Nations Bible

Jó 21

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Iyoob

1Iyoob deebisee,

2«Waan ani dubbadhu miidhassa'aa caqasa'a;

kun akka na jajjabeesitanetti isiniif laakkowamuu ti.

3Ani hin dubbadhaa naaf ossadha'a;

achiin duuba akka feetane murguu dandeettan.

4«Ani nama komadhaa ree?

Maaf ossa hin dhanne ree?

5Ana ilaala'aatii maadeffadha'a;

afaan keessanille qabadha'a.

6Ani waan kana yennaa yaadadhu hin bararaqa;

nafi kiyyalle hin hollata.

7Worri hamaan maaf le'a?

Maaf ganna dheeraa le'ee dullooma?

maaf hunnaan ittuma jabaataa deema?

8Ijoolle'ee fi akaakoti isaanii adoo isaan jiraranuu

fuula isaanii duratti guddatanee itti tolteen dhaggan

9Isaan mana ifii keessa sodaa malee nageyaan le'an;

Waaqi isaan hin adabu.

10Horiin isaanii rakkoo tokko malee hora;

loon isaaniille rimeya gadha'aa hin gatanu.

11Ijoollee ifii akka tika hoole'ee bobbaasan;

daa'immaan isaaniille hin burraaxxi.

12Isaan dibbe'ee fi maseenqo'oon

qoonqoo suusulle'eetiin

gammadanee hin sirban.

13Isaan qananumma'aan bara ifii fixatan;

farra malee du'an.

14«Isaan Waaqaan,

‹Nuuti karaa keeti beekuu hin feenu;

nu irraa fagaadhu.

15Nuuti akka isa waaqonfannuuf

ka waan mara dande'u eennu inni?

Isa yoo daadimanne

bu'aa maan dhagganna?› jedhan.

16Qananummaan isaanii

harkuma isaanii keessa jirtii motii ree?

Maarre ani yaada worra hama'aa hin fudhadhu.

17«Issaan worra hama'aa

yennaa mara attam attam bada?

Farri yennaa maraa attam attam isaanitti dhutti?

Isaan yennaa mara adabbii mufii ifiitiin

attam attam farrane?

18Isaan akka huura qilleensa dura jiruutii motii ree?

Akka cidii bubbe'een fudhatantuutii motii ree?

19Isin ‹Waaqi yakkaa abbooti'iitiif

ijoollee hin adaba› jettan;

te'uu malee yakkaameyyiin

yakkaa ifii akka beekanuuf,

isaanunti adabamanuu ti.

20Cubbaaleyyiin yakkaa ifiitiif adabamanuu ti;

Waaqi waan mara dande'u

mufii ifii isaanitti buusuu ti.

21Nami du'een duuba

marroo ijoollee ifiitiif

maanti isa dhiba?

22«Waaqa worra gugurda'attuu muru

nami beekkumsa isa barsiisuu dande'aa ree?

23Nami gariin adoo hunna qabuu

le'iin itti toltee nageyaan adoo jiruu,

24nafi isaa adoo gabbinna qabuu,

lafee isaa keessa dhuki guuttee adoo jirtuu du'a.

25Nami dhibiin ammoo jiruun itti hadhoottee,

waan dansaa adoo hin dhaggin du'a.

26Isaan lamaanuu du'anee awwaalamanee

corroxxille itti duuddi.

27«Kunoo, ani yaada keessan,

mala isin na miidhiisaaf maltanelle

miidhassee beeka.

28Isin, ‹Manni nama guddaa sanii meet ree?

Dunkaaniin worra hama'aa keessa meet ree?› jettan.

29Isin worra karaa yaa'u hin gaafannee ree?

Waan isaan jedhanelle hin fudhannee ree?

30Nama hamaa balaan yennaa dhufu

miidhaan isa hin dhaqqabu;

guyyaa mufii Waaqaalle jalaa hin baya.

31Nama hamaa amala isaa ka isa duratti komatu,

hujii hantuu isaatiifille ka isa adabu eennu ree?

32Yennaa inni du'e gara awwaalaa hin geessan.

Irreensi isaalle hin eegama.

33Biyyeen dhooqa keessaa

isatti hin tolti.

Namooti bacaan isa duubaan deeman;

kolbaan bindillaalle isa dura deenti.

34«Deebiin isin naaf kennitanu soba;

attamiin dubbii woy hin baaneen

na jajjabeessiisaaf wodhaantan ree?» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A prosperidade dos ímpios

  • Jó contesta a crença de seus amigos de que os ímpios sempre sofrem nesta vida. Ele destaca que muitas pessoas perversas envelhecem, aumentam em poder, veem seus filhos prosperarem ao som de liras e flautas, e descem à sepultura em paz.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Confrontando a ideia de que Deus reserva a punição de alguém para os seus descendentes, Jó argumenta que a verdadeira justiça exige que o próprio transgressor receba a retribuição e experimente a ira do Todo-Poderoso durante a sua vida.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Jó incentiva seus companheiros a perguntarem aos viajantes sobre o que se vê pelo mundo. Ele observa que, quer uma pessoa viva em vigorosa riqueza ou morra em amarga pobreza, ambas compartilham o mesmo fim terreno ao deitarem-se juntas no pó.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.