Números 29
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Kennansa Jila Woggaa Haareya Irratti Dhikaatu
1«Ji'a torbeesso'oo guyyaa qaraa yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. Guyyaan sun guyyaa isin tultullaa afuuttanu. 2Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. 3Dardara san woliin kennansa midhaanii bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee san woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama, 4buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba san tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko qopheessa'a. 5Itti dabala'aatii kennansa araaraa cubbuu teessaniitiif, korbeessa re'e'ee tokko gumaa qopheessa'a. 6Kun kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaan woliin dhikaatu woliin akkuma seera tumameetitti kennansa gubamu ka guyyuma guyya'aa fi ji'uma ji'aan dhikaatutti dabalamanee, kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu.
Kennansa Guyyaa Gumaan Cubbu'uu Dhikaatuu
7«Ji'a torbeesso'oo kana keessa guyyaa kudhaneesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a. Guyyaa san ifi gad qaba'a; ijjumaa hujiille hin hujina'a. 8Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. 9Dardara san woliin kennansa midhaanii, bullaan dansaan kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeessa hoole'ee woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama, 10buruusoo korbeeyyii hoole'ee torba tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitiin ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko dhikeessa'a. 11Gumaa kennansa araaraa cubbu'uutiif kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaanii ka isaatii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaaniititti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
Kennansa Guyyaa Jila Gose'ee Dhikaatu
12«Ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa kudhanii shaneesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee guyyaa san ijjumaa hujii hin hujina'a; jila guyyaa torbaa ana Mootii Waan Maraatiif jilifadha'a. 13Dardaroota kudhanii sad ka fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. 14Dardaroota kudhanii sad tokko tokkooyyuu woliin kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama sad ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, korbeeyyii hoole'ee lama tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama lama, 15buruusoo korbeeyyii hoole'ee kudhanii afur tokko tokkooyyuu woliin bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloogiraama tokko tokko dhikeessa'a. 16Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
17«Guyyaa lammeesso'oo dardaroota kudhanii lama ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qanne, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. 18Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. 19Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaanii ka isaatii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko dhikeessa'a.
20«Guyyaa sadeesso'oo dardaroota kudhanii tokko ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. 21Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. 22Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a. 23Guyyaa arfeesso'oo dardaroota kudhan ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. 24Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. 25Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
26«Guyyaa shaneesso'oo dardaroota sagal ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. 27Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. 28Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
29«Guyyaa jayeesso'oo dardaroota saddeeti ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. 30Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. 31Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
32«Guyyaa torbeesso'oo dardaroota torba ta fafa hin qanne, korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii afur ta fafa hin qanne qopheessa'a. 33Dardaroota san, korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. 34Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
35«Guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhadha'a malee ijjumaa hujii hin hujina'a. 36Dardara tokko ka fafa hin qanne, korbeessa hoole'ee tokko ka fafa hin qannee fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo torba ta fafa hin qanne, kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu dhikeessa'a. 37Dardara san, korbeessa hoole'eetii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san woliin kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isaanii akkuma seera laakkossa isaaniitiif tumameetitti qopheessa'a. 38Kennansa guyyuma guyya'aan gubamu kennansa midhaaniitii fi kennansa daadhii woyni'ii ka isa woliin dhikaatu irratti dabala'aatii kennansa araaraa cubbu'uutiif korbeessa re'e'ee tokko qopheessa'a.
39«Isin jila teessan ta beekkante irratti, waan waadaa galtanee fi kennansa fedhii teessaniin dhikeessitanu irratti dabaltanee kennansa keessan ka gubamu, kennansa keessan ka midhaanii, kennansa keessan ka daadhii woyni'iitii fi kennansa keessan ka tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif qopheessa'a» jedhe.
40Muuseen waan Mootiin Waan Maraa isa ajaje mara Israa'elootatti hime.

Você sabia?
As ofertas do sétimo mês
- O sétimo mês no calendário bíblico era marcado por importantes convocações sagradas: o toque das trombetas no primeiro dia, um dia solene de humilhação no décimo dia e uma festa de sete dias a partir do décimo quinto dia, concluída com uma assembleia no oitavo dia.Fontes: o próprio texto bíblico
- Durante a festa de uma semana que começava no décimo quinto dia, os holocaustos diários seguiam um padrão decrescente único para os novilhos: começavam com treze novilhos no primeiro dia e diminuíam um a cada dia até que sete fossem oferecidos no sétimo dia.Fontes: o próprio texto bíblico
- Esses sacrifícios prescritos para as festas não substituíam o culto padrão; eles eram oferecidos além dos holocaustos diários regulares, das ofertas mensais e de quaisquer ofertas voluntárias, de votos ou de comunhão trazidas pelos adoradores.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org