Números 17
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Uleen Aaronii Quunxite
1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Israa'elootatti himiitii, sooressitoota gosa abbootii isaanii ta durii irraa ulee tokko tokko wolumatti ulee kudhanii lama fuudhiitii, ulee nama tokko tokkootuu irratti maqaa isaa barreessi. 3Sooressi gosa abbootii isaanii ta durii tokko ulee tokko waan qabuuf, ulee gosa Lewwi'ii irratti maqaa Aaronii barreessi. 4Uloota san fuudhiitii, addee ani si'iin itti wol dhaggu, Dunkaanii Woldeenna'aa keessa Saanduqa Gondooro'oo dura keyi. 5Achiin duuba uleen nama ani fileeruu hin quunxiti. Akka kanaan gungumiisa Israa'elootaa ta isaan yennaa mara si irratti gungumanu si irraa kuta» jedhe.
6Maarre Muuseen kanuma Israa'elootatti hime; sooreyyiin gosa Israa'eliille akka gosa gosa ifiititti ulee tokko tokko, wolumatti ulee kudhanii lama isatti kennite; uloota san keessaa takkattiin ulee Aaronii ti. 7Achiin duuba Muuseen uloota san dunkaanii dhugaa bayaa keessaa Mootii Waan Maraa dura keye.
8Boruyyaa, Muuseen gara dunkaanii dhugaa bayaa yennaa ol seene, uleen Aaronii ta maqaa gosa Lewwi'iitiin dhikaatte, quunxitee, daraartee, midhaan muka, «Almond» jedhamuu buutteertiiyyu. 9Achiin duuba Muuseen uloota san mara Mootii Waan Maraa duraa fuudhee Israa'eloota maratti mudhise. Isaan uloota san ilaalanee, sooreyyiin tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii fudhatane. 10Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Worra finqila'aaf beessisa akka teetu, ulee Aaronii Saanduqa Gondooro'oo duratti deebisi. Tun isaan na irratti gungumanee akka hin dhumanne gooti» jedhe. 11Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe.
12Achiin duuba Israa'elooti Muuse'een, «Nuuti hin duuna! Nuuti dhumataarra! Marti keennaayyuu badaarra! 13Nami tokkolle yoo dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa bira dhufe hin du'a. Marti keennaayyuu dhumannuu tii ree?» jedhane.
Você sabia?
O Florescimento da Vara de Arão
- Para resolver a disputa sobre a autoridade sacerdotal, Moisés recolheu doze varas de madeira que representavam os líderes de cada tribo, com seus nomes inscritos, incluindo o nome de Arão pela tribo de Levi, e as colocou na Tenda do Testemunho.Fontes: o próprio texto bíblico · Aaron · Levi (patriarch)
- Em apenas uma noite, a vara de Arão passou por uma transformação extraordinária, brotando renovos, florescendo e produzindo amêndoas maduras para confirmar a escolha divina.Fontes: o próprio texto bíblico
- Após os líderes tribais examinarem as suas varas, Moisés recebeu a ordem de colocar a vara florescida de Arão novamente diante do Testemunho como um sinal permanente para cessar as murmurações do povo.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org