Nations Bible

Jó 20

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Zofaarii Naa'imaaticha

1Achiin duuba Zofaariin Naa'imaatichi deebisee,

2«Iyoob, ani deebii akka kennuuf

yaadi kiyya na dirqansiisa;

tanaaf dubbatiisaaf ariifadha.

3Arraffama ittiin salphadhe dhage'adheera;

hubatiis kiyya

akka ani deebii kennu na godheera.

4«Bara durii durii

yennaa nami biyya lafaa irratti dadameen jalqabee,

dubbii akkasii tana beettaa ree?

5Qaca'iis worra hama'aa,

haguma diqqa'a.

Gammadi worra Waaqa malee le'uulle

haga lipheettii ilaa ti.

6Isaan haga ol-gubba'aa ifi ol ol qabanulle,

mataan isaanii duumensa tuqulle,

7isaan akkuma faalowa ifii hin badan;

worri dur isaan dhaggeeru,

‹Isaan meet ree?› hin jedhan.

8Isaan akka oojju'uu waan badanuuf

hin dhaggamanu;

akka mudhii halkaniille hin badan.

9Ilti tanaan dura isaan dhaggite,

deebitee isaan hin dhaggitu;

isaan addee le'anu irralle'ee hin badan.

10Ijoolleen isaanii

waan abbootiin isaanii hiyyeeyyii irraa saante

sossobataa hin deebitti.

11Nafi isaanii ka hunna dargaggumma'aatiin guutame

isaan woliin biyyee hin te'a.

12«Hammeenni afaan isaanii keessatti mi'owee,

arraba ifiitiin jalatti dhossanee,

13afaan ifii keessaa baasuu jibbanee,

afaan ifii keessatti qabatanulle,

14sagaleen isaanii gadhaa isaanii keessatti

gara hadha'aatitti hin jijjiiranti;

akka hadhaa dhudhuufa'aalle hin teeti.

15Isaan karra nyaatane hin tufan;

Waaqi waan isaan nyaatane

akka diddiganu hin godha.

16Wonni isaan nyaatanu

hadhaa dhudhuufa'aa itti hin teeti;

hadhaa buuti'iille itti teetee isaan hin ijjeetti.

17Isaan bisaanii fi laga

ka dammaa fi itittuu woliin yaa'u hin dhagganu.

18Waan ifii itti elowane

adoo hin nyaatin deebisanee hin kennan;

bu'aa daldalanee dhaggatanelle'etti hin gammadanu.

19Isaan hiyyeeyyii cunqursanee duwwaa hamburanee,

mana ifii hin ijaarinille waan fudhataneef tun teete.

20«Joljolummaan isaanii foora isaan dhooggiteerti;

qabeenni isaanii isaan baasuu hin dande'u.

21Isaan waan qabanu nyaatanee hin fixan;

tanaaf qabeenni isaanii dafee hin dhumata.

22Qabeenna hedduu qabaatanulle,

deegi isaanitti hin bu'a;

rakkoon jadduulle isaan hin dhaqqaddi.

23Isaan nyaatanee yennaa quufanu,

Waaqi aarii ifii isaan irratti bobeessee,

balaa ifii akka bokkeyaa

isaan irratti hin roobisiisa.

24Shallaagaa sibiilaa jalaa yoo miliqe

daaya sageettu'uutiin hin woraanama.

25Daayi sun woraanee duddaan isa fulla'a;

qacceen calalaxxuun arfii sanii

tiruu isaanii keessa baati;

naasuulle'een hin qabaman.

26Qabeenni isaanii duudiin

dukkana dimmaa keessatti bada;

ibiddi hin dhaanne isaan hin guba;

waan dunkaana isaanii keessa hafelle

muxuq godha.

27Ol-gubbaan yakkaa isaanii hin mudhitti;

lattille diinumma'aan isaan irratti hin kaati.

28Guyyaa mufii Waaqaa

qabeenni mana isaanii lola'aan hin fudhatama.

29Qoodi Waaqi worra hama'aaf kennu,

gatiin isaaniille tana» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Zofar e o Destino dos Ímpios

  • Zofar é identificado como naamatita, indicando uma localidade desconhecida chamada Naamá. Na antiga tradução grega da Septuaginta, ele é descrito como rei dos mineus ou maonitas do sul da Arábia.Fontes: Zophar · o próprio texto bíblico
  • Em seu discurso, Zofar emprega metáforas de digestão e veneno, afirmando que a riqueza obtida de forma injusta se transforma em veneno de víboras e cobras no estômago do ímpio.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Zofar também incorpora imagens militares da antiguidade, descrevendo o transgressor que foge de uma arma de ferro apenas para ser trespassado por uma flecha com ponta de bronze.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.