Nations Bible

Números 5

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Kolbaa Hin Qulqulloomin

1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Israa'elooti nama dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu, nama nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u, nama reeffa tuqiisaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'in mara addee quttumaa keessaa akka baasanu ajaji. 3Addee quttumaa ta ani odduu isaanii le'u, akka isaan hin batteessine, worra qulqulluu hin te'in dhiiraa fi dubartii addee quttumaa keessaa alatti baasi» jedhe. 4Israa'elooti tana godhanee, addee quttuma keessaa alatti isaan baasane. Isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje godhane.

Yakkaa Huje Faaci'atiisaa Fi Gatii Kaffaliisa

5Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 6«Ati Israa'elootaan, ‹Nami tokko dhiirti yookiin dubartiin ana Mootii Waan Maraatiif addatamiisa dhabiisaan nama dhibii yennaa yakke, nami sun yakkaamessa. 7Inni cubbuu huje san faaci'atuu ti. Yakkaa ifiitiif gatii guutuu kaffaluu ti; harka shan keessaa harka tokko itti dabaleelle, nama yakke saniif kennuu ti. 8Namichi yakkame sun du'ee firri aanti'ii ka gatii san fuudhu yoo dhabame ammoo, gatiin kaffalamu sun ka ana Mootii Waan Maraa ti; korbeessa hoole'ee ka yakkaa namichi hujeef, gumaa cubbu'uutiif kennamu san woliin hayyichaaf kennamuu ti. 9Kennansi woyyichi Israa'elooti fiddu marti, hayyichaaf kennamuu ti. 10Wonni hayyichaaf kenname kama hayyichaa ti› jedhi» jedhe.

Dubartoota Gaarayyeeffatumma'aan Bidhatamanu

11Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 12«Ati Israa'elootaan, ‹Mootiin Waan Maraa: Dubartiin takka abbaa manaa ifiitiif addatamuu dhabiisaan 13nama dhibii woliin yoo ratte, waan kana dhirsi isi'ii ka hin dhaggine yoo te'e, nami isii dhagge yoo hin jiraatin, battummaan isi'iille yoo hin mudhatin, 14dhirsi isi'ii isii hinaafee mamee, isiin yoo battoottee jiraatte yookiin yoo hin battowin jiraatte, 15Namichi sun niitii ifii san gara hayyichaa geessuu ti. Marroo isi'iitiif kennansa barbaachisu bullaa garbu'uulle kiiloo tokko geessuu ti. Kennansi kun kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu, ka yakkaa qaabachiisu waan te'eef, inni zayitii ejersaatii fi hixaana itti hin naqin.

16« ‹Hayyichi dubartii san fidee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti; 17achiin duuba bisaan woyyicha meya faaraatitti woraabee, dunkaanii dhugaa bayaa keessaa bukuu fuudhee bisaan sanitti naquu ti. 18Hayyichi mataa dubartitti'ii irraa hagoogguu buusee, kennansa midhaanii ka yakkaa qaabachiisu, ka marroo hinaaffa'aatiif dhikeeffamu, harkatti qabachiisee, fuula Mootii Waan Maraa dura dhaabbachiisuu ti. Harka ifiititti bisaan hadhowaa abaarsa fidu qabatuu ti. 19Achiin duuba hayyichi, dubartittii san kakachiisiisaan: Ati heerumtee abbaa manaa qadduun, nami dhibiin yoo si woliin hin rafin yookiin ati yoo hin battowin, bisaan hadhowaan abaarsa fidu kun si hin miidhin. 20Ati ammoo abbaa manaa keeti jala jiraataa isaaf addatamuu dhabiisaan, nama dhibii woliin rattee yoo ifi batteessitee jiraatte, 21hayyichi, dubartittii san kakuu abaarsaa kakachisiisaan: Mootiin Waan Maraa gadhaa keeti iitessee, gudeeda keeti huqqisee, kolbaa teeti oddu'utti ta abaarante si godhuu ti; 22bisaan abaarsa fidu kun nafa keeti keessa seenee gadhaa keeti iitessee, gudeeda keeti huqqisuu ti.

« ‹Dubartittiille: ameen, ameen jettuu ti.

23« ‹Hayyichi abaarsa kana kitaaba maramaa irratti barreessee, achiin duuba barreeffama san bisaan hadhowaa san keessatti dhiquu ti. 24Bisaan hadhowaa abaarsa fidu san obaasuu ti; bisaan abaarsa fidu kun isii keessa seenee dhibee hantuu itti hin fida. 25Achiin duuba hayyichi kennansa midhaanii ka marroo hinaaffa'aatiif dhikaatu san dubartittii san harkaa fuudhee, fuula ana Mootii Waan Maraa duratti tachoosee, gara addee ciinca'aatitti dhikeessuu ti. 26Achiin duuba hayyichi kennansa midhaanii ka yaadanno'oo san harka tokko fuudhee, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. Saniin duuba inni akka dubartittiin bisaan san untu godhuu ti. 27Isiin yoo ifi batteessitee abbaa manaa ifiitiif addatamuu dhaddeertu teete, yennaa inni bisaan abaarsa fidu san isii obaasu, bisaan gadhaa isi'ii seenu sun dhibee hantuu isi'itti fidee, gadhaa isi'ii iitessee, gudeeda isi'ii huqqisee, isiin kolbaa ifii oddu'utti ta abaarante hin teeti. 28Dubartittiin ammoo yoo ifi hin batteessin teete, isiin hin miidhantu ijoolleelle deyuu hin dandeetti.

29« ‹Seerri marroo hinaaffa'aatiif kenname kana: Dubartittiin adoo abbaa manaa jala jirtuu seera irraa gortee, yoo ifi batteessite, 30yookiin yaadi hinaaffa'aa abbaa mana isi'iititti dhufee, inni yoo isii hinaafe, hayyichi dubartittii san ana Mootii Waan Maraa dura fiduu ti! Hayyichi akka seera kanaatitti isii irratti muummessuu ti! 31Abbaan manaa yakkaa akka hin qanne akkasitti hin beekkama; dubartittiin ammoo akka yakkaa ifiititti hin dhaggatti› jedhi!» jedhe.

Você sabia?

A Pureza do Acampamento e a Lei dos Ciúmes

  • Para manter a pureza ritual do acampamento onde Deus habitava no meio do povo, qualquer pessoa com doença de pele, fluxo corporal ou contaminação por contato com um cadáver era enviada para fora do acampamento.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Quando alguém cometia um pecado contra o próximo, exigia-se confissão e restituição total acrescida de um quinto do valor à pessoa prejudicada ou a um parente, ou ao sacerdote se não houvesse parente.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A oferta de cereal apresentada pela mulher sob suspeita de infidelidade era de farinha de cevada sem azeite nem incenso, caracterizando-a como uma oferta memorial para trazer à luz a suspeita de iniquidade.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.