Números 30
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Qajeelfama Marroo Waada'aa
1Muuseen sooreyyii gosa Israa'eliitiin, «Wonni Mootiin Waan Maraa ajaje ka asii gad jiru: 2Kunille, ‹Nami tokko waan tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa yoo gale yookiin waan tokko akka hin gooneef yoo kakate, waan jedhe san mara godhuu qaba malee, jecha ifii san diiguu hin qabu.
3« ‹Intalti durraa adoo mana abbaa ifii jirtuu waan tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf waadaa yoo galte yookiin waan tokko godhiisaaf yoo kakatte, 4abbaan isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin kakatte san muummessuu qaddi. 5Abbaan isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee, waadaa ifii akka isiin hin muummessine yoo isii morme ammoo, waadaa san muummessiisaaf dirqama hin qaddu; akka isiin waadaa ifii hin muummessine, abbaan isi'ii waan isii dhooggeef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama.
6« ‹Dubartiin hin heerumin takka waadaa yoo galte yookiin yaada-malee waan tokko akka hin gooneef kakatteen duuba yoo heerumte, 7dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi. 8Dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo isii morme ammoo, muummessiisaaf dirqama hin qaddu; waadaa isi'ii akka hin muummessine ka dhoogge dhirsa isi'ii waan te'eef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama.
9« ‹Haati hiyyeessaa takka yookiin dubartiin dhirsi lakkiseeru takka waan waadaa galte yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi.
10« ‹Dubartiin heerumteertu takka yoo waadaa galte yookiin waan tokko godhiisaaf yoo kakatte, 11dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee yoo cadhise, waan waadaa galte san yookiin waan kakatte san muummessuu qaddi. 12Dhirsi isi'ii marroo waan kanaa dhage'ee guyyuma san yoo isii morme ammoo, muummessiisaaf dirqama hin qaddu; waadaa isi'ii akka hin muummessine ka dhoogge dhirsa isi'ii waan te'eef, ani Mootiin Waan Maraa isi'iif hin araarama. 13Dhirsi isi'ii waadaa isiin galte san yookiin waan godhiisaaf isiin kakatte san mara eeyyamiisaaf yookiin mormiisaaf mirga qaba. 14Te'uu malee, dhirsi isi'ii guyyaa dhage'een jalqabee yoo cadhise, waan waadaa galtee fi waan kakatte san muummessuu qaddi; inni guyyaa dhage'een jalqabee waan cadhiseef, eeyyamuu ifii mirkaneesseera. 15Te'uu malee, inni dhage'ee guyyaa diqqa'aan duuba yoo moromaa kaase, isiin yoo waadaa ifii hin muummessin isatti itti gaafatama› ka jedhu» jedhe.
16Tokkummaa dhirsaa fi niitii wodhakkaa jiru, abba'aa fi intalti durraa ta mana abbaa ifii jirtu wodhakkaa jiru ilaalchisee seerati Mootiin Waan Maraa Muusee ajaje kana.

Você sabia?
Leis Sobre Votos e Promessas
- Moisés transmitiu estes preceitos diretamente aos chefes das tribos de Israel. Segundo essas normas, um homem adulto ficava incondicionalmente obrigado a cumprir todo voto, juramento ou compromisso feito ao Senhor sem quebrar a sua palavra.Fontes: o próprio texto bíblico
- O pai ou o marido tinha a autoridade de confirmar ou anular um voto feito por uma filha jovem em sua casa ou por sua esposa. Se o chefe da casa nada dissesse no dia em que soubesse do voto, a promessa permanecia válida; se a proibisse imediatamente, ela ficava desobrigada.Fontes: o próprio texto bíblico
- A lei tratava viúvas e mulheres divorciadas de forma distinta das que dependiam de um pai ou marido. Qualquer voto ou compromisso assumido por uma viúva ou mulher divorciada era plenamente obrigatório sobre ela, sem que nenhuma autoridade masculina pudesse anulá-lo.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org