Números 6
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Seera Naaziretichaa
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko dhiirti yookiin dubartiin ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaan, naazireticha te'iisaaf, waadaa yoo gale, 3daadhii woyni'ii irraa, untoo dhibii ta nama macheessitu irraa ifi eeggatuu ti; daadhii woyni'ii dhangaggoottuu yookiin untoo dhibii nama macheessitu hin unin. Cunfaa midhaan woyni'iille hin unin yookiin midhaan woyni'ii shawwee yookiin gogaa hin nyaatin. 4Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase mara waan midhaan woyni'ii irraa hujame mara yookiin qollofa woyni'iituu hin nyaatin.
5« ‹Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baasiisaaf waadaa gale mara rifeensa mataa ifii hin quxatin yookiin hin haadatin; haga barri inni ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase muummowutti, inni woyyuu te'uu ti; rifeensa mataa ifii guddifatuu ti. 6Inni bara ana Mootii Waan Maraatiif ifi adda baase mara reeffa namaatitti hin dhikaatin. 7Beessisi ana Mootii Waan Maraatiif adda ifi baasiisaa rifeensi mataa isaa irra waan jiruuf, abbaan yookiin haati, obboleessi yookiin obboleettiin isaa yoo du'anelle reeffatti dhikaatiisaan ifi hin batteessin. 8Bara ifi addaan baase mara inni ana Mootii Waan Maraatiif woyyoomeera.
9« ‹Nami tokko dedhuma isa biratti du'ee, rifeensa mataa isaa ka inni ittiin adda baye san yoo batteesse, guyyaa itti qulqulloomu, guyyaa torbeesso'oo rifeensa mataa ifii haadatuu ti. 10Guyyaa saddeetesso'oo Dunkaanii Woldeenna'aa duratti ilmoolee saphaliisaa lama yookiin maddo'oo lama gara hayyichaa fiduu ti. 11Inni reeffatti dhikaatiisaan waan cubbameef, hayyichi saphaliisa tokkocha kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatuuf, saphaliisa tokkocha ammoo kennansa gubamuuf dhikeessuu ti. Inni gaafuma san rifeensa mataa ifii deebisee adda baasuu ti. 12Inni bara ifi adda baase san ana Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsuu ti. Sababa yakka'aatiif korbeessa hoole'ee ka woggaa tokkoo fiduu ti. Inni waan battoweef, barri inni duri adda ifi baase ka qaraa sun hin laakkowamu.
13« ‹Seerri nama barri adda ifi baasiisi isaa dabaree ka asii gad jiru: Inni gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhikeeffamuu ti. 14Inni achitti kennansa ifii ana Mootii Waan Maraatiif: kennansa gubamuuf korbeessa hoole'ee buruusoo woggaa tokkoo ka fafa hin qanne tokkocha, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu gorontii hoole'ee buruusoo ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne takkattii, kennansa tokkumma'aatiif korbeessa hoole'ee ka fafa hin qanne tokkocha, 15kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaan woliin dhikaatanu woliin, akkasuma daabboo uukoo hin qanne kollonjoo tokko, xaltaa bullaa dansa'aa ka zayiti'iin sukkuumamee fi bixee hephellittii uukoo hin qanne ta zayitiin irra dibante dhikeessuu ti.
16« ‹Hayyichi waan kana maraa fuudhee, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuu fi kennansa gubamu, 17korbeessa hoole'ee ka kennansa tokkumma'aatiif dhikaate san daabboo uukoo hin qanne kollonjoo tokko kennansa ifii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. 18Achiin duuba nami ana Mootii Waan Maraatiif adda baye sun rifeensa mataa ifii seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti haadatee, ibidda kennansi tokkumma'aa itti ciinceffamu keessa keyuu ti.
19« ‹Achiin duuba, foon harka korbeessaa yennaa iffeelame, hayyichi daabboo uukoo hin qanne tokkoo fi bixee hephellittii uukoo hin qanne takkattii kollonjoo keessaa fuudhee, harka isaa keessa keyuu ti. 20Achiin duuba hayyichi waan kana kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. Kun martinuu cormi'ii fi luka korbeessaa ka kennansa addaa te'anetti dabalamanee qooda hayyichaa woyyicha te'an. Saniin duuba, nami adda baye sun daadhii woyni'ii unuu hin dande'a.
21« ‹Seerri nama ana Mootii Waan Maraatiif adda ifi baasiisaaf waadaa galee kana. Ammoo nami ana Mootii Waan Maraatiif adda baye sun waan kenniisaaf male caalaa kenniisaaf yoo waadaa gale, akkuma seera nama ana Mootii Waan Maraatiif adda bayeetitti, waadaa gale san muummessuu ti› jedhi» jedhe.
Eebba Hayyooti Eebbittu
22Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 23«Ati Aaronii fi ilmaan isaatiin, ‹Dubbii asii gad jirtuun ilmaan Israa'elii eebbisa'a:
24« ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!
25« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!
26« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.
27«Maarre isaan maqaa kiyya waamanee kolbaa Israa'elii hin eebbisan, anille isaan hin eebbisa» jedhe.

Você sabia?
O Voto de Nazireu e a Bênção Sacerdotal
- O voto de nazireu era um período voluntário de consagração especial a Deus, acessível tanto a homens quanto a mulheres. Durante esse tempo, a pessoa devia abster-se totalmente de produtos derivados da videira e de bebidas fermentadas, deixar o cabelo crescer sem cortar e evitar a contaminação ritual por qualquer cadáver, mesmo de familiares próximos.Fontes: o próprio texto bíblico
- Ao término do período de separação, o nazireu levava sacrifícios à entrada da Tenda do Encontro, rapava o cabelo e o queimava no fogo sob o sacrifício de comunhão. Depois que o sacerdote apresentava as porções prescritas diante de Deus, o voto se encerrava e a pessoa podia voltar a beber vinho.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo se encerra com a bênção sacerdotal que Deus ordenou a Moisés transmitir a Arão e a seus filhos. Ao invocar a proteção, o rosto resplandecente, a graça e a paz de Deus, os sacerdotes colocavam o nome divino sobre o povo de Israel.Fontes: o próprio texto bíblico · Moses · Aaron
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org