Neemias 9
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Israa'elooti Cubbuu Ifii Faaci'atane
1Ji'uma san gaafa guyyaa diddamii arfeesso'oo Israa'elooti marroo cubbu'uutiif akka gaddane mudhisiisaaf woyaa gaddaa uffatanee, bukuu mataa ifii irratti firfifatanee, laamiisaaf wolitti qabamane. 2Worri sanyii Israa'elii te'ane martinuu worra ormaa irraa gargar bayanee dhaabbatanee, cubbuu ifii hujanee fi abbootiin isaanii hujje duudii dhugaa-baasane. 3Adduma dhaabbatanetti saatii sadiif kitaaba Seera Mootii Waan Maraa ka Waaqa isaanii, isaaniif dubbifame; akkasuma saatii sadiif cubbuu ifii dhugaa-baasaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif sagadane.
4Iyaasuun, Baani, Qadmii'el, Shebaniyaan, Buni, Sherebiiyaan, Baanii fi Kenaan fa'a, yaabbannoo worri Lewwootaa irra bayanu irra dhaabbatanee, qoonqoo guddo'oon gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii daadimatane.
5Lewwooti worri Iyaasuu, Qadmii'el, Baani, Hashabniiyaa, Sherebiiyaa, Hodiiyaa, Shebaniyaa fi Fitaahiyaa jedhamanu,
«Ka'a'aatii Mootii Waan Maraa
Waaqa keessan ka bara baraa
leellifadha'a!
‹Maqaan keeti ulfaataan,
ka galataa fi eebba duudii irra ol aanu
leellifamuu ti!› jedha'a!» jedhane.
Daadimata Faaci'atiisaa
6Achiin duuba kolbaan Israa'elii,
«Ee Mootii Waan Maraa!
Mootiin Waan Maraa si qofa.
Ol-gubbaa,
ol-gubbaa ol-gubbootaalle
dada isaan keessaa woliin,
lafaa fi waan isii irra jiru duudii,
abbaaya'aa fi
waan isii keessa jiru duudii sittuu dade.
Ati isaan duudi'iifuu jiruu kennite;
dadi ol-gubba'aa si'iif sagaddi.
7«Ati Mootii Waan Maraa Waaqa Abraam filattee,
biyya Kaldootaa Ur keessaa baattee,
maqaa isaa ‹Abrahaam› jettee moggaatte.
8Akkasuma inni si'iif addatamaa akka te'e dhaggitee,
biyya kana'aanotaa,
biyya Heetotaa,
biyya Amoorotaa,
biyya Pheriizotaa,
biyya Yibusootaatii fi Girgaashotaa
isaa fi sanyii isaatiif kenniisaaf waadaa galte.
Ati qajeelaa waan teeteef,
waadaa galte isaaf muummessite.
9«Biyya Gibxi'iititti
rakkinna abbootii teenna dhaqqabe dhaggitee,
abbaayaa diintuu birattille iyya isaanii dhageettee,
10mootiin Gibxi'ii,
qondaaltoti isaatii fi kolbaan lafa isaa irra leetu
attam akka kolbaa teeti hucuucane waan beetteef,
baasaa fi bilbaasa hujjee itti mudhitte.
Tana waan gooteef,
gurri keeti haga adhaa ol ka'eera.
11Abbaayaa fuula isaanii duratti gargar qooddee,
lafa godduu irra akka dabaranu goote.
Akka dhakaa abbaayaa qile'etti qolaanfamuu,
worra isaan ari'aa turelle qile'etti qolaansite.
12Kolbaa teeti ammoo,
guyyaa utubaa duumensaatiin,
halkanille karaa isaan irra deemanu akka isaaniif issuuf,
utubaa ibiddaatiin sooressite.
13«Ati ol-gubbaa irraa gara gaara Siina'aa gad buutee,
isaanitti dubbattee,
seera qajeela'aa fi muraa dhuga'aa,
sirnaa fi ajaja dansaa isaaniif kennite.
