Números 18
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Hujii Hayyootaatii Fi Lewwootaa
1Mootiin Waan Maraa Aaroniin, «Atii fi ilmaan teeti, maatiin abbootii teetii ta durii yakkaa addee Woyyittii keessatti hujjaneef itti gaafatantan; yakkaa tajaajila hayyumma'aatiif ammoo si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. 2Atii fi ilmaan teeti, dunkaanii dhugaa bayaa duratti yennaa tajaajiltanu akka isin qarqaaranu, gosa abbootii teetii ta durii keessaa obboleeyyan teeti Lewwoota as fidi. 3Isaan itti gaafatamummaa teeti jalatti hujii dunkaani'ii hujanuutii malee, meya Addee Woyyitti'ii yookiin addee ciinca'aa tuquu hin qabanu. Yoo tuqane atii fi isaanille hin duutan. 4Isaan itti gaafatamummaa eegiisa Dunkaanii Woldeenna'aa fudhatanee, hujii dunkaanii keessatti hujatu mara hujiisaan si qarqaaran; nami gosa Lewwi'ii hin te'in ammoo si woliin hin hujin. 5Mufiin tiyya ammalle Israa'elootatti akka hin deebine, tajaajila Addee Woyyitti'iitii fi addee ciinca'aa si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. 6Ani Mootiin Waan Maraa obboleeyyan teessan Lewwoota, Israa'eloota oddu'uu filee, hujii Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa akka hujanuuf isinii kenneera. 7Te'uu malee, hujii addee ciinca'aatii fi hujii gollaa keessaa mara si'ii fi ilmaan teeti qofatti itti gaafatama. Akka isin hayyoota teetanee tajaajiltanuuf, ani hujii hayyumma'aa isiniif kenneera; isin malee nami dhibiin ka addee woyyitti'itti dhikaatu ijjeefamuu ti» jedhe.
Qooda Hayyootaa
8Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Aaroniin, «Kennansa naaf dhikaatu mara irratti itti gaafatamaa si godheera; kennansa woyyicha Israa'elooti naaf kennitu mara si'ii fi ilmaan teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera. 9Kennansa irra caalaa woyyichaa ka ibiddaan hin gubanne ifiif fudhadhu; kennansa irra caalaa woyyichaa ka isaan naaf kennanu marti, kennansi midhaanii yookiin kennansi gumaa cubbu'uutiif dhikaatu yookiin kennansi isaan sababa yakka'aatiif dhikeessanu marti keetii fi ka ilmaan teetii ti. 10Addee Woyyittii keessatti waan kana mara nyaadhu; dhiirti marti waan kana nyaattuu ti; wonni kun si'iif woyyu'u.
11«Kennansi tachoofamu ka Israa'elooti dhikeessitu marti keeti te'uu ti; ani si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a.
12«Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii keessaa ta caaltu, midhaan mata'aa keessaa ka caalu, ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif kennane ani sii hin kenna. 13Midhaan mata'aa ka lafa isaanii keessaa, ka isaan ana Mootii Waan Maraatiif fidanu marti keeti. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a.
14«Israa'el keessaa wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti keeti te'uu ti.
15«Wonni Angafa te'e marti, nami yookiin horiin ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu keeti te'anuu ti. Angafa namaatii fi angafa hori'ii ka qulqulluu hin te'iniif ammoo wodoo fudhatuu qadda. 16Ijoolleen ji'a tokkoo, akka sheeqelii Addee Woyyitti'iititti meetii sheeqelii shan ta gara geraa diddama madaaltuun wodamanuu ti. 17Angafi loonii, angafi hoole'ee, angafi re'e'ee ammoo woyyuu waan te'aneef wodoo hin fudhatin; dhiiga isaanii addee ciinca'aatitti fiffixi; cooma isaanille kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhiitii addee ciinca'aa irratti gubi. 18Foon isaanii akkuma foon cormi'iitii fi foon luka middaa ka kennansa tachoofamuuf dhikaatuu keeti te'uu ti.
