Nations Bible

Jó 40

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

1Ammalle Mootiin Waan Maraa Iyoobiin,

2«Nami ana Waaqa waan mara dande'u morkee

hin sirreessaa ree?

Ka Waaqa moromu deebii kennuu ti» jedhe.

Iyoob

3Achiin duuba Iyoob deebisee Mootii Waan Maraatiin,

4«Kunoo ani nami woy hin baane;

afaan kiyya qabatiisa malee,

maan si'iif deebisa ree?

5Ani takkaa dubbadheera,

waan deebisu hin qabu;

lammeessoolle dubbadheera,

haganaa achi itti hin dabalu» jedhe.

6Achiin duuba Mootiin Waan Maraa hobonbolattii keessaa Iyoobitti dubbatee,

7«Akka dhiiraa hidha keeti hidhadhu;

ani si gaafadha;

atille naaf deebis.

8«Ati anaayyuu dokonkora keessa galchitaa?

Ati balchaa ifi godhiisaaf yakkaa natti murtaa?

9Ati hunna akka hunna tiyyaa qaddaa?

Qoonqoon teetille akka qoonqoo tiyyaa hin mandiitii?

10Arnyaa fi guddinnaan ifi kuuladhu;

ulfinnaa fi fudhatama dhaggatiisa uffadhu.

11Worra kooru ilaaliitii qaanessi;

aarii teetille isaan irratti dhangalaas.

12Worra kooru duudii gad qabi;

worra hamoota lafa isaan dhaabbatanetti butuchi.

13Fuula isaan mariitii

biyya lafaa ta jalaatitti

mara isaaniituu wolumatti awwaali.

14Achiin duuba akka ati hunnuma teetiin injifattu,

anille dhugaa si'iif hin baya.

15«Roophii ta ani akkuma si dade, isiille dade ilaali;

isiin akkuma qotiyyo'oo marra dheeddi.

16Jabeenni isi'ii hidha isi'ii keessa,

hunni isi'ii morgeya gadhaa isi'ii keessa jirti.

17Eegeen isi'ii akka hindheensaa sooti'i;

morgey miila isi'iille jaba'a.

18Lafeen isi'ii akka uujjummee sageettu'uu ti;

harkii fi miilli isi'ii akka ulee sibiilaa ti.

19Isiin dada ani dade duudii keessaa ta qaraa ti;

ana malee ka isii injifatu hin jiru.

20Gaaroti bineensoti duudiin irra burraaqanu,

marra isiin dheeddu baasaniif.

21Isiin haxanxarii qore'ee jala ciittee,

caffaa keessa

odduu alladdu'uutitti dhokatti.

22Haxanxariin qore'ee gaaddisa ifiitiin isii golliti;

muki olaati'iille isii hin marsa.

23Yennaa lagi guutee danbala'u hin sodaattu;

lagi Yordaanosii guutulle hin rifattu.

24Eennulle adoo ilti roophi'ii dhaggituu isii qabuu,

yookiin malxaqqo'oon funnaan isi'ii uruu dande'a ree?

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O Desafio de Deus e o Poder do Beemote

  • Ao ser questionado por Deus, Jó responde colocando a mão sobre a boca, reconhecendo sua insignificância e decidindo não argumentar mais. Deus então lhe fala do meio de um redemoinho, desafiando-o a provar se possui força divina e capacidade para humilhar os soberbos.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Deus direciona a atenção de Jó para o Beemote, descrevendo-o como um enorme herbívoro com ossos como tubos de bronze e membros semelhantes a barras de ferro. A criatura é retratada repousando pacificamente sob os lotos e juncos do pântano, inabalável diante de águas turbulentas e indomável para os seres humanos.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O texto observa que o Beemote permanece destemido mesmo quando o rio Jordão se precipita contra a sua boca. O Jordão é um rio caracterizado por correntes rápidas e cursos sinuosos através de planícies pantanosas e canais profundos.Fontes: o próprio texto bíblico · Jordan

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículo 23

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.