Mateus 9
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Namicha Nafa Laashowe Fayyise
1Yesuus hoboloo yaabee abbaaya'aan gamatti bu'ee gara qachaa ifii dhufe. 2Jarri tokko achitti namicha nafi isaa laashowee itillee irra irkateeru tokko gara isaa fidde. Yesuus yennaa dhugeeffannaa isaanii dhagge, namicha nafa laashoween, «Ilma kiyya, jabaadhu! Cubbuu teetiif araarri kennameera» jedhe.
3Achiin duuba barsiisoti Seera Muuse'ee gariin, «Namichi kun Waaqa faanshessiisatti jira» jedhanee gadhaa ifii keessatti yaadatane.
4Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin maaf waan hantuu akkasii gadhaa keessan keessatti yaadattan? 5‹Cubbuu teetiif araarri kennameera› jechu'u moo yookiin, ‹Ol ka'ii deem› jechuu irra kamittuu kaso'o? 6Ammoo Ilmi namaa cubbuu araaramiisaaf lafa irratti baallii akka qabu akka beettanu» jedhee, namicha laashoweeruun, «Ol ka'i! Itillee teeti fudhadhuutii gara mana keetii deem!» jedhe.
7Namichille ol ka'ee gara mana ifii deeme. 8Kolbaan yennaa tana dhaggite baaseffattee, Waaqa baallii akkasii kolba'aaf kenne galateeffatte.
Yesuus Maatewoos Waame
9Yesuus karaa san dabaruun, namicha qaraxa guuru tokko, ka Maatewoos jedhamu, addee gosee qaraxaa tee'eeruun dhaggee, «Na hordofi» jedheen.
Innille ol ka'ee isa hordofe.
10Yesuus mana Maatewoosiititti nyaata irra jiruun, worri qaraxa guuruu fi cubbaaleyyiin hedduun isaa fi barattoota isaa woliin nyaatiisaaf tee'ane. 11Fariisaayoti gariin kana dhagganee, barattoota isaatiin, «Barsiisaan keessan worra qaraxa guuruu fi cubbaaleyyii woliin maaf nyaata?» jedhane.
12Yesuus yennaa kana dhage'e, «Worra dhibameef malee, worra fayyaaleyyi'iif cidheessa hin barbaachisu. 13Dhaqa'aatii Barreeffama, ‹Ani marartii barbaada malee ciinca'aa moti› jedhu hiikkaan maan akka te'e qorqora'aatii hubadha'a. Ani cubbaaleyyii waamiisaaf dhufe malee, balchoota waamiisaaf moti» jedhe.
Gaaffii Marroo Laamiisaa
14Achiin duuba barattooti Yohaannisii cuupha'aa gara Yesuusii dhufanee, «Nuutii fi Fariisaayoti yennaa mara maaf laamaa, barattooti teeti ammoo ijjumaa maaf laamuu dhaban?» jedhanee gaafatane.
15Yesuus deebisee, «Waajibichi isaan woliin adoo jiruu jaaloti hin gaddanii? Waawwo'o! Guyyaan waajibichi isaan biraa fudhatamu hin dhufa; achiin duuba isaan hin laaman.
16«Eennulle woyaa haareya woyaa dullatti'itti hin erbu; sababille woyaan haaretti shuntuurachiittee qowa duriituu ka caalu gooti. 17Akkasuma daadhii woyni'ii ta hin bayiin qalqalluu dulloometti eennulle hin naqu; sababille qalqalluun hin dho'a, daadhiin hin jiddi, qalqalluulle hin bada; daadhiin hin bayin qalqalluu haareyatti naqamuu malte; daadhiille, qalqalluulle hin badanu» isaaniin jedhe.
Intala Yaayiroosiitii Fi Dubartii Woyaa Yesuusii Tuxxe
18Yesuus adoo tana isaanitti dubbatiisatti jiruu, bulchaan Mana Waaqonfannaa Yihudootaa gara isaa dhufee, isa duratti jilbiiffatee, «Intalti tiyya ammuma na duraa duute; ati ammoo koyiitii harka keeti isii irra keyi; isiille deebitee hin jiraatti» jedhe. 19Yesuus ka'ee barattoota ifii woliin isa faana dhaqe.
