Mateus 17
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Jijjiiramiisa Bifa Yesuusii
1Guyyaa jaan duuba, Yesuus Pheexroosii fi Yaaqoob, Yohaannisii obboleessa Yaaqoobille fudhatee, gara gaara dheeraa tokkoo qofitti ol isaan baase. 2Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu'uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete. 3Dedhuma Muuse'ee fi Eliyaas Yesuus woliin dubbatanuun dhaggane. 4Achiin duuba Pheexroos Yesuusiin, «Gootta'a, asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Yoo fedhii keeti te'e, gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaarraa» jedhe. 5Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle'ee qoonqoon takka, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage'a'a!» jette. 6Barattooti yennaa tana dhage'ane, rifatanee lafa irratti fuulaan gad jigane. 7Yesuus ammoo isaanitti dhikaatee harkaan isaan qaqqabee, «Ka'aa, hin sodaatina'a!» jedheen. 8Isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Yesuus malee nama tokkolle hin dhaggine.
9Isaan gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, Yesuus, «Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan dhaggittane kana nama tokkolle'etti hin himina'a» jedhee barattoota ifii ajaje. 10Barattooti isaalle, «Barsiisoti seera Muuse'ee, ‹Eliyaasitti dursee dhufuu qaba› maaf jedhan ree?» jedhanee isa gaafatane. 11Inni deebisee, «Eliyaas waan mara adde'etti deebisiisaaf dhugumaan hin dhufa; 12Ani ammoo isinitti hima Eliyaas duruu dhufeera, kolbaan isa hin hubanne, akkuma fedhane isa godhane. Maarre Ilmi Namaalle harka isaaniititti hin rakkata» jedheen. 13Achiin duuba barattooti akka inni marroo Yohaannisii cuupha'aa isaanitti dubbatiisatti jiru hubatane.
Yesuus Mucaa Ayyaana Hama'aan Qabame Fayyise
14Yennaa Yesuusii fi barattooti isaa sadiin gara gumi'ii deebi'ane, namichi tokko dhufee, Yesuus duratti jilbiiffatee, 15«Gootta'a, mucaa kiyya mararfadhu, inni dhukkuba gaggaddu'uu waan qabuuf guddoo rakkatiisatti jira; inni yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti jiga. 16Ani gara barattoota teetii isa fidee, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne» jedhe. 17Yesuus deebisee, «Isin dhaloota hin dhugeeffannee fi dabaalessa! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!» jedhe. 18Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye.
19Achiin duuba barattooti qofuu gara Yesuusii dhufanee, «Nuuti maaf ayyaana hamaa san baasuu dadhanne?» jedhanee isa gaafatane. 20Yesuus deebisee, «Waan dhugeeffannaan teessan diqqaatteef re! Ani dhugumaan isinitti hima, dhugeeffannaa haga midhaan sanaafici'ii adoo qabaattanee, gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettane, innille hin deema; wonni isiniif hin dande'anne hin jirtu. [ 21Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu» isaaniin jedhe.]
Yesuus Ammalle Marroo Du'aa Fi Du'aa Ka'a Ifii Dubbate
22Yennaa barattooti isaa Galiilaa keessatti wolitti qabamane, Yesuus isaaniin, «Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama, 23isaanille isa hin ijjeesan, inni ammoo guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaanille guddoo gaddane.
Kaffala Gibira Galma Waaqaa
24Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Qifirnaahoom geyane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, «Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?» jedhaneen.
25Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, «Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi'ii irraa guuran?» jedhee isa gaafate.
26Pheexroos deebisee, «Nama biyya dhibi'ii irraa guuran» jedheen.
Yesuus deebisee, «Nami biyya isaanii bilisa ree! 27Te'uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya'aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaan isi'ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii naaf, ifille'eef kaffali!» jedheen.
Você sabia?
A transfiguração e o retorno à Galileia
- Jesus levou Pedro, Tiago e João sozinhos a um alto monte, onde foi transfigurado diante deles. O Dicionário Bíblico de Easton identifica Tiago como filho de Zebedeu, irmão mais velho do apóstolo João e pescador em parceria com Pedro, e registra que os três estiveram presentes na transfiguração. Pedro, também chamado Simão, foi criado à beira do mar da Galileia e treinado como pescador.Fontes: o próprio texto bíblico · James (Son of Zebedee) · Simon Peter
- Moisés e Elias apareceram e conversaram com Jesus. O Dicionário Bíblico de Easton identifica Elias como 'o tesbita', o 'Elias' do Novo Testamento, a figura sobre a qual os discípulos perguntaram ao questionar a afirmação dos escribas de que Elias deveria vir primeiro. Os discípulos entenderam a resposta de Jesus — de que Elias já tinha vindo e não fora reconhecido — como referência a João Batista, cuja missão o dicionário associa à profecia, inclusive a Malaquias 3:1.Fontes: o próprio texto bíblico · Elijah · John the Baptist
- Na Galileia, Jesus disse que o Filho do Homem estava prestes a ser entregue nas mãos dos homens, morto e ressuscitado no terceiro dia. O Dicionário Bíblico de Easton observa que a região era chamada 'Galileia dos gentios' e que Cafarnaum — 'cidade de Naum' — tornou-se a 'sua própria cidade' depois de sua expulsão de Nazaré; ali, os cobradores do imposto de duas dracmas perguntaram a Pedro se o mestre dele pagava esse imposto.Fontes: o próprio texto bíblico · Galilee · Capernaum
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 22
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org