ajaji Seeraa ka jiru'uuf kennamelle du'a natti fide. 11Cubbuun karaa ajaja Seeraatiin na soddee, na ijjeette.
12Maarre, Seerri woyyu'u; ajaji isaalle woyyu'u, balcha'aa fi dansa'a. 13Eegasuu waanuma dansa'attuu du'a natti fide jechu'uu ree? Waawwo'o! Cubbuun cubbuu teetee akka mudhattuuf, karaa waan dansa'aatiin, du'a natti fidde. Karaa ajajaatiinille, cubbuun irra caalaa cubbuu teete.
Wodhaantoo Jiruu Namaa Keessa Jirtu
14Seerri ayyaanticha akka te'e hin beenna. Ani ammoo nama foonii, ka garbicha cubbu'uu te'iisaaf gurgurameeru. 15Ani waan godhu hin hubadhu; ani waan godhiisaaf barbaadu hin godhu, ammoo waan jibbu godha. 16Ani eega waan hin barbaanne godhu teete, Seerri dansaa akka te'e wolii gala. 17Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu na keessa jirtu malee anaa moti. 18Ana keessa yookiin namummaa kiyya keessa wonni dansaan takkattiille akka hin jirre ani hin beeka. Waan dansaa godhiisaaf halchaan na keessa jiraattulle, ani waan dansaa godhiisaaf hin dandeenne. 19Ani waan dansaa godhiisaaf barbaade hin godhu; ammoo hantuu godhiisaaf hin barbaanne godha. 20Ani yoo waan godhiisaaf hin barbaanne godhu teete, ka kana godhu cubbuu na keessa jirtu malee, anaa moti.
21Maarre ani Seerri hujii irra ooluun dhagga; ani yennaa waan dansaa godhiisaa barbaadu, seerri namumma'aa akka ani hantuu qofa godhu na tolcha. 22Keessi kiyya Seera Waaqaatitti gammada. 23Te'uu malee seera dhibii ka nafa kiyya keessatti, seera qalbiin tiyya fudhatu woliin wol lolu dhagga. Seerri dhibiin na keessatti hujiisatti jiru sun, seera cubbu'uu ti; inni garba ifii na godhateera. 24Ani nama farraamessa attamiiti! Foon gara du'aa na geessaaru kana jalaa eentu na baasa? 25Karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin galanni Waaqaaf te'u!
Maarre, qalbii tiyyaan ani garbicha Seera Waaqaa ti; foon kiyyaan ammoo garbicha seera cubbu'uu ti.
Você sabia?
A autoridade da lei e o conflito interior
- Este capítulo afirma que a lei tem autoridade sobre uma pessoa apenas enquanto essa pessoa vive. Explica isso com o casamento: a mulher está ligada pela lei ao marido enquanto ele vive, mas, se ele morre, ela é libertada da lei do casamento e não é chamada de adúltera mesmo que se case com outro homem. O autor diz então que seus irmãos também morreram para a lei por meio do corpo de Cristo, para pertencer àquele que foi ressuscitado dentre os mortos, dar fruto para Deus e servir no novo caminho do Espírito, e não no antigo caminho do código escrito.Fontes: o próprio texto bíblico
- Quando o autor pergunta se a lei é pecado, ele responde: "Certamente que não!" Diz que não teria tido consciência da cobiça se a lei não tivesse dito: "Não cobiçarás", e que o pecado, apoderando-se da oportunidade por meio do mandamento, produziu nele todo tipo de desejo cobiçoso. Ele chama a lei de santa, e o mandamento de santo, justo e bom, ao mesmo tempo que afirma que o pecado produziu morte nele por meio do que era bom, para que o pecado fosse exposto como pecado e se tornasse totalmente pecaminoso.Fontes: o próprio texto bíblico
- O autor diz que a lei é espiritual, mas que ele não é espiritual, vendido como escravo ao pecado: não faz o bem que quer e continua fazendo o mal que odeia. No seu ser interior, ele se deleita na lei de Deus, mas outra lei em ação no seu corpo guerreia contra a lei da sua mente e o mantém cativo da lei do pecado que habita nele. Ele pergunta quem o resgatará deste corpo de morte, dá graças a Deus por meio de Jesus Cristo, nosso Senhor, e conclui que, com a mente, serve à lei de Deus, mas, com a carne, serve à lei do pecado.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org