Nations Bible

Jó 41

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

1«Ati bineensa naacha fakkaatu,

ka ‹Lewaataan› jedhamu malxaqqo'oon qabuu,

yookiin arraba isaa

wodaro'oon hidhuu hin dandeettaa ree?

2Wodaroo funnaan isaa keessa baasuu,

yookiin a'oo isaa malxaqqo'oon woraanuu

hin dandeettaa ree?

3Inni akka ati isaaf marartu si hin kadhatta ree?

Dubbii laattuulle'een sitti hin dubbataa ree?

4Haga bara baraa akka ati garba isa godhattuuf,

wolii galtee si woliin hin godhataa ree?

5Akka sinbirree mana barattee

isa woliin taphatuu hin dandeettaa ree?

Yookiin tapha ijoollee durraa teetiitiif

isa hin hiitaa ree?

6Daldaltooti qurxummi'ii gatii isaa irratti

wol hin falmanii ree?

Kukkutaneelle hin qoodatanii ree?

7Gogaa isaa ebo'oon,

mataa isaalle marcaa qurxummi'iitiin

uriisa hin dandeettaa ree?

8Harka keetiin yoo isa tuxxe,

lola san hin qaabatta;

ijjumaalle itti hin deebitu.

9Bineensa san lolanee injifatiisaaf wodhaaniis

toluma elowiisa;

nami isa dhaggu sheephisee jiga.

10Isa kakkaasiisaaf ka itti guulu eega hin jirre teete,

eentu na dura dhaabbatiisa dande'a ree?

11Wonni ol-gubba'aan jala jirtu marti tiyya;

akka ani isaaf deebisee kaffalu

waan tokkolle ka anaa kenneeru hin jiru.

12«Ani marroo harkaa fi miila,

yookiin jabeenna,

yookiin miidhaginna

dhaaba nafa bineensa naacha fakkaatu,

ka ‹Lewaataan› jedhamuu

dubbadhu malee hin cadhisu.

13Gogaa nafa isaa ka dachaa te'e,

eentu isa irraa quncisuu dande'a?

Eentu bixaalaan isatti dhikaatuu dande'a?

14Balbala afaan isaa ka ilkaan sodaachisu itti naannowe,

eentu banuu dande'a?

15Inni dudda jabaa

akka wontee tarree galtee wolitti maxxanfantee qaba.

16Tokko tokkoon wontee sanii

wol wolitti guddoo waan dhikaataneeranuuf

qilleensi wodhakkaa isaanii dabaruu hin dande'u.

17Isaan wol wolitti waan maxxananeeranuuf,

wol irraa gargar bayuu hin dande'anu.

18Yennaa inni haxxifatu ifi hin balaqqisa;

ilti isaa akka boruu dayya'uu ti.

19Afaan isaa keessaa bobe'a ibiddaatitti baya;

qaanqeen ibiddaalle afaan isaa keessaa xoxxi.

20Akkuma aarri okkotee ibidda o'aa irra jirtu keessaa aaru,

aarri funnaan isaa keessaa baya.

21Hafuurri isaa cilee qassiisa;

bobeenni ibiddaalle afaan isaa keessaa baya.

22Jabeenni lumma isaa keessa jira;

ka isaan wolde'u marti hin bararaqa.

23Dachaan foon isaa wolitti maxxaneera;

dachaan foon isaa jaba'a; hin tacho'ulle'e.

24Gadhaan isaa akka dhaka'aa jaba'a;

akka daaku'uulle jaba'a.

25Yennaa inni ka'u

worri hunnaameyyiin hin bararaqa;

yennaa inni tacho'ulle gara duubaa deebi'an.

26Shallaagaan, eboon, guube'ee fi

mey woraanaa dhibiille

isa hin miidhanu.

27Inni sibiila akka huuraa,

sageettuu akka muka hurroyee bulleessa.

28Daayi isa hin ari'u;

dhakaan looyya'aa isaaf akka hicaace'ee ti.

29Ciiraan isaaf akka hicaace'ee ti;

yennaa nami marcaa isatti darbatu hin kolla.

30Gogaan gadhaa isaa jalaa

akka bassoo qara qadduu,

yennaa inni mirmiqu

dhoqqee irratti beessisa godha.

31Inni qilee abbaaya'aa, akka keloo danfituu,

abbaayaalle akka keloo zayiti'ii hin burqisiisa.

32Inni karaa irra dabare akka ifu hin godha;

abbaayaalle hin hoomachessa.

33Biyya lafaa irra

dadi woy hin sodaanne

ta akka isaa hin jirtu.

34Inni bineensota gugurdaa maraayyuu hin tuffata;

inni bineensota gugurdaa mara irratti mooti'i» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Leviatã e os Limites do Poder Humano

  • A passagem lista instrumentos antigos de pesca e caça, como anzóis, cordas, arpões e lanças de pesca. O texto usa esses métodos convencionais para ilustrar que os seres humanos não conseguem capturar, domesticar ou comercializar o Leviatã como fariam com outros animais.Fontes: o próprio texto bíblico
  • A descrição detalha uma ampla variedade de armas antigas, incluindo espadas, lanças, dardos, flechas, pedras de funda e clavas. O relato retrata o Leviatã como invulnerável a elas, tratando o ferro como palha e o bronze como madeira podre.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O Leviatã é caracterizado como destemido, fazendo o mar profundo ferver como uma panela e reinando como rei sobre todas as criaturas orgulhosas. A retórica confronta Jó com a ideia de que, se nenhum humano pode resistir a tal criatura, ninguém pode contender com o Criador.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.