14Sanbata keeti woyyichalle akka beekanu gootee,
karaa garbicha keeti Muuse'eetiin,
ajaja, sirnaa fi seera keeti isaaniif kennite.
15Yennaa beelayanelle ol-gubbaa irraa sagalee isaaniif kennitee,
yennaa dheebotanelle rassaa keessaa bisaan isaaniif burqisiitte.
Biyya isaanii kenniisaaf waadaa galtetti
akka galanuuf isaan ajajje.
16«Abbootiin teenna ammoo koortee, mataa jabaattee,
ajaja keetiif ajajamuu didde.
17Isaan ammoo ajajamuu didanee,
bilbaasa ati isaan oddu'utti hujjelle dedhane.
Mataa jabaatanee gara garbummaa ifii
Gibxi'iititti deebi'iisaaf nama isaan sooressu filatane.
Ati ammoo Waaqa jaalala bara baraatiin guutanteertu,
ka mufi'iif hin ariifanne,
ka araarantu, arja'aa fi mararaa waan teeteef
isaan hin lakkinne.
18Isaan fakkii jabbi'ii ifiif hujanee,
‹Mootiin Waan Maraa
ka biyya Gibxi'ii keessaa nu baase kana› jedhanee,
isaan guddoo si faanshessane.
19«Marartiin teeti guddoo waan teeteef,
ati ammoo goomolee keessatti
isaan hin lakkinne.
Utubaan duumensaa guyyaa,
utubaan ibiddaa ammoo
halkan isaan sooresse.
20Akka isaan barsiisuuf,
Ayyaana keeti isaanii kennite.
Mannaa isaan nyaatanuu fi
bisaan unanu isaanii kennite.
21Ati lafa goomole'ee keessatti
woggaa afurtama isaan qarqaarte.
Isaan womaa hin dhanne,
woyaan isaanii hin dulloonne,
miilli isaaniille hin iitonne.
22«Ati mootummootaa fi
gosa biyya adda addaa Israa'eliif kennitee,
isaanille biyya sihoonii mootii Heshibooniitii fi
Oogii mootii Baashaanii qabatane.
23Ati ijoollee isaanii
akka urjoota ol-gubba'aa baceessitee,
gara biyyaa abbootiin isaanii itti galanee
akka qubatanu waadaa galteetitti isaan galchite.
24Ijoolleen isaaniille lafa Kana'aanii injifatanee qabatane;
ati kolbaa achi keessa leetu
mootota isaaniitii fi worra biyya sanii woliin
akka fedhane akka isaan godhanuuf,
harka isaanii keessa galchite.
25Isaan qachoota gugurdaa
ka dalleya dhaka'aa qabuu fi lafa laattuu,
mana meya dadansa'aan guutamane,
boolla bisaanii ta qotanteertu,
addee woyni'iitii fi muka ejersaa,
akkasuma mukoota midhaanii hedduu qabatane.
Maarre isaan nyaatanee quufanee gabbatanee,
waan dadansaa guddoo ati isaanii kennitetti gammadane.
26«Duubarra ammoo ajajama didanee,
si finqilanee, Seera keeti irra duubatti deebi'ane.
Raagota teeti worra akka isaan gara keeti deebi'anu isaan xixe ijjeesanee,
kana godhiisaan guddoo si faanshessane.
27Tanaaf harka diinota isaanii,
worra isaan rakkisetti dabarsitee isaan kennitee,
isaan yennaa rakkatane sitti iyyane;
ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee,
marartii teeti guddo'oon,
harka diinota isaanii keessaa worra isaan baasu
sooreyyii isaaniif kennite.
28«Isaan foora dhaggataneen duuba ammoo,
deebi'anee si duratti hantuu hujanee,
atille harka diinota ol aantumma'aan bulchutti
isaan lakkitte.
