Nations Bible

Josué 21

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Qachoota Lewwootaaf Kenname

1Sooreyyiin maatii Lewwootaa gara hayyicha Ele'azaarii, gara Iyaasuu ilma Nuniitii fi gara sooreyyii maatii kolbaa Israa'elii duudi'ii dhaqane. 2Kana'aan keessa qachaa Shiilo'ootitti isaaniin, «Qachooti keessa leenuu fi adaala sanitti lafa horii keenna itti tiffannulle akka nu'uuf kennamanu Waaqi karaa Muuse'eetiin ajajeera» jedhane. 3Tanaaf kolbaan Israa'elii akkuma Waaqi ajajetti gosa Lewwi'iitiif qachootaa fi lafa horii itti tiffatanu lafa ifii keessaa kennaneef.

4Hixaan matoomaa maatii Qehaatotaatiif bu'e. Gosa Lewwi'ii keessaa sanyii hayyicha Aaroniitiif qachoota kudhanii sad lafa gosa Yihuda'aa, gosa Shimi'ooniitii fi gosa Beniyaamii keessaa kennameef. 5Fira Qehaatotaa worra hafeef qachoota lafa gosa Efreemii keessaa, gosa Daanii keessaa, gamisa gosa Minaase'ee gara aduun seentuu keessalle'ee qachooti kudhan kennameef.

6Fira Gerishoniitiif lafa biyya Yisaakor, Aheer, Niftaalemii fi gamisa gosa Minaase'ee ta Baashaan keessaatiif qachooti kudha sad kennameef.

7Fira Meraariitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa Ruubenii, Gaadiitiif fi Zebuloonii keessaa qachooti kudhanii lama kennameef.

8Kolbaan Israa'elii akkuma Waaqi karaa Muuse'eetiin isaan ajajetti, hixaa buusanee qachoota kanaa fi lafa isaan horii itti tiffatanu gosa Lewwi'iitiif kennane.

9Lafa gosa Yihuda'aatii fi Shimi'oon keessaa qachoota maqaan isaanii asii gad jiru kennaneef. 10Hixaan matoomaa sanyii Aaronii fira Qehaatotaa, gosa Lewwi'iitiif waan bu'eef isaanii kenname. 11Qachaa biyya koobittii kiriiyat-Arbaa ka «Kebroon» jedhamu, lafa tikaa ta adaala san jirtu woliin kennaneef. 12Teetuu malee fichaan qachoota gugurda'aatii fi qachoota adaala sanii Kaalebii ilma Yofune'eetiif akka lafa isaatitti kennamaneef.

13Sanyii hayyicha Aaroniitiif, qachaa nami nama ijjeese itti baqatu keessa tokko ka te'e Kebroonitti dabalanee, Liibnaa lafa horii itti tiffatanu woliin, 14Yaatiir lafa horii itti tiffatanu woliin, Eshtemo'aa lafa horii itti tiffatanu woliin, 15Holoon lafa horii itti tiffatanu woliin, Deebirin lafa horii itti tiffatanu woliin, 16Ay'eeniin lafa horii itti tiffatanu woliin, Yutaahaa fi Bet-Shemeshin lafa horii itti tiffatanu woliin: gosa Yihuda'aatii fi Simoonii keessaa qachoota gugurdaa sagal kennane. 17Lafa Beniyaamii keessaa qachoota gugurdaa afur: Giibe'on lafa horii itti tiffatanu woliin, Gebaasin lafa horii itti tiffatanu woliin, 18Anaatoti lafa horii itti tiffatanu woliin, Almoonin lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. 19Wolumatti qachooti gugurdaan kudhanii sad lafa horii itti tiffatanu woliin hayyicha Aaroniif kennamane.

20Maatii gosa Lewwootaa fira Qehaatotaa worra hafeef, qachooti gugurdaan gariin lafa Efreemii keessaa kennameef. 21Qachooti gugurdaan afur: qachaa nami nama ijjeese itti baqatu Sheekemii fi lafa horii itti tiffatanu biyya koobittii Efreemii keessaa, Gezer lafa horii itti tiffatanu woliin, 22Kibzaayimii fi Bet-Horoonin lafa horii itti woliin kennane. 23Lafa Daanii keessaa qachoota gugurdaa afur: Elteqee lafa horii itti tiffatanu woliin, Giibetoon lafa horii itti tiffatanu woliin, 24Ayalon lafa horii itti tiffatanu woliin, Gaat-Rimoon lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. 25Lafa Minaase'ee ta gara aduun seentuu keessaa qachoota gugurdaa lama: Ta'anaa fi Gaat-Rimoon lafa horii itti tiffatanu woliin kennane. 26Maatiin fira Qehaatotaa worri hafe kun, wolumatti qachoota gugurdaa kudhan lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.

