Nations Bible

João 17

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Yesuus Barattoota Ifiitiif Daadimate

1Dubbii tana dubbateen duuba, Yesuus gara ol-gubba'aa ol ilaalee, «Abba'a, yennaan geetteerti. Ilmi keeti ulfinna akka sii kennuuf, Ilma keeti ulfeessi. 2Sababille worra ati isaaf kennite maraaf, jiruu bara baraa akka kennuuf, ati kolbaa mara irratti baallii isaaf kenniteerta. 3Jiruu bara baraa jechuun si Waaqa tokkocha dhugaamessaa fi Yesuus Kiristoosii ati ergite beekiisa. 4Hujii ati akka ani hujuuf natti kennite muummessiisaan lafa irratti ani si ulfeesseera. 5Abba'a! Ulfinnuma adoo biyyi lafaa hin dadamin dura ani si biratti qabu san, amma ifi biratti naaf kenni.

6«Biyya lafaa keessaa worra ati naaf kenniteef maqaa keeti beessiseera. Isaan keetiiyyu, ati ammoo naaf kennite. Isaan jecha keeti eegataneeran; 7amma isaan wonni ati naaf kennite maraa si biraa akka dhutte beekaneeran. 8Jecha ati naaf kennite ani isaaniif kenneera; isaanille fudhataneeran; akka ani si biraa dhufe dhugumaan beekaneeran; akka ati na ergitelle dhugeeffataneeran.

9«Ani isaaniif daadimadha; worri ati naaf kennite keeti waan te'aneef, isaaniif daadimadha malee, biyya lafaatiif hin daadimadhu. 10Ka ani qabu maraa keeti, ka atille qaddu maraa kiyya; ulfinni kiyya isaaniin mudhata. 11Ani amma gara keeti dhufaara; haganaa achi biyya lafaa keessa hin jiraadhu; isaan ammoo biyya lafaa keessa jiran. Abbaa woyyu'u! Akkuma nuuti tokko teene, worri ati naaf kennitelle tokko akka te'anuuf, maqaa keeti ka anaaf kenniteen, isaan eegi. 12Yennaa isaan woliin jiru, maqaa keeti ka ati naaf kenniteen ani isaan eegeera; ani isaan tisseera; Barreeffam Woyyichi akka muummowuuf, isaan keessaa ilma badi'ii malee, tokkolle ka bade hin jiru. 13Ani amma gara keeti dhufaara; isaan gammada kiyya guutuu akka qabaatanuuf, dubbii tana biyya lafaa keessatti dubbadha. 14Ani dubbii teeti isaanii kenneera; akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaa waan hin te'iniif, biyyi lafaalle isaan jibbite. 15Ani akka ati hamaalessa irraa isaan eedduuf si gaafadha malee, akka ati biyya lafaa keessaa isaan baattuuf si hin gaafadhu. 16Akkuma ani ka biyya lafaa hin te'in, isaanille ka biyya lafaatii moti. 17Jechi keeti dhuga'a; dhuga'aan isaan woyyoonsi. 18Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergite, anille gara biyya lafaa isaan ergeera. 19Isaan dhuga'aan ka woyyoomane akka te'anu, ani isaaniif jedhee ifi woyyoonsa.

20«Worra dubbii isaanii dhage'ee natti dhugeeffatuufille gaafadha malee, isaan calla'aaf hin gaafadhu. 21Ani akka isaan maraa tokko te'anu daadimadha. Abba'a! Akkuma ati anaan jirtu anille akkuma si'iin jiru, isaanille nu'uun akka jiraatanu, akka ati na ergitelle biyyi lafaa akka dhugeeffattuuf daadimadha. 22Akkuma atii fi ani tokko teene, isaanille tokko akka te'anuuf, ulfinnuma ati naaf kennite, anille isaaniif kenne. 23Ani isaaniin, atille anaan akkuma jirtu, isaanille ijjumaa tokko akka te'anu, biyyi lafaalle akka ati na ergitee fi akkuma na jaalatte, isaanille akka jaalatte akka beettuuf daadimadha.

24«Abba'a! Ati isaan naaf kenniteerta; addee ani jiru na woliin akka isaan jiraatanu, biyyi lafaa adoo hin dadamin dura waan na jaalatteef, ulfinna ati naaf kennite, akka isaan dhagganuuf barbaada. 25Abbaa balcha'a! Biyyi lafaa si hin beenne; ani ammoo si beeka; isaan kunille akka ati na ergite beekaneeran. 26Ani akka isaan si beekanu godheera; jaalalli ati na jaalatte isaan keessa akka jiraatuuf, anille isaan keessa akka jiraadhu, ammalle ittuma akka beekanu hin godha» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

João 17: a hora chegou

  • A oração começa quando Jesus, depois de ter dito essas coisas, ergue os olhos ao céu e diz que a hora chegou. Ela está associada ao Discurso do Cenáculo, indicado como um dia, e à Semana Santa, indicada como oito dias.Fontes: o próprio texto bíblico · Upper Room Discourse · Holy Week
  • Aqui a vida eterna é conhecer o único Deus verdadeiro e Jesus Cristo, a quem o Pai enviou. Jesus também fala da glória que tinha com o Pai antes de o mundo existir e do amor do Pai por ele antes da fundação do mundo.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Ele ora por aqueles que o Pai lhe deu do mundo, os que guardaram a palavra, e também por quem crerá por meio da mensagem deles, pedindo que sejam um. Não pede que sejam tirados do mundo, mas que sejam guardados do maligno e santificados pela verdade, que ele identifica como a palavra do Pai.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.