Nations Bible

Jeremias 36

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Baaruk Kitaaba Maramaa Galma Waaqaa keessatti Dubbise

1Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa arfeesso'ootitti jechi kun Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, 2«Kitaaba maramaa fuudhiitii dubbii ani marroo Israa'elii, marroo Yihuda'aatii fi marroo gosa biyya adda addaa mara, bara mootummaa Yosiyaasiitii jalqabee haga ammaa si'itti dubbadhe mara irratti barreessi. 3Kolbaan Yihuda'aa balaa ani isaan irratti fidiisaaf hede yennaa dhage'ane, karaa ifii hamaa san irraa hin deebi'an fa te'a; achiin duuba anille yakkaa isaaniitii fi cubbuu isaanii isaaniif hin araarama» jedhe.

4Maarre Ermiyaas ilma Neriiya'aa Baaruk waamee jecha Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara afaaniin Baarukitti himuun, inni kitaaba maramaa irratti barreesse. 5Achiin duuba Ermiyaas Baaruk ajajee, «Ani Galma Waaqaa keessa akka hin seenneef dhooggameera. 6Maarre ati dhaqiitii jecha Mootii Waan Maraa ka ani afaaniin sitti himuun kitaaba maramaa irratti barreessite san, guyyaa laamaa, Galma Waaqaa keessatti kolbaa Yihuda'aa ta qachaa ifii keessaa dhutte maraaf dubbisi. 7Aari'ii fi mufiin jadduun Mootiin Waan Maraa kolbaa tana adabiisaaf dubbate, guddoo waan teeteef, tokko tokkoon isaanii karaa hamaa ifii irraa deebi'anee, Mootii Waan Maraa hin kadhatan fa te'a» jedhe.

8Maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk akkuma Ermiyaas isatti hime, jecha Mootii Waan Maraa ka kitaaba maramaa irratti barreeffame san Galma Mootii Waan Maraa keessatti dubbise.

9Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shaneesso'oo, ji'a sagaleesso'ootitti, kolbaan Yerusaalemiitii fi kolbaan qachaa Yihuda'aa keessaa gara Yerusaalemii dhufane marti Mootii Waan Maraa duratti laamiisaaf lassii lassane. 10Achiin duuba, badhinna Galma Waaqaa ka gubba'aa keessatti, seensuma karra haareya Galma Waaqaa biratti, kolloo Gemaariyaa barreessicha ilma Shaafaanii keessaa, Baaruk jecha Ermiyaas dubbate, kolbaa maraaf kitaaba maramaa keessaa dubbise.

11Akaakoon Shaafaanii ilmii Gemaariya'aa Miikaayaan jecha Mootii Waan Maraa mara kitaaba maramaa keessaa yennaa dhage'e, 12inni addee qondaaltoti marti: Eliishaamaan barreessichi, ilmi Shemaariya'aa Delaayaan, ilmi Akborii Elnaataan, ilmi Shaafaanii Gemaariyaan, ilmi Hanaaniya'aa Zedeqiiyaan ta qondaaltoti dhibiin martille tee'aneeranu, gara kolloo barreessicha mana mootumma'aa gad bu'ee, 13Miikaayaan waan Baaruk kitaaba maramaa keessaa kolba'aaf dubbiseen dhage'e mara isaanitti hime. 14Achiin duuba qondaaltoti sun marti, abuuboo kuushii, akaakoo Shelemiiya'aa, ilma Netaaniya'aa Yehud erganee, «Dhaqiitii Baarukiin, ‹Kitaaba maramaa kolba'aaf dubbitte san fidii koy!› jedhiin» jedhane; maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk kitaaba maramaa san harkatti qabatee dhufe. 15Isaanille Baarukiin, «Tee'iitii, maganne'e, nu'uuf dubbisi!» jedhane; innille isaaniif dubbise. 16Jechoota kana mara dhage'aneen duuba sodaatanee, wol ilaalanee, Baarukiin, «Nuuti waan kana mara mootichatti hin hinna» jedhane. 17Achiin duuba, «Me, waan kana attam akka barreessite, nutti himi? Ermiyaasitti afaaniin sitti himee?» jedhanee Baaruk gaafatane.

18Baarukille deebisee, «Ee, isattuu jecha kana mara afaaniin natti himee, ani kitaaba maramaa irratti hallu'uun barreesse» jedhe.

19Achiin duuba qondaaltoti Baarukiin, «Atii fi Ermiyaas deema'aa dhokadha'a; addee isin jirtanu eennulle hin beekin» jedhane.

