Mateus 10
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Yesuus Ergantoota Kudhanii Lama Filate
1Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota akka baasanu, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisanu baallii isaaniif kenne. 2Maqaan ergantoota kudhanii lamaanii asii gad jira: ka matoomaa, Simoon ka «Pheexroos» jedhamee fi obboleessa isaa Indiryaas; ilmaan Zabdewoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis; 3Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa guuru, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos; 4Simoonii hinaatticha, Yihudaa nama biyya keriyootii, ka dabarsee Yesuus kenne.
Hujii Ergantoota Kudhanii Lamaa
5Yesuus worra kudhanii lamaan kana erge; qajeelfama asii gad jirulle itti kennee, «Gara worra Yihudoota hin te'inii hin dhaqina'a, yookiin qachoota Samaariyya'aa hin seenina'a. 6Addee akkasii, Worra akka hoolotaa bade gara kolbaa Israa'elii dhaqa'a. 7Akkuma dhaxxaneen, ‹Mootummaan Waaqaa dhikaatteerti› jedhaa lallaba'a. 8Dhibamaa fayyisa'a, du'aa kaasa'a, worra dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru fayyisa'a, durriisota baasa'a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna'a. 9Marxoo keessatti worqii, meetii yookiin sibiila diimaa hin qabatina'a. 10Ideemiisa kara'aatiif korojoo, qoloo lama, yookiin kophee lama, ulee lama hin qabatina'a. Hojjattootaaf wonni isaan barbaachisu kennamuufii malte. 11Isin gara qachaa yookiin ollaa tokkoo yennaa seentane, nama isin fudhatiisaa te'u tokko barbaada'a, haga addee san lakkittanutti isa bira tura'a. 12Yennaa mana tokko seentanu, ‹Nageenni isinii te'u› jedha'a. 13Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u. 14Eennulle yoo isin fudhatuu dhabe yookiin dubbii teessan dhage'uu dhabe, mana san yookiin qachaa san lakkittanee yennaa baatanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a. 15Ani dhugaa isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa sanii irra worra Sodoomii fi Gomora'aatiif irra kasoo hin teeti» jedhe.
Miidhaa Dhufu
16Yesuus itti dabalee, «Ani akka hoolotaa odduu yayyi'ii isin erga; maarre akka bofaa qaroolee, akka saphaliisaa gadhi-laafeyyii te'a'a. 17Namoota irraa ifi eeggadha'a; isaan gara kora mura'aa dabarsanee isin hin kennan, mana itti wolitti qabamanu keessatti isin hin dhaanan. 18Sababa kiyyaaf akka isinitti muranu gara bulchitootaa fi moototaa waan geeffantanuuf, isaanii fi worra Yihudoota hin te'in duratti dhugaa baatota tiyya hin teetan. 19Yennaa isaan dabarsanee isin kennanu ammoo, maan akka jettanu yookiin attam akka dubbattanu hin yaadina'a; yennuma san wonni dubbattanu isiniif hin kennanti. 20Ayyaana Abbaa keessan ka ol-gubba'aatitti isin keessa jiraatee dubbata malee, isinii moti.
21«Obboleessi obboleessa ifii, abbaalle ilma ifii du'atti dabarsee hin kenna; ijoolleelle worra ifii irratti hin kaati; hin ijjeesisiittille'e. 22Sababa kiyyaaf nami marti isin jibba. Nami haga muumme'eetitti ossu ammoo hin fayya. 23Yennaa isaan qachaa tokko keessatti isin miidhane, gara ka dhibi'ii baqadha'a. Ani dhugumaan isinitti hima, Ilmi Namaa adoo hin dhufiniin dura qachoota Israa'elii mara keessa deentanee hin fixxanu.
24«Barataan barsiisaa ifii hin caalu, hojjataan hojjachiisaa ifii hin caalu. 25Barataan akka barsiisaa ifii te'uun, hojjataan akka hojjachiisaa ifii te'uun hin geya. Isaan yoo abbaa manaa, ‹Bi'el Zebul› jedhanee waamane worra mana isaa maqaa irra caalaa badaa attamiitiin waamu'uu jiran ree! 26Maarre nama hin sodaatina'a. Wonni gollame mudhatuu hin ooltu; wonni dhoffame beekkamuu hin ooltu. 27Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifa guyya'aatiin dubbadha'a. Waan hasaasa'aan dhageettane guutuu manaa irraa lallaba'a. 28Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina'a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande'u Waaqa sodaadha'a. 29Sinbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee sinbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu. 30Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera. 31Maarre hin sodaatina'a; isin sinbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan» jedhe.
Marroo Kiristoosii Dhugaa Bayiisa
32Yesuus itti dabalee, «Nama duratti ka dhugaa naa bayu duudi'iif, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti dhugaa isaaf baya. 33Ka nama duratti na mormatu duudii ammoo, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti isa hin mormadha» jedhe.
Namooti Sababa Yesuusiitiif Gargar Bayane
34Yesuus itti dabalee, «Ani gara biyya lafaa nageya fidiisaaf waan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani shallaagaa malee, nageya fidiisaaf hin dhunne. 35Ani ilma abba'aan, intala haadha ifiitiin, niitii ilmaa haadha dhirsa isi'iitiin gargar baasiisaaf dhufeera. 36Diinoti keessan maatuma teessan keessaa hin te'a.
37«Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii na caalaa jaalatu naaf ka malee moti; nami ilma ifii yookiin intala ifii na caalaa jaalatu naaf ka malee moti. 38Nami fannoo ifii ba'atee na hin hordonne naaf ka malee moti. 39Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata.
Gatii Namooti Dhaggatanu
40«Ka isin fudhatu na fudhata; ka ana fudhatu ka ana erge fudhata. 41Ka raagaa tokko waan inni raagaa te'eef fudhatu, gatii raagichaa hin dhaggata. Ka nama balchaa waan inni nama balchaa te'eef fudhatu, gatii balcha'aa hin dhaggata. 42Dhugaa isiniin jedha, eennulle worra didiqqaa na hordofu kana keessaa tokkoof, waan inni barataa kiyya te'eef, bisaan unto'oo qabbanawaa xuuxxoo tokkolle yoo kenne, gatii hin fudhata» jedhe.

Você sabia?
Os doze enviados em missão
- Simão, chamado Pedro, e seu irmão André — o primeiro par nomeado entre os doze — eram pescadores de Betsaida, na costa ocidental do mar da Galileia. Tiago e João, citados em seguida, eram filhos de Zebedeu, um pescador da Galileia que tinha os próprios barcos e empregados.Fontes: o próprio texto bíblico · Simon Peter · Andrew · Zebedee
- Mateus, identificado na lista como o cobrador de impostos, era filho de Alfeu e antes era conhecido como Levi; recolhia impostos em Cafarnaum, e o nome Mateus significa “dom de Deus”. Tomé, nomeado ao lado dele, também era chamado Dídimo, o equivalente grego do nome hebraico, que significa “gêmeo”. Bartolomeu significa “filho de Tolmai” e, em geral, se supõe que seja a mesma pessoa que Natanael.Fontes: o próprio texto bíblico · Matthew · Thomas · Bartholomew
- Jesus adverte que o dia do juízo será mais tolerável para Sodoma e Gomorra do que para uma cidade que recusar os doze apóstolos. O Dicionário Bíblico de Easton (1897) descreve essas cidades da planície de Sidim como destruídas pelo fogo e proverbiais pela maldade, e as situa, provavelmente próximas uma da outra, perto da extremidade norte do que hoje é o mar Morto.Fontes: o próprio texto bíblico · Sodom · Gomorrah
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org