Mateus 16
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Worri Fariisaayotaa Beessisa Gaafatane
1Worri Fariisaayotaatii fi worri Saduqootaa dhufanee, Yesuus haga ilaaliisaaf beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka itti mudhisu isa gaafatane. 2Inni deebisee, «Yennaa galgalaa, ‹Gubbaan waan diimatteertuuf, haalli qilleensaa dansa'a› jettan; 3bariille, ‹Gubbaan waan diimattee dukkudhootteertuuf, adha hin rooba› jettan. Bifa gubba'aa ilaaltanee attam akka te'u himuu hin beettan, beessisa baraa ammoo attam akka te'u himuu hin dandeettanu. 4Dhalooti hama'aa fi Waaqaaf hin addatanne beessisa barbaada; ammoo beessisa Yoonaasii malee, beessisi hin kennamuuf» isaaniin jedhe. Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee deeme.
Uukoo Fariisaayotaatii Fi Saduqootaa
5Barattooti yennaa abbaaya'aan gamatti bu'ane, daabboo tokkolle fidatiisa dedhaneeran. 6Yesuus, «Ilaalladha'a! Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a» isaaniin jedhe. 7Isaan wol woliin, «Waan nuuti daabboo fidatiisa dhanneef akkas jedha» jedhane. 8Yesuus yaada isaanii beekee, «Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo, marroo daabboo fidatiisa dhabiisaa maaf dudubbattan? 9Isin ammalle hin hubattanuu? Xaltaa shanan namoota kuma shaniif geyee, hambaa kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? 10Yookiin xaltaa torba namoota kuma afuriif geyee kollonjoo meeqa akka fuutane hin qaabattanuu? 11Marroo daabbo'oo akka ani hin dubbatin attam hubatuu dhaddan? Uukoo worra Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eegadha'a!» isaaniin jedhe. 12Achiin duuba barattooti akka Yesuus uukoo daabbo'oo irraa adoo hin te'in, barsiisa Fariisaayotaatii fi Saduqootaa irraa ifi eeggachiise hubatane.
Pheexroos Ebeluu Yesuusii Hime
13Yesuus gara lafa qachaa Qiisaariyaa Filiphoosii bira yennaa dhaqe, barattoota ifiitiin, «Kolbaan Ilma Namaatiin eennu jetti?» jedhee gaafate. 14Isaan deebisanee, «Gariin, ‹Yohaannisii cuupha'a› si'iin jedhan, worri dhibiin ammoo, ‹Eliyaas› si'iin jedhan, worri dhibiille, ‹Ermiyaas yookiin raagota keessaa tokko› si'iin jedhan» jedhaneen. 15Inni deebisee, «Isin hoo eennu anaan jettan?» isaaniin jedhe. 16Simoon Pheexroos deebisee, «Ati Masiihii, Ilma Waaqa jiraata'aa ti» jedhe. 17Yesuusille deebisee, «Ilma Yoona'aa Simoon, ati ka badhaate! Kana Abbaa kiyya ka ol-gubbaa jirutti sitti mudhise malee, namaa moti. 18Maarre Pheexroos, ani sitti hima, ati rassa'a; rassaa kana irratti wolde'a kiristaanaa kiyya hin ijaara; hunna du'aalle wolde'a kiristaanaa kana hin injifattu. 19Ani furtuu mootummaa ol-gubba'aa si'iif hin kenna, wonni ati lafa irratti hiite, ol-gubbaalle'etti ka hidhame te'a, wonni ati lafa irratti hiittelle ol-gubbaalle'etti ka hiikame te'a» jedhe. 20Achiin duuba Yesuus Masiihii akka te'e eennulle'etti akka hin hinne jabeessee barattoota ifii ajaje.
Yesuus Marroo Rakko'oo Fi Du'a Ifii Dubbate
21Yennaa sanii jalqabee Yesuus barattoota ifiitiin, «Ani gara Yerusaalemii dhaquu qaba; achitti harka jaarsole'eetitti, harka sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seera Muuse'eetitti guddoo hin rakkadha, hin ijjeefamalle'e; guyyaa sadeesso'oo ammoo hin ka'a» jedhu'utti ka'e. 22Pheexroos cina'atti isa baasee, «Gootta'a, Waaqi si hanqisu! Wonni kun ijjumaa si hin dhaqqabin» jedhaa isa xixuu jalqabe. 23Inni ifi irra garagalee, Pheexroosiin, «Seexana, ana irraa bayyadhu! Qalbiin teeti waan namaa malee, waan Waaqaa waan hin yaadaneef, ati naaf gufu'u» jedheen.
24Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, «Nami yoo na hordofuu barbaade ifi mormatee, fannoo ifii ba'atee na hordofuu ti. 25Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba; nami naaf jedhee jiruu ifii dhabu, hin dhaggata. 26Nami waan lafa tanaa mara qabaatee lubbuu ifii ammoo yoo dhabe maan isaa baati? Yookiin nami wodoo lubbuu ifiitiif gatii maan kaffalu'uu dande'a ree? 27Ilmi Namaa ulfinna Abbaa ifiitiin ergantoota ifii woliin hin dhufa; achiin duuba tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii hin kennaaf. 28Ani dhugumaan isinitti hima, worra as dhaabbatanu keessaa, Ilmi Namaa mootummaa ifiitiin dhufuun haga dhagganutti, namooti hin duune jiran» jedhe.

Você sabia?
A confissão de Pedro e o caminho da cruz
- Cesareia de Filipe, onde Jesus perguntou quem as pessoas diziam ser o Filho do Homem, ficava junto à base do monte Hermom, na nascente superior do Jordão, 20 milhas ao norte do mar da Galileia e 120 milhas ao norte de Jerusalém. O Easton's Bible Dictionary (1897) chama esse lugar de limite norte do ministério público de Jesus. Segundo alguns, ali havia antes um santuário cananeu de Baal; depois o lugar passou a chamar-se Paneias.Fontes: Caesarea Philippi · o próprio texto bíblico
- Quando os fariseus e os saduceus pediram um sinal do céu, Jesus disse que a uma geração má e adúltera só seria dado o sinal de Jonas. O Easton's Bible Dictionary (1897) descreve Jonas, filho de Amitai, de Gate-Hefer, como profeta de Israel enviado como missionário a Nínive, e o apresenta como tipo do Filho do Homem.Fontes: Jonah · o próprio texto bíblico
- Simão, a quem Jesus chama aqui de Pedro, era pescador de Betsaida e filho de Jonas. O Easton's Bible Dictionary observa que Simão, que significa "ouvir", era um nome judeu muito comum no Novo Testamento. Quando Pedro repreendeu a palavra de que Jesus tinha de ir a Jerusalém, sofrer, ser morto e ressuscitar ao terceiro dia, Jesus respondeu: "Para trás de mim, Satanás!"; o mesmo dicionário define Satanás como "adversário" ou "acusador", nome que também usa para aquele que tentou Jesus no deserto.Fontes: Simon Peter · Satan · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Caesarea Philippi · Hoje: Banias · 33.246, 35.693 · versículo 13
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 21
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org