Mootichi Kitaaba Maramaa Gube

20Qondaaltoti kitaaba maramaa san kolloo Eliishaamaa barreessichaa keessa keyanee, gara badhinna mana mootumma'aa dhaqanee, waan mara mootichatti himane. 21Achiin duuba mootichi kitaaba maramaa san akka fiduuf, Yehud erge; innille kitaaba maramaa san kolloo Eliishaamaa barreessichaa keessaa fidee, mootichaa fi qondaaltota cinaa isaa dhaabbataneeranu maraaf dubbise. 22Yennaan sun ji'a sagaleesso'oo, ganna waan te'eef, mootichi mana ji'a gannaa itti dabarsu keessatti, suunsuma ibiddi irratti gabbatiisatti jiru bira tee'ee o'ifataayyu. 23Akkuma Yehud kitaaba maramaa san keessaa fuula afur yookiin fuula sad dubbiseen mootichi kitaaba maramaa isaaf dubbifame san seenxi'iin kukkutee haga gubatee dhumatutti, suunsuma ibiddi irratti gabbifame san keessa buuse. 24Mootichii fi tajaajiltooti isaa worri dubbii tana dhage'ane marti hin sodaanne; gaddanee woyaa ifii hin tarsaanne. 25Isaan keessaa Elnaataan, Delaaya'aa fi Gemaariyaan kitaab maramaan sun akka hin gubane mooticha kadhatanulle, inni isaan hin caqanne. 26Achiin duuba inni ilma mootichaa tokko Yeraami'el, ilma Azrii'elii Seraaya'aa fi ilma Abdi'elii Shelemiiyaa ergee, Baarukii barreessicha kiyyaa fi Ermiyaasii raagicha qabanee akka fidanuuf ajaje; Mootiin Waan Maraa ammoo isaan dhosse.

Ermiyaas Ammalle Kitaaba Maramaa Dhibii Barreesse

27Mootichi kitaaba maramaa ka Ermiyaas afaaniin himuun Baaruk barreesse san gubeen duuba, jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 28«Kitaaba maramaa dhibii fuudhiitii, jechoota qaraa ka kitaaba maramaa mootichi Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san irra jiru, deebisii itti barreessi. 29Mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiimiin, ‹Mootiin Waan Maraa: Mootiin Baabilonii dhufee lafa tana akka balleessu, namaa fi bineensa lafa irraalle akka fixu maaf barreessite? Jettee kitaaba maramaa san guddeerta. 30Tanaaf, ee mootii Yihuda'aa Yehoyaaqiim, Sanyii teeti keessaa nami barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'u hin dhaggamu; reeffi keeti o'a adu'uutii fi qorra halkaniititti gad hin gatama. 31Sababa hammeenna keessaniitiif, ani si'iif fi sanyii teeti, tajaajiltoota teetille hin adaba; waan na caqasuu diddaneef, balaa fidiisaaf yaade san mara isinitti, worra Yerusaalem keessa le'anu mara irratti, kolbaa Yihuda'aa mara irralle'etti hin fida jedha› jedhiin» jedhe.

32Achiin duuba Ermiyaas kitaaba maramaa dhibii fuudhee ilma Neriiya'aa Baarukii baarreessichatti kenne; akkuma Ermiyaas kitaaba maramaa mootiin Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san afaaniin itti himuun barreesse san, ammalle Baaruk barreessisiise; jechooti dhibiille ka kitaaba maramaa qaraa keessatti barreeffameen wol fakkaatu baca'atti itti dabalame.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

O rolo queimado de Jeremias

  • Como Jeremias estava impedido de entrar no templo, ele ditou as profecias a Baruque, filho de Nerias, que as escreveu com tinta em um rolo e as leu publicamente durante um dia de jejum.Fontes: o próprio texto bíblico · Baruch
  • A sala onde Baruque leu o rolo pela primeira vez pertencia a Gemarias, filho de Safã, que havia sido o escriba real no reinado do rei Josias. Membros dessa influente família demonstraram temor diante das palavras e chegaram a suplicar ao rei Jeoaquim que não destruísse o manuscrito.Fontes: o próprio texto bíblico · Gemariah · Shaphan · Michaiah
  • O rei Jeoaquim ouviu a leitura enquanto se aquecia junto a um braseiro em seus aposentos de inverno, mas, a cada três ou quatro colunas lidas, cortava o rolo com um canivete de escriba e o lançava ao fogo.Fontes: o próprio texto bíblico · Baruch · Jehoiakim

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 9, 31
  • New Gate · Hoje: in Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 10
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 29

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.