20Dubartiin woggaa kudhanii lamaaf dhiigi isi'ii dhaabbatuu didee rakkataa turte takka isa duubaan dhuttee handaara woyaa Yesuusii tuxxe. 21Isiin gadhaa ifiititti, «Yoo woyaa isaa callaa tuqe, ani hin fayya» jettee yaadatte. 22Yesuus garagalee isii dhaggee, «Intala tiyya, jabaadhu! Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti» jedheen; dubartittiille yoosuma fayyite. 23Achiin Yesuus gara mana bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa yennaa dhaqe, worra suusullee gaddaa afuufuu fi gumii caakkittee boottu dhaggee, 24«Asii gad baya'a! Intalti rafiisatti jirti malee hin duune» jedhe. Isaan ammoo itti kollane. 25Gumiin gad baateen duuba, Yesuus gara addee intalti jirtuu seenee harka isi'ii qabe; intaltille ol kaate. 26Oduun marroo waan kanaa adaala san mara geette.
Yesuus Namoota Ballaa Lama Fayyise
27Yesuus achii ka'ee adoo dabariisatti jiruu, namooti ballaan lamaan isa hordofanee, «Ilma Daawitii, nu marari!» jedhaa iyyane. 28Inni yennaa mana seene, namooti ballooti sun gara isaa dhikaatane; Yesuusille, «Akka ani kana godhuu dande'u hin dhugeeffattanii?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Ee, Gootta'a!» jedhaneen.
29Achiin duuba Yesuus ila isaanii qaqqabee, «Akkuma dhugeeffannaa teessanii isinii teetuu ti!» jedhe; 30ilti isaaniille banante. Achiin duuba Yesuus, «Beekkadha'a, waan kana nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee jabeessee isaan ajaje.
31Isaan ammoo achii bayanee oduu marroo Yesuusii adaala lafa sanii maraan geyane.
Yesuus Namicha Afaan Duuda'aa Fayyise
32Namooti ilti babbananteef akkuma achii bayaneen, jarri takka namicha afaan duudeeru ka durriisi qabeeru tokko gara Yesuusii fadane. 33Durriisi yennaa keessaa baafame, namichi afaan duudee ture dubbate; kolbaalle baaseffattee, «Waan akkasii kana Israa'el keessatti nuuti ijjumaa dhagginee hin beennu!» jette. 34Fariisaayoti ammoo, «Inni hunna mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.
Yesuus Kolba'aaf Naye
35Yesuus Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiisaa, Oduu Gammadaa ta mootummaa Waaqaa lallabaa, kolbaa dhukkubaa fi dhibee mara irraa fayyisaa qachootaa fi olloota mara keessa deddeeme. 36Inni akka hoolota tissee hin qannee kolbaa rakkattee fi qarqaarsa hin qanne yennaa dhagge nayeef. 37Yennaa san inni barattoota ifiitiin, «Midhaan haamamu gudda'a; worri haamu ammoo diqqa'a. 38Tanaaf abbaan midhaanii worra miidaan haamu gara midhaan haamamuu akka ergu daadimadha'a» jedhe.

Você sabia?
Misericórdia, cura e vinho novo
- Mateus, filho de Alfeu, era publicano, ou seja, cobrador de impostos, em Cafarnaum. Jesus, ao subir da beira do lago, passou pela coletoria onde Mateus estava sentado e disse: “Segue-me”. Antes, ele era conhecido como Levi; nesse mesmo dia ofereceu um grande banquete, descrito como uma despedida, a Jesus, aos discípulos e, provavelmente, a muitos dos seus antigos companheiros.Fontes: Matthew · o próprio texto bíblico
- Os que perguntam por que eles e os fariseus jejuam com tanta frequência, enquanto os discípulos de Jesus não jejuam, são discípulos de João Batista. João é chamado o precursor; era de descendência sacerdotal, seu pai Zacarias sacerdote do turno de Abias e sua mãe Isabel uma das filhas de Arão.Fontes: John the Baptist · o próprio texto bíblico
- Uma cronologia situa a cura do paralítico, o chamado de Mateus, a pergunta sobre o jejum e a parábola dos odres no ano 28 d.C.Fontes: Healing the Man with Palsy · Jesus Calls Matthew · Fasting Question · Parable of the Winseskins
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Sea of Galilee · 32.819, 35.590 · versículo 1
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org