Nations Bible

Filipenses 3

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Balchummaa Dhugittii

1Muummee irratti, obboleeyyan tiyya! Gootta'atti gammada'a; waan kanaan dura isiniif barreesse irra deebi'ee yoo isiniif barreesse na hin bagsiisu; kun isinille dokonkora irraa hin eega. 2Worra akka sare'ee foon nafa namaa kukkutiisaan, hantuu godhu irraa ifi eeggadha'a! 3Nuuti worra Ayyaanaan Waaqa waaqonfannuu fi worra Yesuus Kiristoosiin ifi jajnu malee, worra sirna fooniititti addannu waan hin te'iniif, dhugumaan haqanqabaa qabanneerra. 4Adoo waan ifi jajiis barbaachisaa te'e, ani waan heddu'uun ifi jajiisaaf hin dande'a; nami sirna fooniitiin ifi jaju yoo jiraate, ani isa caalaa waan ittiin ifi jaju qaba. 5Dhaladhee guyyaa saddeetesso'oo haqanqabaa qabadhe; sanyii Israa'elii, gosa Beniyaamii keessaa dhaladhe. Abbaan kiyyaa fi haati tiyya Ibroota waan te'aneef ani Ibraawicha makaa hin qanne; karaa seera eegatiisaatille'een, ani worra Fariisaayotaa keessaa tokko. 6Seera kanaaf hinaafiisaan wolde'a kiristaanaa miidhaa ture; balchummaan seera eegatiisaan waan dhaggantu adoo teetee, ani komii hin qabuuyyu.

7Amma ammoo Kiristoosiif jedhee, waan bu'aa naaf qabu maraa akka waan bu'aa hin qanneetitti laakkoweera. 8Kana calla'aa moti; Goottaa kiyya Yesuus Kiristoos beekuun, waan mara waan caaluuf, ani waan maraa akka waan bu'aa hin qanneetitti hin laakkowa; Kiristoos bu'aa kiyya godhatiisaaf kun maraa naaf waan bu'aa hin qanne te'eera; akka kosi'iille laakkoweera. 9Akkisiin ani ka Kiristoosii te'ee dhaggame. Maarre balchummaan tiyya ta seera eeggatiisaan dhaggante adoo hin te'in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan ta dhaggante; balchummaan tun Waaqa irraa dhutti; dhugeeffannaa irralle'etti hundootti. 10Ani Kiristoosii fi hunna du'aa ka'a isaa beekuu, rakkinna isaa qoodamu'uu fi du'alle'een isa fakkaatuu barbaada. 11Du'aa ka'ee akka jiraadhu hin addadha.

Gara Waan Yaadatamee Geyiisaaf Rukkisuu

12Kana maraa dhaggadheera yookiin guutadheera jechu'uu moti; ammoo Kiristoos ka ifii na godhatee badhaasa naaf qopheesse san harkatti galfatiisaaf hin mixiixxadha. 13Obboleeyyan tiyya! Ani ammalle akka waan harka keessa galfadheetitti hin laakkowu. Te'uu malee ani waan tokko hin godha; waan duubatti hafe lakkisee, gara waan na dura jiruutitti hiixadha. 14Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubba'aa na waamee naaf kennu. 15Yoona nuuti worri jiruu ayyaanaatiin bilchaanne maraa yaada tokko qabaatuu qanna; waan tokko tokko irratti yaada adda addaa yoo qabaattanelle, Waaqi sanille isiniif hin mudhisa. 16Te'uu malee waanuma duraan baranne callaa jabeessinee qabannuu ti.

17Obboleeyyan tiyya! Fakkeenna kiyya hordofiisatti hirmaadha'a! Worra fakkeenna keenna hordofulle hubadha'aa ilaala'a! 18Kanaan dura akkuma yennaa hedduu isinitti hime, ammalle imimmaaniin isinitti hima; worri hedduun fannoo Kiristoosiitiif diina te'aneeran. 19Muummeen isaanii badi'i; gadhaan isaanii waaqa isaanii ti; salphinni isaaniif ulfinna; waan lafaa qofa yaadatan. 20Nuuti ammoo nama biyya ol-gubba'aa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra'aan eeganna. 21Inni hunna ittiin waan mara baallii ifii jala godhuun, nafi keenna salphataan kun, nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Da confiança na carne ao conhecimento de Cristo

  • Quando o autor enumera motivos para ter confiança na carne, inclui pertencer à tribo de Benjamim. Benjamim era o filho mais novo de Jacó com Raquel, nascido em Efrata, no caminho entre Betel e Belém. A mãe morreu ao dá-lo à luz e o chamou de Ben-oni, "filho da minha dor", mas o pai mudou esse nome para Benjamim.Fontes: Benjamin (patriarch) · o próprio texto bíblico
  • O Easton's Bible Dictionary (1897) diz que os descendentes de Benjamim, os benjamitas, eram no Êxodo a menor tribo, exceto uma, marchavam com Manassés e Efraim a oeste do tabernáculo e contavam 45.600 guerreiros na entrada em Canaã. O autor deste capítulo ainda cita essa tribo como parte da própria linhagem.Fontes: Benjamin (patriarch) · o próprio texto bíblico
  • Ele também diz que foi circuncidado no oitavo dia, hebreu de hebreus e, quanto à lei, fariseu; quanto ao zelo, perseguiu a igreja e, quanto à justiça na lei, era irrepreensível. Agora considera tudo isso como perda, até lixo, em comparação com conhecer a Cristo Jesus, e manda os leitores terem cuidado com aqueles a quem chama de mutiladores da carne.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.