Neemias 8
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Izraan Seera Waaqaa Kolba'aaf Dubbise
1Kolbaan Israa'elii martinuu ji'a torbeesso'oo qachoota ifiititti qubatte; ji'a san guyyaa qaraa kolbaan duudiin Yerusaalemitti karra «Karra bisaanii» jedhamu fuula duratti gara keessaatitti tokkumma'aan wolitti qabante; isaanille Izraa barreessaa kitaabaa, «Kitaaba Seera Muuse'ee ka Waaqi kolbaa Israa'eliitiif kenne fidi!» jedhanee gaafatane. 2Ji'a torbeesso'oo, guyyaa qaraa Izraan hayyichi nami hubatuu dande'u duudiin: dhiirti, dubartiin, diqqa'aa fi guddaan addee wolitti qabamaneeranutti Kitaaba Seeraa fide. 3Inni gara gumii karra bisaanii fuula dura jirtuu garagalee, dhiiraa fi dubartii, akkasuma worra wo hubatuu dande'u duratti ganamaa haga orra'aa, qoonqoo guddo'oon dubbise; kolbaan duudiin Kitaaba Seeraa san akka dansaa dhageette.
4Izraan barreessaan kitaabaa waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta mukaa, guyyaa haajaa akkasii kanaaf irra dhaabbatiisaaf hujante irra dhaabbate; gara harka isaa middaatiin Matiitiyaan, Shemaan, Anaayaan, Uriiyaan, Hilqiiyaanii fi Ma'aseyaan, gara harka isaa bita'aatille'een Phedaayaan, Miishaa'el, Malkiiyaan, Hashum, Haashabadaanaan, Zakaariyaasii fi Meshulaam isa cinaa dhaabbataneeran.
5Izraan addee ol kaate irra waan dhaabbateeruuf, kolbaan duudiin gara isaa ilaaliisatti jirtiiyyu; akkuma inni Kitaaba san baneen, isaan martinuu ka'anee dhaabbatane. 6Izraalle Mootii Waan Maraa Waaqa guddicha leellise; kolbaan duudiin harka ifii ol qabattee «Ameen, ameen!» jette; achiin duuba adda ifiille'een lafatti gad jiddee Mootii Waan Maraatiif sagadde.
7Achiin duuba isaan martinuu ka'anee, adduma jiranutti dhaabbatane; worri Lewwootaalle, Iyaasuun, Baaniin, Sherebiiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiiyaan, Ma'aseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad, Haannaanii fi Phelaayaan Kitaaba Seeraa san kolbaa hubachiisane. 8Isaanille Kitaaba Seera Waaqaa san kolba'aaf dubbisanee, akka wonni dubbifamu kolba'aaf galu hiikanee issane.
9Kolbaan duudiin waan Seerri jedhu yennaa dhageette waan bootteef, Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan hayyichi barsiisaan kitaaba seeraatii fi Lewwooti worri seera hiikanee kolbaa barsiisane, «Guyyaan kun Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyicha waan te'eef, isin hin gaddina'a, hin bowna'a!» jedhanee isaan duudi'itti himane. 10Nahimiyaan, «Dhaqa'aatii sagalee filante nyaadha'a; untoo mi'oottuulle una'a! Worra hin qannelle'eef irraa qooda'a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te'eef, hin gaddina'a!» jedhe.
11Worri Lewwootaalle kolbaa duudi'iin, «Guyyaan kun woyyicha waan te'eef, cadhisa'a; hin gaddina'a!» jedhanee cadhisiisane. 12Kolbaan duudiin jechoota isaaniif dubbifame waan hubataneef, nyaatiisaa fi uniisaaf, waan qabanu irralle'ee worra dhibi'iif qoodiisaaf, gammadiisaafille gara mana mana ifii galane.
Jila Gose'ee Jilifatane
13Guyyaa lammeesso'oo worri sooreyyii firaa duudiin hayyootaa fi Lewwoota woliin jechoota Seera sanii baratiisaaf, Izraa barsiisaa Seera Kitaabaa biratti wolitti qabamane. 14Isaanille ajaja Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin kenne keessatti, «Ji'a torbeesso'oo keessa yennaa jila gose'ee jilifatanu, kolbaan Israa'elii gosee keessa teetuu ti!» jedhu, Seera keessatti bareeffameeruun dhaggane. 15Maarre isaan, «Akkuma barreeffametti gosee ijaariisaaf gaaratti ol baya'aatii, dameelee ejersa zayiti'iitii fi ejersa badda'aa, dameelee muka dakkaraa, meexxi'ii fi dameelee muka baala-qabeeyyi'ii fida'a!» jedhanee, qachoota isaanii duudi'ii fi Yerusaalem keessatti lassane.
16Tanaaf kolbaan baatee dameelee mukaa fiddee, tokko tokkoon isaanii heellichoo mana ifii irratti, dalleya mana ifiitii fi dalleya Galma Waaqaa keessatti, badhinna karra bisaanii jedhamutti, badhinna karra Efreemii duralle'etti gosee ijaarane. 17Namooti biyya itti booji'amanee deebi'ane duudiin gosee ijaarratanee keessa tee'ane; eegii bara Iyaasuu ilma Nuniitii haga guyyaa saniititti kolbaan Israa'elii akkas gammaddee hin beettu; gammadi itti dhage'amelle akka malee gudda'a. 18Izraan guyyaa duraatii jalqabee haga guyyaa muummeffata jilaatitti, guyyuma guyya'aan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise; isaan jila san haga guyyaa torbaa jilifatane; akkuma Seerri ajajutti guyyaa saddeetesso'oo aadaan muummeffata jilaa godhame.

Você sabia?
A leitura da Lei e a Festa das Cabanas
- Esdras, o escriba e sacerdote descendente de Arão que liderou exilados de volta da Babilônia, leu o Livro da Lei de Moisés desde o amanhecer até o meio-dia para a assembleia reunida em Jerusalém. Em pé sobre um estrado de madeira na praça em frente à Porta das Águas, ele leu enquanto os levitas explicavam o texto para que todo o povo pudesse entender.Fontes: o próprio texto bíblico · Ezra · Water Gate · Jerusalem
- Ao ouvirem a Lei, as pessoas começaram a chorar, mas Neemias, o governador, Esdras e os levitas as instruíram a não se entristecerem em um dia santo. O povo foi incentivado a comer alimentos ricos, beber bebidas doces, enviar porções aos que nada tinham preparado e encontrar forças na alegria do Senhor.Fontes: o próprio texto bíblico
- Após redescobrirem o mandamento da Lei de habitar em cabanas durante a festa do sétimo mês, os exilados que haviam retornado colheram ramos de palmeira, oliveira e murta para construir abrigos sobre os terraços, pátios e praças junto à Porta das Águas e à Porta de Efraim. O texto destaca que os israelitas não celebravam essa festa de tal maneira desde os dias de Josué, filho de Num.Fontes: o próprio texto bíblico · Water Gate · Gate of Ephraim
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Water Gate · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 1, 3, 16
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 15
- Ephraim Gate · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 16
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org