19«Kennansi woyyichi ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu marti si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa mara akka te'u kenneera. Tun si'ii fi sanyii teetiif ana Mootii Waan Maraa duratti Gondooroo sooddaa ti» jedhe.
20Mootiin Waan Maraa ammalle Aaroniin, «Ati lafa Israa'elii keessaa dhaala hin fudhatu; Israa'el odduulle'etti qooda lafaa hin qabaattu. Israa'el oddu'utti ani Mootiin Waan Maraa qooda keetii fi dhaala keeti.
Qooda Lewwootaa
21«Lewwooti Dunkaanii Woldeenna'aa keessa waan tajaajilanuuf, waan kolbaan Israa'elii kudhan keessaa tokko naaf fiddu mara ani isaaniif dhaala godhee kenneera. 22Cubbuu itti te'ee akka hin duune, Israa'elooti dhibiin ammaa jalqabanee Dunkaanii Woldeenna'aatitti hin dhikaatin. 23Worri Lewwootaa Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanuu ti. Isaan yakkaa achi keessatti hujanuuf itti hin gaafataman. Kun dhaloota dhufuuf seerata bara baraa ti. Isaan Israa'eloota oddu'utti lafa dhaalanu hin qabaatanu. 24Waan Israa'elooti kudhan keessa tokko kennansa addaa godhanee ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu, ani Lewwootaaf kenneera; tanaaf ani isaaniin, ‹Israa'eloota oddu'utti lafa dhaaltanu hin qabaattanu› jedheera» jedhe.
25Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 26«Ati worra Lewwootaatiin, ‹Waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka ani dhaala keessan godhee isiniif kennu san yennaa fudhattanu, isinille ka fudhattanne san keessaa kudhan keessaa tokko kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 27Kennansi keessan kun akka midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama. 28Akka kanaan isinille waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka fudhattanu mara irraa qooda kiyya Aaronii hayyichatti kenna'a. 29Kennansa fudhattanu mara keessaa ka irra caalaa dansaa te'ee fi irra caalaa woyyicha te'e qooda kiyya godha'aatii dhikeessa'a. 30Isin waan irra caalaa dansaa san yennaa dhikeessitanu, akkuma midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama. 31Tajaajila isin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiltanuuf kaffaltii waan isinii te'uuf, isinii fi maatiin teessan waan hafe san eessalle'etti nyaatuu hin dandeettan. 32Eega waan irra caalaa dansaa te'e dhikeessitane, isin yakkaameyyii hin teetanu. Achiin duuba kennansa woyyicha Israa'elootaa hin batteessitanu; hin duutanulle'e› jedhi» jedhe.

Você sabia?
Deveres e porções para sacerdotes e levitas
- Números 18 estabelece um limite claro entre a família sacerdotal de Arão e o restante da tribo de Levi. Enquanto os levitas eram encarregados de auxiliar nas tarefas gerais da Tenda do Encontro, apenas Arão e seus filhos podiam servir junto ao altar e dentro do santuário, sob pena de morte para qualquer pessoa não autorizada.Fontes: o próprio texto bíblico · Aaron · Levi (patriarch)
- Diferente das outras tribos, os sacerdotes e levitas não receberam herança territorial na terra, pois o próprio Deus declarou ser a porção deles. A família de Arão era sustentada por partes das ofertas sagradas, primícias e valores de resgate dos primogênitos, provisão permanente descrita como uma aliança de sal.Fontes: o próprio texto bíblico · Aaron
- Os levitas recebiam os dízimos dos israelitas como compensação pelo trabalho na Tenda do Encontro. Por sua vez, eram obrigados a consagrar a melhor décima parte do que recebiam — o dízimo do dízimo — como uma oferta entregue diretamente ao sacerdote Arão.Fontes: o próprio texto bíblico · Aaron
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org