Jeremias 35
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Ermiyaasii Fi Worra Rekaabotaa
1Bara ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim Yihudaa irratti mootii te'eeru, Jechi Mootii Waan Maraa biraa gara Ermiyaasii dhufee, 2«Gara maatii worra Rekaabotaa dhaqiitii, gara Galma Waaqaa isaan fidi; kolloo cinaa Galma Waaqaa jirtu keessaa takkatti'itti galchiitii daadhii woyni'ii isaan obaas!» jedhe. 3Maarre ani gara akaakoo Habazneya'aa, ilma Ermiyaasii Yaazaaniyaa bira dhaqee obboleeyyan isaatii fi ilmaan isaa mara, maatii worra Rekaabotaa mara fide. 4Gara Galma Waaqaa isaan fidee, kolloo ilmaan Haannaanii, ilma Gidaaliyaa raagichaa keessa isaan teessise; kolloon sun kolloo bulchitootaatitti aantee, kolloo Ma'aseyaa ilma Shaalumii ka balbala eeguutiin gubbaa jirti. 5Achiin duuba ani daadhii woyni'ii qori'ii fi muduunu'utti guutee worra maatii Rekaabotaa dura keyee isaaniin, «Daadhii woyni'ii tana una'a» jedhe.
6Isaan ammoo deebisanee, «Abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab ilmi Rekaabii, ‹Isinii fi sanyiin teessan daadhii woyni'ii ijjumaa hin unina'a› jedhee waan ajajeeruuf, nuuti daadhii woyni'ii hin unnu! 7Akkasuma, ‹Lafa hori'iin keessa godaantanu tana keessa bara dheeraa akka leetanu, bara le'ii teessanii mara dunkaanii keessa le'aa malee mana hin ijaaratina'a; midhaan hin facaafatina'a; muka woyniille hin dhaabbatina'a; waan kana tokkolle hin qabaatina'a› jedheera. 8Nuutille ajaja abbaa abbootii teenna ta durii, Yonaadaabiin ilmi Rekaabii nu ajaje eeganneerra; nuuti, niitoti teennaa fi ilmaan teenna ta dhiiraatii fi ta durraa daadhii woyni'ii hin unne 9yookiin keessa le'iisaaf mana hin ijaaranne yookiin muka woyni'ii yookiin fichaa yookiin midhaan hin qannu. 10Dunkaanii keessa leene; waan abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab nu ajaje mara eeganneerra. 11Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar dhufee lafa tana yennaa qabate ammoo, nuuti, ‹Loltoota Baabiloniitii fi Sooriya'aa jalaa baqatiisaaf, kowa'a, gara Yerusaalemii deenna› jennee murteeffanneera; tanaaf as Yerusaalem keessa turre» jedhane.
12Achiin duuba Jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 13«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Dhaqiitii, namoota Yiuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin, ‹Isin jecha kiyyaaf ajajamiisaaf, tana irraa hin barattanuu ree?› jedhi. 14Ilmi Rekaabii Yanaadaab sanyiin isaa daadhii woyni'ii akka hin unne ajajee, isaan ajaja isaa waan eegataneef haga adhaa daadhii woyni'ii hin unanu; ani ammoo itti deddeebi'ee isinitti dubbadheeraayyu; te'uu malee isin naaf hin ajajanne. 15Ani tajaajiltoota tiyya raagota itti deddeebi'ee gara keessan ergee, ‹Tokko tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebitanee hujii teessan sirreeffatiisa qaddan; isaan tajaajiliisaaf, waaqota dhibii hin hordofina'a! Yoo san lafa ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan› isiniin jedheeraayyu; isin ammoo waan ani isinitti hime hin dhageenne; anaafille hin ajajanne. 16Sanyiin Yonaadaabii ilma Rekaabii ajaja abbaan abbootii isaanii ta durii isaaniif kenne eegataneeran; kolbaan tun ammoo naaf hin ajajanne. 17Tanaaf kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii yennaa ani isaanitti dubbadhe waan hin caqasiniif, yennaa ani isaan waame waan hin owwaatiniif, kunoo, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u Waaqi Israa'elii, ‹Badii isaan irratti fidiisaaf dubbadhe san mara isaanitti hin fida› jedha» jedhe.
18Achiin duuba Ermiyaas worra maatii Rekaabotaatiin, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin ajaja abbaan abbootii teessanii Yonaadaab isin ajaje eegattaneertan; qajeelfama isaalle hordottanee, waan inni isin ajaje mara gootaneertan. 19Tanaaf, sanyii Yonaadaabii ilma Rekaabii keessaa nami yennaa mara na dura dhaabbatee na tajaajilu hin dhabamu› jedha» jedheen.
Você sabia?
A Fidelidade dos Recabitas
- Os recabitas eram um clã nômade cujo antepassado, Jonadabe, filho de Recabe, os havia proibido de beber vinho, construir casas, semear campos ou plantar vinhas, ordenando-lhes que vivessem apenas em tendas. Durante gerações, toda a comunidade guardou fielmente esses preceitos ancestrais.Fontes: o próprio texto bíblico · Jonadab · Rechab
- Embora comprometidos a viver em tendas no campo, os recabitas haviam se mudado temporariamente para dentro das muralhas de Jerusalém a fim de buscar abrigo quando Nabucodonosor e o exército babilônico invadiram a região.Fontes: o próprio texto bíblico · Jerusalem · Babylon
- Durante o reinado do rei Jeoaquim, Deus orientou Jeremias a convidar os recabitas para uma sala no templo e oferecer-lhes vinho. A recusa deles em violar a regra de seu antepassado serviu como uma lição prática que contrastava com a persistente desobediência de Judá para com Deus.Fontes: o próprio texto bíblico · Jehoiakim · Jeremiah
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Babylon · 32.543, 44.422 · versículo 11
- Chaldea · 30.962, 46.104 · versículo 11
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 11, 13, 17
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org