Nations Bible

João 16

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

1Yesuus, «Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime. 2Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti. 3Isaan waan Abbaa yookiin na hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan. 4Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabattanuuf tana isinitti hime.

«Ani isin woliin waan jiruuf, jalqaba irratti dubbii tana isinitti hin hinne» jedhe.

Hujii Ayyaana Woyyichaa

5Yesuus, «Ani ammoo amma gara ka ana ergee deemaara; isin keessaa nami tokkolle, ‹Eessa dhaqaarta?› jedhee na hin gaafatu. 6Ani waan tana isinitti himeef ammoo, gadhaan keessan gaddaan guutameera. 7Ani ammoo dhugaa isinitti hima: ani yoo deeme isinii woyya; sababille ani yoo hin deemin, Jajjabeessaan gara keessan hin dhufu. Ani yoo deeme ammoo, isa gara keessan hin erga. 8Inni yennaa dhufe, marroo cubbu'uu, marroo balchumma'aatii fi marroo mura'aa kolbaa biyya lafaatitti hin mudhisa. 9Isaan waan natti hin dhugeeffatiniif, marroo cubbu'uu inni isaanitti hin mudhisa; 10Ani gara Abba'aa waan deemuuf, isinille deebitanee waan na hin dhaggineef, inni marroo balchumma'aa hin mudhisa. 11Bulchaa lafa tanaatitti waan duruu muranteertuuf, inni marroo mura'aa mudhisa.

12«Ani waan hedduu isinitti himu qaba, amma ammoo qalbeeffatiisa hin dandeettanu. 13Ayyaanni dhuga'aa yennaa dhufe, inni gara dhuga'aa mara isin hin geessa. Inni ifirraa fuudhee hin dubbatu, ammoo waan dhage'ee fi waan dhufu'uu jiru dubbata. 14Inni waanuma ani jedhu fuudhee waan isinitti himuuf, ulfinna naaf hin kenna. 15Wonni Abbaan qabu martinuu tiyya; tanaaf ani, ‹Ayyaanni Woyyichi waanuma ani jedhe fuudhee isinitti hima› jedhee isinitti dubbadhe.

Gaddaa Fi Gammada

16«Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan» jedhe. 17Barattoota isaa keessaa gariin, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan; akkasuma inni ani gara Abba'aalle waan deemuuf› nu'uun jechuun isaa kun maan?» jedhanee wol gagaafatane. 18Ittuma deebi'anee, « ‹Yennaa diqqoo› jechuun kun maan? Marroo maanii akka inni dubbatiisatti jiru nuuti hin beennu» jedhane.

19Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan› waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii? 20Ani dhugaa isinitti hima: isin waacittanee boottan, biyyi lafaa ammoo hin gammaddi; isin hin gadditan, gaddi keessan ammoo gara gammadaa hin jijjiirama. 21Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniinsu'uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa'imi dhalate ammoo, daa'imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti. 22Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi'ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu.

23«Guyyaa san, isin womaa na hin gaafattanu. Ani dhugaa isinitti hima: Waan isin maqaa kiyyaan Abbaa gaafattanu mara Abbaan isiniif hin kenna. 24Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin gaafanne; gammadi keessan guutuu akka te'uuf, gaafadha'a hin fudhattan» isaaniin jedhe.

Injifatamuu Biyya Lafaa

25Yesuus, «Kana mara isinitti himiisaaf fakkeennaan dubbadheera. Yennaan ani fakkeennaan hin dubbanne hin dhutti; marroo Abba'aa ammoo ifa tolchee isinitti hima. 26Guyyaa san, isin maqaa kiyyaan hin gaafattan; ani Abbaa isiniif gaafadha isiniin hin jedhu. 27Isin waan ana jaalattaneef, akka ani Waaqa biraa dhufelle waan dhugeeffattaneef, Abbaanuu isin hin jaalata. 28Ani Abbaa biraa bayee gara biyya lafaa dhufe; amma biyya lafaa lakkisee deebi'ee gara Abba'aa deemaara» jedhe.

29Achiin duuba barattooti isaa, «Ati amma fakkeenna malee, ifa tolchitee dubbatiisatti jirta. 30Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna» jedhaneen. 31Yesuus deebisee, «Isin amma dhugeeffattaneertanii? 32Yennaan isin qofi na lakkittanee namuu gara mana ifii bittinnowu dhufiisatti jirti; ammaayyuu dhutteerti; ani qofii tiyya hin hafa. Abbaan na woliin waan jiruuf, ani ammoo qofi hin jiru. 33Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A partida, o Advogado e a alegria após a tristeza

  • As anotações dos eventos situam este capítulo no Discurso do Cenáculo, um episódio de um dia dentro da Semana Santa, que essas anotações indicam como um período de oito dias.Fontes: Upper Room Discourse · Holy Week
  • Jesus diz aos discípulos que eles serão expulsos das sinagogas. Acrescenta que virá um tempo em que quem os matar pensará que está oferecendo um serviço a Deus, porque não conheceram o Pai nem a ele.Fontes: o próprio texto bíblico
  • Ele diz que é para o bem deles que está indo embora, pois, se não partir, o Advogado não virá. Quando o Espírito da verdade vier, os guiará a toda a verdade, não falando por si mesmo, mas dizendo o que ouve e anunciando o que está por vir.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.