Romanos 3
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Eegasuu bu'aan Yihudii te'iisaa maan ree? Yookiin gatiin haqanqabaa qabatiisaa maan? 2Dhugumaan Yihudii te'iis karaa maraanuu gatii guddoo qaba! Wonni guddaan Waaqi magannee jecha ifii Yihudootatti kennatiisa. 3Yihudoota keessaa gariin yoo hin addatamin, addatamiisa dhabiisi isaanii addatamiisa Waaqaa hin hamburaa ree? 4Ijjumaa hin hamburu!
«Ati jecha keetiin dhugaamessa teeta;
worra si himatulle hin injifatta» jedhantee
akkuma barreeffante, nami maraayyuu dharaamessa te'ulle,
Waaqi dhugaamessa.
5Ammoo balchummaa dhabuun keenna yoo balchummaa Waaqaa irra caalaa mudhise, nuuti silaa maan jenna ree? Waaqi yennaa nu adabe balleessaa hujee ree? Tana akkuma nami dubbatu dubbadha. 6Ijjumaa waawwo'o! Waaqi balchaa yoo hin te'in, attamiin biyya lafaatitti mura ree?
7Ammoo addatamuu dhabuun kiyya addatamiisa Waaqaa mudhittee, baceenna ulfinna isaa ka mudhittu yoo teete, maaf haga ammaa akka cubbaalessaa natti murama ree? 8Namooti gariin, «Waan dansaa fidiisaaf, kowa'a waan hantuu huyna» jedhaa akka waan ani barsiisuu fakkeessanee na himatan; tanaaf worra akkasii irratti muraan murantu tama isaanii malte.
Balchaan Hin Jiru
9Nuuti Yihudooti worra Yihudoota hin te'in hin caallaa ree? Ijjumaa waawwo'o! Nami duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'inille hunna cubbu'uu jala akka jiranu ani dursee mudhiseera.
10Akkuma barreeffante:
«Nami balchaan tokkolle hin jiru,
tokkolle hin jiru;
11ka hubatulle hin jiru;
ka Waaqa barbaadatulle hin jiru.
12Martinuu worra gatii hin qanne te'aneeran;
wol qabatanee dokonkoraneeran.
Hujii dansaa ka huju tokkolle hin jiru;
13Jecha nama miidhu dubbatiisaaf,
afaan isaanii akka awwaala banamee ti;
arraba ifiitiin hin soban;
dubbiin hidhiin isaanii dubbattulle
ta akka hadhaa dhudhuufa'aa nama miitu;
14afaan isaanii abaarsaa fi
dubbii hadhoottu'uun guutameera.
15Miilli isaanii dhiiga namaa jissiisaaf ariifata;
16addee isaan dhaqane mara badi'ii fi deegatti jira.
17Karaa nageyaalle hin beekanu;
18Waaqa sodaan isaan bira hin jirtu» jedha.
19Ajaji Seeraa worra Seera jala jiru akka ilaalu hin beenna; tanaaf namooti waan itti aalatanu dhabanee afaan qabatan; biyyi lafaa duudiin muraa Waaqaa jala galti. 20Tanaaf eennulle Seera muummessiisaan Waaqa duratti hin balchoomu; Seerri nami maraa cubbicha akka te'e mudhisa.
Dhugeeffanna'aan Balchoomuu
21Amma ammoo, Seeraaf adoo hin ajajamin karaan Waaqi kolbaa ittiin balchoonsu mudhateera; Seerri Muuse'eetii fi Raagotille karaa kanaaf dhugaa bayaneeran. 22Waaqi worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu maraaf adoo wol hin caalchisin balchummaa hin kenna. 23Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera. 24Ammoo karaa wodoo te'iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera. 25Worri isatti dhugeeffatu maraa dhiiga isaatiin araara cubbuu ifii akka dhaggatuuf, Waaqi Yesuus Kiristoos ciincaa guma'aa godhee dhikeesse. Inni cubbuu durii ossa ifiitiin balleessiisaan muraa ifii ta sirrii teete mudhisiisaaf tana godhe. 26Bara ammaa kanalle, worra Yesuus Kiristoositti dhugeeffatu mara balchoonsiisaan, Waaqi balchaa te'iisa ifii mudhisa.
27Yoona wonni ittiin ifi jajnu maanti jira ree? Womaa! Maaf ifi jajuu dhanna ree? Waan Seera muummessinuufii? Waawwo'o; ammoo dhugeeffanna'aan. 28Maarre nami waan Seerri ajaju muummessiisaan adoo hin te'in, dhugeeffannaa calla'aan Waaqa duratti akka balchoomu dhaggina. 29Yookiin Waaqi Waaqa Yihudootaa calla'aa? Inni Waaqa worra Yihudoota hin te'iniitille'ee motii? Ee, ka worra Yihudoota hin te'iniitille'e. 30Waaqi tokkocha; Yihudootalle te'e, worra Yihudoota hin te'in dhugeeffannuma isaaniitiin ka balchoonsu isa. 31Eegasuu dhugeeffanna'aan Seera hin diinna jechu'uu ree? Waawwo'o; diigiisaan irra, Seera jabeessinee qabanna.
Você sabia?
Todos sob o pecado, justificados pela fé
- Romanos 3 começa perguntando qual é a vantagem de ser judeu e qual é o valor da circuncisão. A resposta é que há muita vantagem em todos os sentidos e, antes de tudo, que lhes foram confiadas as próprias palavras de Deus. O capítulo argumenta, então, que, se alguns não tiveram fé, essa falta de fé não anula a fidelidade de Deus.Fontes: o próprio texto bíblico
- Para sustentar a acusação de que judeus e gregos estão igualmente sob o pecado, o capítulo reúne trechos introduzidos por “como está escrito”: não há justo, ninguém entende nem busca a Deus, a fala é descrita como engano e veneno, os pés se apressam para derramar sangue, e não há temor de Deus. O texto diz que a lei fala aos que estão debaixo dela, para que toda boca se cale e o mundo inteiro seja responsável diante de Deus, e que ninguém é justificado pelas obras da lei, porque a lei traz o conhecimento do pecado.Fontes: o próprio texto bíblico
- Com as palavras “Mas agora”, o capítulo afirma que, à parte da lei, a justiça de Deus foi revelada, testemunhada pela Lei e pelos Profetas, e que ela vem pela fé em Jesus Cristo a todos os que creem, sem distinção. Todos pecaram e ficam aquém da glória de Deus, e são justificados gratuitamente pela sua graça, por meio da redenção que há em Cristo Jesus. A vanglória fica excluída pelo princípio da fé, não das obras; há um só Deus, que justifica os circuncidados pela fé e os incircuncisos por essa mesma fé, e o capítulo diz que essa fé sustenta a lei em vez de anulá-la.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org