Te'uu malee yennaa isaan deebi'anee sitti iyyane,
ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhageettee,
marartii teeti guddo'oon,
yennaa hedduu isaan baache.
29«Gara Seera keetii akka deebi'anuuf,
ati isaan gorsiteerta.
Isaan kooranee seera keeti didane;
waan si duratti sirrii te'e
ka nami eegatee ittiin le'u irratti ka'anee
cubbuu hujane.
Mataa jabaatanee dudda sitti galanee
morma jabeeffatanee,
dhage'iisa didane.
30Ati bara hedduu isaaniif ossattee,
karaa raagota teetiitiin
Ayyaana keetiitiin isaan gorsite;
te'uu malee isaan si hin dhageenne.
Tanaaf ati kolbaa ollaa isaaniititti
dabarsitee isaan kennite.
31Ammalle ati
Waaqa marartii guddoo qabu waan teeteef,
isaan hin ganne yookiin
hin balleessine.
Ati Waaqa marara'a;
arjaalle'e.
32«Tanaaf amma, Waaqa keenna,
ati gudda'a!
Ati attam hunnaamessaa fi sodaatama'a!
Ati Gondooro'oo fi jaalala keeti
ka bara baraa ka eeddu!
Rakkinna bara mootota Asooriitii jalqabee
haga adhaalle nu irra, mootota teenna irra,
qondaaltota teenna irra,
hayyoota teenna irra,
raagota teenna irra,
abbootii teennaa fi
kolbaa teeti mara irra geye qaabadhu!
33Waan nu irra geye maraaf
ati dhugaa qadda;
nuuti yakkaameyyii teenulle,
ati addatama'a.
34Moototi teenna,
qondaaltoti teenna,
hayyooti teennaa fi
abbootiin teenna
Seera keeti hin eeganne.
Yookiin ajaja keetii fi
gorsa keeti hin qalbeeffanne.
35Isaan mootummaa ifii keessatti,
lafa badho'oo fi laattuu
ati isaaniif kennite keessa,
yennaa turaneeyyuu siif hin tajaajille;
cubbuu ifii irraa hin deebine.
36«Kunoo, nuuti adha
lafa abbootiin teenna midhaan isi'iitii fi
waan dansaa isiin baachu akka nyaatanuuf,
ati isaaniif kennite keessatti garboota teene.
37Sababa cubbuu teennaatiif,
wonni hedduun latti kennitu,
mootota worra ati nu irratti mootonsiteef galti;
Isaan nu'uu fi horii keenna irratti
akka jaalatane godhan.
Nuuti rakkinna guddaa keessa jirra.
Kolbaan Wolii Galtee Mallatteessite
38«Sababa waan te'e san maraa, nuuti barreeffamaan wolii galtee tokko goona; qondaaltoti teenna, Lewwooti teennaa fi hayyooti teenna chaappaa itti godhan» jedhane.

Você sabia?
Confissão nacional e renovação
- A assembleia reuniu-se em jejum, vestindo panos de saco e com pó sobre a cabeça, dedicando uma quarta parte do dia para ouvir o Livro da Lei e outra quarta parte para confessar seus pecados e adorar.Fontes: o próprio texto bíblico
- Levitas como Jesua, Cadmiel e Sebanias subiram em uma plataforma elevada para conduzir o povo em oração. Essa prece reconta a história de Israel, destacando a fidelidade de Deus desde o chamado de Abraão em Ur dos Caldeus até o êxodo e a peregrinação no deserto.Fontes: o próprio texto bíblico · Jeshua · Kadmiel · Shebaniah
- Embora relembre vitórias antigas sobre reis como Seom de Hesbom e Ogue de Basã, a oração termina reconhecendo a condição difícil da comunidade sob domínio imperial estrangeiro, o que os levou a firmar um acordo solene por escrito.Fontes: o próprio texto bíblico · Heshbon · Bashan
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 7
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 9, 17, 18
- Bashan · 32.781, 35.935 · versículo 22
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 32
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org