Nations Bible

Levítico 18

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Wol Bira Geyiisa Dhooggame

1Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 2«Kolbaa Israa'eliitiin, ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; 3Waan worri biyya Gibxi'ii ta keessa leetane huju hin hujina'a; waan worri lafa kana'aanii ta ani amma itti isin galchu hujanulle hin hujina'a; aadaa isaaniille hin hordofina'a. 4Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; seera kiyyaaf ajajama'a; seerata kiyyalle ifi eegadha'aa hordofa'a. 5Ani Mootii Waan Maraa ti; seerataa fi seera kiyya nami eegate lubbu'uun waan jiraatuuf isaan kana eegadha'a.

6« ‹Ani Mootii Waan Maraa ti; eennulle dubartii fira ifii bira geyiisaaf woliin hin rafin. 7Ati haadha teeti woliin rattee bira geettee abbaa keeti hin salphisin; isiin haadha teeti waan teeteef isii bira hin geyin. 8Niitii abbaa keetii bira geyiisaan abbaa keeti hin salphisin. 9Obboleettii teeti bira geyiisaaf woliin hin rafin; intala abbaan keeti dubartii dhibii irraa uumate yookiin haati teeti nama dhibi'ii deette bira geyiisaaf woliin hin rafin. 10Ati akka hin salphanneef, intala ilma keetii yookiin intala intala teetii bira hin geyin. 11Obboleettii teeti waan teeteef, intala abbaa keetii ta masaanuu haadha teetii bira hin geyin. 12Fira abbaa keetii waan teeteef, adaadaa teeti bira hin geyin. 13Fira haadha teetii waan teeteef, obboleettii haadha teetii bira hin geyin. 14Haadiqqoo teeti waan teeteef, niitii obboleessa abbaa keetii bira hin geyin. 15Niitii ilma keetii waan teeteef, niitii ilma keetii bira hin geyin. 16Wosoo teeti waan teeteef niitii obboleessa keetii bira hin geyin. 17Ati dubartii takka bira yoo geette, fira isi'ii waan te'aneef, intala isi'ii yookiin intala ilma isi'ii yookiin intala intala isi'ii bira hin geyin; tun waan hantu'u. 18Haga niitiin teeti lubbu'uun jirtu obboleettii isi'ii fuutee masaanuu isi'ii hin tolchin; isii biralle hin geyin.

19« ‹Dubartii xuriin dhuttee battootteertu bira hin geyin. 20Niitii nama dhibi'ii bira geettee ifi hin batteessin. 21Ani Mootii Waan Maraa ti; ijoollee teeti keessaa tokkolle waaqa dharaa Moleekiif, ciincaa tolchiisaaf dabarsitee kennitee, maqaa Waaqa keetii hin batteessin. 22Waan battii waan te'eef, akka dubartii bira geettu dhiira bira hin geyin.

23« ‹Waan battii waan te'eef, bineensaa fi horii bira geettee ifi hin batteessin; dubartiille horii bira hin geyin.

24« ‹Isinille waan kana keessaa tokkolle'een ifi hin batteessina'a; kolbaan gosa adda addaa ta ani isin duraa oofee baasu waan kanaan waan battootteertuuf, 25lattille battootte; anille cubbuu isi'iitiif isii adabe; lattille worra isii keessa le'u tutte. 26Isin ammoo seerataa fi seera kiyya eeggadha'a; isin dhalataan biyyaa yookiin nami ormaa ka odduu teessan le'u waan battii tana hin hujina'a. 27Worri isiniin dura lafa san keessa le'u waan battii tana waan hujeef, latti sun battootteerti. 28Latti akkuma gosa biyya adda addaa ta isiniin duraa tutte, yoo isin isii batteessitane, isnille hin tutti. 29Nami waan battii tana huje marti kolbaa ifii keessaa bawuu ti.

30« ‹Ani Mootii Waan Maraa Waaqa keessan; ajaja kiyya eegadha'a; waan battii worri isiniin dura lafa san keessa le'u huje keessaa waan tokkolle hin hujina'a; hujii tanalle'een ifi hin batteessina'a› jedhi» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Santidade e Padrões Morais

  • Levítico 18 introduz seus preceitos morais e familiares instruindo os israelitas a não adotarem os costumes do Egito, onde haviam vivido, nem os de Canaã, a terra na qual estavam prestes a entrar.Fontes: o próprio texto bíblico · Canaan · Egypt
  • O capítulo proíbe expressamente a entrega de filhos a Moloque, a divindade nacional dos amonitas cujos rituais incluíam sacrifícios pelo fogo, declarando que tais atos profanam o nome de Deus.Fontes: o próprio texto bíblico · Molech
  • O texto utiliza uma marcante linguagem figurada, advertindo que práticas corruptas contaminam a própria terra e que esta vomitará qualquer um que viole esses estatutos, assim como expulsou seus antigos habitantes.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Canaan · 32.767, 35.333 · versículo 3
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 3

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.