27Goliin gosa Lewwootaa firri Gershoonii dhibiin, lafa Minaase'ee ta gara aduun baatuu keessaa qachoota gugurdaa lama: Golaanii Baashaan keessaa qachaa itti baqatanu keessaa tokko ka te'ee fi Ashitaaroti lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 28Lafa Yisaakorii keessaa qachoota gugurdaa afur: Qeshoon lafa horii itti tiffatanu woliin, Daaberaatin lafa horii itti tiffatanu woliin, 29Yarmuut lafa horii itti tiffatanu woliin, En-Gaaniim lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 30Lafa Asheerii keessaa qachoota gugurdaa afur: Mishaalin lafa horii itti tiffatanu woliin, Abdoon lafa horii itti tiffatanu woliin, 31Helqaatii lafa horii itti tiffatanu woliin, Rehoob lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 32Lafa Niftaalemii keessaa qachoota gugurdaa sad: Qedeeshii Galiilaa keessaa qachaa itti baqatanu keessaa tokko ka te'e lafa horii itti tiffatanu woliin, Hamoot-Door lafa horii itti tiffatanu woliin, Qaartaan lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 33Maatiin fira Gershoonii akka maatii maatii isaaniititti wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii sad lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane.

34Firri Meraarii gosi Lewwootaa worri hafe, lafa Zebuloonii keessaa qachoota gugurdaa afur: Yaakon'an lafa horii itti tiffatanu woliin, Qaartaa lafa horii itti tiffatanu woliin, 35Diimnaa lafa horii itti tiffatanu woliin, Naahaalal lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 36Lafa Ruubenii keessaa qachoota gugurdaa afur: Bezer lafa horii itti tiffatanu woliin, Yaahazaa lafa horii itti tiffatanu woliin, 37Qedemoot lafa horii itti tiffatanu woliin, Mefaat lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 38Lafa gosa Gaadii keessaa qachoota gugurdaa afur: Raamootii Galii'aad keessaa, qachaa nami nama ijjeese itti baqatu, lafa horii itti tiffatanu woliin, Mahanaayim lafa horii itti tiffatanu woliin, 39Heshiboon lafa horii itti tiffatanu woliin, Yaazer lafa horii itti tiffatanu woliin fudhatane. 40Maarre firri Meraarii gosa Lewwoota worra hafeef, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii lama kennane.

41Lafa kolbaan Israa'el qabatte keessaa lafa horii itti tiffatanu woliin wolumatti qachoota gugurdaa afurtamii saddeeti, Lewwootaaf kennane. 42Qachooti kun tokko tokkoon isaaniituu adaala ifiititti lafa horii itti tiffatanu qaban.

Israa'elooti Lafa Fudhatane

43Maarre Waaqi lafa abbootii isaaniitiif kenniisaaf waadaa gale duudii Israa'elootaaf kenne. Isaan lafa san fudhataneen duuba achii le'ane. 44Waaqi akkuma abbootii isaaniitiif waadaa galetti lafa isaanii duudii keessatti nageya isaanii kenne. Diinota isaanii duudii irratti Waaqi injifachaa waan kenneef, diinota isaanii mara keessaa tokkolle isaan dura dhaabbatuu hin dandeenne. 45Waaqi waadaa kolbaa Israa'eliitiif gale tokkolle adoo hin hafin muummesse.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

As Cidades dos Levitas

  • Ao contrário das outras tribos de Israel, a tribo de Levi não recebeu um território regional contínuo. Em vez disso, foram-lhes atribuídas quarenta e oito cidades individuais com suas áreas de pastagem ao redor, distribuídas entre as terras de todas as outras tribos.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A partilha dessas cidades ocorreu em Siló, em Canaã, onde os chefes das famílias levíticas apresentaram seu pedido ao sacerdote Eleazar, a Josué e aos líderes tribais, conforme as ordens dadas anteriormente por meio de Moisés.Fontes: o próprio texto bíblico · Shiloh · Canaan
  • Várias cidades levíticas importantes também serviram como cidades de refúgio para pessoas que buscavam proteção após homicídios involuntários, incluindo Hebrom em Judá, Siquém em Efraim e Golã em Basã.Fontes: o próprio texto bíblico · Hebron · Bashan

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Canaan · 32.767, 35.333 · versículo 2
  • Shiloh · Hoje: Khirbet Seilun · 32.056, 35.290 · versículo 2
  • Bashan · 32.781, 35.935 · versículos 6, 27
  • Hebron · Hoje: Tel Rumeida · 31.525, 35.102 · versículos 11, 13
  • Jattir · Hoje: Khirbet Attir · 31.352, 35.016 · versículo 14
  • Gibeon · Hoje: El Jib · 31.847, 35.183 · versículo 17
  • Gezer · Hoje: Tel Gezer · 31.859, 34.919 · versículo 21
  • Shechem · Hoje: Tell Balatah · 32.214, 35.282 · versículo 21
  • Beth-horon · Hoje: Beit Ur al Tahta · 31.895, 35.084 · versículo 22
  • Taanach · Hoje: Tell Ta’anakh · 32.522, 35.219 · versículo 25
  • Galilee · 32.760, 35.527 · versículo 32
  • Jokneam · Hoje: Tel Yokneam · 32.664, 35.108 · versículo 34
  • Gilead · Hoje: Gilead 1 · 32.187, 35.692 · versículo 38
  • Ramoth · Hoje: Tall er Rumeith · 32.500, 36.015 · versículo 38

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.