Nations Bible

Levítico 19

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Seera Adda Addaa

1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Kolbaa Israa'elii duudi'iin, ‹Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan woyyicha waan te'eef, isinille woyyuu te'a'a. 3Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin marti abba'aa fi haadha teessaniif ulfinna kenna'a; guyyaa Sanbataa kiyya eeggadha'a.

4« ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin gara waaqota dharaa hin deebi'ina'a yookiin waan baqisiifamu irraa waaqota dharaa hin hujatina'a.

5« ‹Kennansa tokkumma'aa ana Mootii Waan Maraatiif ciincessiisaaf yennaa dhikeessitanu, akka fudhatama qabaatutti dhikeessa'a. 6Ciincaan sun guyyuma isin dhikeessitane san yookiin guyyaa itti aanu nyaatamuu ti; ka irraa hafee haga guyyaa sadii geye gubamuu ti. 7Guyyaa sadeesso'ootitti yoo nyaatane, battii waan te'eef, ciincaan sun fudhatama hin qabu. 8Nami isa nyaate waan Mootii Waan Maraatiif woyyoome waan batteesseef, itti hin gaafatama; nami sun kolbaa ifii keessaa bawuu ti.

9« ‹Lafa teessan irraa midhaan yennaa galfattanu, midhaan irga ficha'aa jiru hin haammatina'a yookiin woxoo hin qocatina'a. 10Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; midhaan woyni'ii yennaa wolitti qabattanu, ka damee irratti hafe yookiin ka lafatti harca'e hiyyeessaa fi nama ormaa ka odduu teessan le'uuf lakkisa'a malee, deebitanee woxoo hin qocatina'a.

11« ‹Hin hatina'a! Dhara hin dubbatina'a! Wol hin sobina'a!

12« ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; maqaa kiyyaan dharaan kakatanee, maqaa kiyya hin batteessina'a. 13Nama hin sobina'a yookiin hin saamina'a; mindaa nama qaxartanee adoo hin kaffalin hin bulchina'a. 14Ani Mootii Waan Maraa ti; ana Waaqa keeti sodaadhu malee, nama gurra duuda'aa hin abaarina'a yookiin nama ballaa dura gufuu hin keyina'a.

15« ‹Haqa hin dassina'a; nama maraaf muraa dhuga'aa kenna'a malee, hiyyummaa isaa ilaaltanee hiyyeessaaf hin golina'a; dureessalle durummaa isaatiif ulfinna hin kennina'a.

16« ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; kolbaa teessan keessa asii fi achi deemaa hin hamatina'a. Waan lubbuu namaa balleessu tokkolle hin hujina'a.

17« ‹Ati gadhaa keeti keessatti obboleessa keeti hin jibbin; Yakkaa isaatiif gorsa isaaf kenni malee, sababa isaatiif yakkaamessa hin te'in. 18Ani Mootii Waan Maraa ti; ati akka ifi jaalattu nama jaaladhu malee, haluu hin bayin, quuqaalle itti hin qabatin.

19« ‹Seera kiyya eegadha'a. Horii gosa gara garaa wol hin dhaggachiisina'a. Sanyii gosa gara garaa lama fichaa tokko keessatti hin facaasina'a. Woyaa waan gosa lamaa irraa dhowante hin uffatina'a.

20« ‹Nami tokko garbittii nama dhibi'iif kadhatante yoo woliin rafe, isiin ta wodante yookiin ta bilisa baate yoo hin te'in, itti gaafatamuu ti! Te'uu malee dubartiin sun waan bilisa hin bayiniif isaan hin ijjeefamanu. 21Namichi garuu kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu korbeessa hoole'ee tokko seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti. 22Hayyichi ammoo korbeessa hoole'ee kennansa sababa yakka'aatiif dhikaate san cubbuu namichi hujeef, ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa tolchuu ti; cubbuu isaatiifille araarri hin kennama.

23« ‹Isin lafa Kana'aaniititti galtanee muka midhaan isaa nyaatanu yennaa dhaabbatane midhaan muka sanii nyaatiis akka dhooggame beeka'a; woggaa sadiif midhaan muka sanii hin nyaatina'a. 24Woggaa arfeesso'ootitti ammoo midhaan muka sanii marti kennansa galataa ka ana Mootii Waan Maraatiif woyyoome hin te'a. 25Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; Woggaa shaneesso'ootitti ammoo midhaan muka sanii nyaadha'a; akka kanaan midhaan isin galfattanu isiniif hin misa.

26« ‹Foon dhiigi keessa jiru hin nyaatina'a. Moruu yookiin xanoo hujiisa hin baratina'a.

27« ‹Rifeensa mataa keessanii jala hin quxatina'a, areeda keessanille gabaassitanee hin muratina'a.

28« ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama du'eef nafa ifi hin ciccirina'a. Nafa keessanille hin naqqafatina'a.

29« ‹Latti gara sagaagalumma'aa akka hin deebine yookiin hammeennaan akka hin guutane, intala teeti hin batteessin.

30« ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; Sanbata kiyya eeggadha'a; addee woyyittii tiyyaaf ulfinna kenna'a.

31« ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; isin akka hin battoonneef gara worra ekeraa dubbisuu hin dhaqina'a yookiin moruu hin barbaadatina'a.

32« ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; Waaqa keeti sodaadhu! Nama guddaa duraa ka'i; jaarsaaf ulfinna kenni.

33« ‹Nami ormaa lafa teessan keessa isin woliin yennaa le'u, isa hin cunqursina'a. 34Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; nama ormaa ka isin woliin le'u akkuma nama dhalataa biyya keessaniititti ilaala'a; isinille biyya Gibxi'iititti orma teetanee waan turtaneertanuuf, akkuma ifi jaalattanu isa jaaladha'a.

35« ‹Miki'iin, waan ittiin madaaltanuu fi waan ittiin safartanuun nama hin sobina'a. 36Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan ka biyya Gibxi'ii keessaa isin baase! Mikii, madaallii, waan ittiin safartanuu fi waan dhangala'u waan ittiin safartanu ka sirrii te'etti fayyadama'a.

37« ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; seerataa fi seera kiyya mara eeggadha'aatii hordofa'a› jedhi» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Santidade e Vida Comunitária

  • Levítico 19 contém o mandamento de amar o próximo como a si mesmo. Essa exigência é estendida explicitamente aos estrangeiros residentes, lembrando aos israelitas que eles próprios foram forasteiros na terra do Egito.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A lei determinava que os agricultores não ceifassem as extremidades de seus campos nem recolhessem as espigas ou uvas caídas. Esses restos eram reservados especificamente para os pobres e os estrangeiros residentes.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A santidade estava diretamente ligada à ética prática, proibindo atitudes como amaldiçoar o surdo, colocar tropeço diante do cego, perverter a justiça e reter o salário do diarista até a manhã seguinte.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículos 34, 36

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.