Romanos 4
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Fakkeenna Te'iisa Abrahaamii
1Marroo Abrahaamii, abbaa sanyii teennaa maan jenna ree? Inni maan dhaggate? 2Adoo waan Abrahaam huji'iin balchoomee jiraate, silaa inni waan ittiin ifi jaju qabaayyu; ammoo Waaqa duratti ifi jajuu hin dande'u. 3Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma'atti laakkowanteef» jedha. 4Mindaan nama hojjateef kaffalamu, gatii hujii isaa ti malee, akka kennansaatitti hin laakkowamu. 5Nami hujii dansaa dhabulle, Waaqa cubbaalleyyii balchoonsutti yoo dhugeeffate, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti hin laakkowantiif. 6Nami Waaqi hujii dansaa malee balchoonsu, nama badhaadhe akka te'e Daawitille dubbatee,
7«Worri yakkaa isaaniitiif araarri kennamee fi
cubbuun isaaniille haqanteef
ka badhaadhe!
8Nami Goottaan cubbuu isaa itti hin laakkonne
ka badhaadhe» jedheera.
9Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille'eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille'eef. Nuuti, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti laakkowanteef» jenna. 10Dhugeeffannaan Abrahaamiif, balchumma'atti ka laakkowanteef yoom? Haqanqabaa qabateen dura moo duuba? Adoo haqanqabaa hin qabatin dura malee, duubaa moti. 11Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te'uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma'atti laakkowantu maraaf abba'a. 12Akkasuma Abrahaam worra haqanqabaa hin qabatinille'eef abba'a; waan isaan haqanqabaa qabatane qofaaf adoo hin te'in, waan isaan dhugeeffannaa inni adoo haqanqabaa hin qabatin dura qabulle hordofaneef, worra haqanqabaa qabateef abbaa te'e.
Waadaan Waaqaa Karaa Dhugeeffanna'aatiin Muummotte
13Abrahaamii fi sanyiin isaa biyya lafaa akka dhaaltu wonni Waaqi waadaa galeef, marroo balchummaa dhugeeffanna'aan dhaggateetiif malee, waan Seera muummesseefii moti. 14Worri dhaalu worra Seera muummessu yoo te'e, dhugeeffannaan gatii hin qaddu; waadaan Waaqi galelle gatii hin qabu. 15Seerri mufii Waaqaa fida; addee Seerri hin jirretti ammoo, Seera dabariis hin jiru.
16Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te'e tanaan mirkanoweera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba'a. 17Barreeffam Woyyichi marroo Abrahaamii yennaa dubbatu, «Gosa heddu'uuf abbaa si godheera» jedha; Waaqa worra du'e du'aa kaasuu fi waan hin jirre jiraachisutti Abrahaam waan dhugeeffateef, Waaqi waadaa kana isaaf gale. 18Abrahaam addee wonni addachiisu hin jirretti addatee, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Sanyiin teeti hin heddatti» jedhu, abbaa gosa heddu'uu te'e. 19Inni nama gara woggaa dhibbaa ti; ammoo nafa ifii ka du'a geye, yookiin gadaamessa Saara'aalle ka dewuu hin dandeenne herregee dhugeeffanna'aan hin dadhanne. 20Inni dhugeeffanna'aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne. 21Waaqi waadaa gale ka muummessu akka te'elle gadhaa tokkochaan dhugeeffateeraayyu. 22Tanaaf dhugeeffannaan Abrahaamii balchumma'atti isaa laakkowante. 23Te'uu malee jechi, «Balchumma'atti laakkowameef» jedhu, Abrahaam calla'aaf adoo hin te'in, 24nu'ulle'eef barreeffame. Nu worra Waaqa Goottaa keenna Yesuus du'aa kaasetti dhugeeffannuufille, dhugeeffannaan teenna balchumma'atti nu'uuf hin laakkowanti. 25Yesuus sababa cubbuu teennaatiif du'aaf dabarfamee kennamee, nu balchoonsiisaaf du'aa ka'e.
Você sabia?
A fé de Abraão creditada como justiça
- O Dicionário Bíblico de Easton (1897) explica o nome Abraão como "pai de uma multidão". Este capítulo cita a promessa "Eu o constituí pai de muitas nações" e o chama de pai de todos os que creem, circuncidados ou não.Fontes: Abraham · o próprio texto bíblico
- Este capítulo ressalta que a fé de Abraão lhe foi creditada como justiça antes de ele ser circuncidado, e não depois. A circuncisão é descrita como sinal e selo dessa justiça, de modo que ele é pai tanto de quem crê sem ser circuncidado quanto dos circuncidados que seguem a mesma fé.Fontes: o próprio texto bíblico
- O Dicionário Bíblico de Easton (1897) explica o nome Sara como "princesa" e diz que ele foi dado quando se anunciou que ela seria a mãe do filho prometido. Este capítulo lembra Abraão, com cerca de cem anos, crendo na promessa de Deus mesmo com o ventre de Sara sem vida.Fontes: Sarah · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org