Nations Bible

Filipenses 4

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Gorsa Muumme'ee

1Maarre tanaaf, obboleeyyan tiyya ta ani jaaladhuu fi dharra'u, ta gammadaa fi kallacha kiyya teetane, Gootta'aan jabaadha'aa dhaabbadha'a.

2Obboleettoti teenna Ewodiya'aa fi Sinxiikeen maqaa Gootta'aatiin gadhaa tokko akka te'anu daadimadha. 3Atille waa'elli kiyya addatamaan, dubartoota tana akka qarqaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru'uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te'anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf na woliin jabaatanee hujaneeran.

4Yennaa mara Gootta'aan gammada'a! Ittuma deebi'ee jedha, gammada'a! 5Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera. 6Maarre daadimataan, gaaffi'ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa'a malee waan tokkolle'eef hin yaadina'a. 7Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha'aa fi qalbii teessan hin eega.

8Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa'aa fi waan galateeffachiisuun guuta'a: waan dhugaa te'e, waan ulfinnaa, waan sirrii te'e, waan qulluu te'e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha'a! 9Waan na irraa barattane, waan na irraa fudhattane, waan na irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha'a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.

Phawuloos Kennansa Ergameef Galateeffate

10Yennaa heddu'uun duuba ammalle naaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta'atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan naaf yaadataa turtane; huji'iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne. 11Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu'uu moti; ani, «Ka qabuu na geya» jechuu baradheera. 12Ani waan diqqo'oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te'e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera. 13Hunna Kiristoos naaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande'a.

14Te'uu malee rakkinna kiyya waan qoodantaneef, dansaa gootaneertan. 15Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya'aa baye, isin malee wolde'i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na qarqaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan. 16Yennaa ani Tasalonqeelle'etti rakkadhe, itti deddeebitanee qarqaarsa naaf ergitaneertan. 17Kenniisaan ittuma eebba akka dhaggattanuuf malee, kennaa teessan dhaggatiisaaf barbaadeetii moti. 18Waan naaf barbaachisuu fi haga naaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijootteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti. 19Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa. 20Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen.

Dhaansa Nageyaa

21Kolbaa Waaqaa maratti maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nageya naaf hima'a; obboleeyyan asi na woliin jirtulle nageya isiniif dhaanti. 22Kolbaa Waaqaa mara, keessattuu worri mana mootii worra Rooma'aa keessa jiru nageya isiniif dhaama.

23Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.

Você sabia?

Alegria, concórdia e parceria generosa

  • Paulo exorta Evódia e Síntique, duas mulheres da igreja de Filipos que haviam trabalhado com ele no evangelho, a concordarem uma com a outra no Senhor. O Easton's Bible Dictionary (1897) explica o nome de Evódia, ali grafado Euodias, como “uma boa viagem”, e o de Síntique como “afortunada” ou “afável”, e entende que o apelo sugere que as duas estavam em desacordo.Fontes: o próprio texto bíblico · Euodias · Syntyche
  • Paulo lembra aos filipenses que, quando deixou a Macedônia, nenhuma outra igreja se associou a ele em dar e receber, e que, mesmo em Tessalônica, eles supriram suas necessidades repetidas vezes; agora ele recebeu os presentes deles da parte de Epafrodito. A Macedônia era uma província romana ao norte da Grécia, e Tessalônica, à beira do golfo Termaico, era a capital de um dos seus quatro distritos, governada por um pretor.Fontes: o próprio texto bíblico · Macedonia · Thessalonica
  • Paulo nomeia Clemente, um cristão de Filipos e seu colaborador, entre aqueles cujos nomes estão no Livro da Vida. O Easton's Bible Dictionary (1897) registra a opinião de escritores antigos de que esse Clemente era o Clemente de Roma, conhecido na história posterior da igreja; a própria carta não faz essa identificação.Fontes: o próprio texto bíblico · Clement

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Macedonia · 41.600, 22.540 · versículo 15
  • Thessalonica · Hoje: Thessaloniki · 40.638, 22.946 · versículo 16

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.