Isaías 28
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Efreemiif Aanne'e
1Qachaa Samaariya'aa, worra machowaa Efreemiitiif kallacha kooriisaa ka te'e, dhooqa lafa laattuu gubba'atti, daraaraan dansummaa ulfinna isaa ka irraa qooreef, ka worri daadhii woyni'iitiin sule ittiin kooruuf aanne'e! 2Kunoo, Mootiin Waan Maraa nama jaba'aa fi hunnaamessa qaba; nami sun akka dhakaa bokkeyaa, akka qilleensa wo balleessuu, akka lolaa hama'aa fi akka bokkeya hama'aa, qachaa san hunnaan lafatti dhowa. 3Kallachi namoota Efreemii ka worri machowu ittiin kooru, miilaan irra sirbama. 4Qachaan Samaariya'aa ka dhooqa lafa laattuu gubba'atti, daraaraan dansummaa ulfinna isaa irraa qoore, akka harruu yenna'aan dura bilchaattee, ka nami akkuma dhaggeen fudhatee nyaatee fixuu hin te'a.
5Guyyaa san Mootiin Waan Maraa ka Waan Mara Dade, kolbaa ifii worra baraaree hafeef kallacha ulfinnaatii fi daraaraa dansumma'aa hin te'aaf. 6Worra barcumaa mura'aa irra te'uuf, ayyaana haqaa, worra karra qacha'aa irraa diina dhoogguuf hunna hin kenna.
Isaayaasii Fi Raagota Yihuda'aa Machoottuu
7Isaan kun daadhii woyni'ii unanee gatantaran; untoon macheessituun joonjan; Hayyootii fi raagoti untoo macheessitu unanee gatantaraneeran; daadhiin woyni'iille isaan joonjessiteerti; raagoti yennaa mudhii dhagganu hin qalbeeffatanu; hayyootille yennaa muraa kennanu hin dokonkoran. 8Qoriin isaanii duudiin diddigaan guutteerti; addeen qulqullitiin hin jirtu.
9Isaan, «Inni eennu barsiisiisaaf wodhaana? Ergaa ifiille eennutti issee hima? Ijoollee harma lakkitte ta reefuu harma irraa guute barsiisaa? 10Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja, seerata irratti seerata, seerata irratti seerata, asii barumsa diqqaa tokko, achii barumsa diqqaa tokko nutti dabalaa?» hin jedhan.
11Maarre Mootiin Waan Maraa dubbii hin barataminii fi afaan ormaatiin kolbaa tanatti hin dudubata. 12Inni isaaniin, «Addeen tun addee fooraa ti; worri dadhabe dhufee itti foorfatuu ti; addeen tun addee nageyaa ti» jedhe. Isaan ammoo hin dhageenne. 13Tanaaf jechi Mootii Waan Maraa ka isaan raagichaan, «Ajaja irratti ajaja, ajaja irratti ajaja, seerata irratti seerata, seerata irratti seerata, asii barumsa diqqaa tokko, achii barumsa diqqaa tokko nutti dabalaa?» jedhane sun isaan irratti hin te'a. Yennaa san isaan duubatti deebi'anee, jiganee hin caccaban; tiyyoolle'een qabamanee hin booji'aman.
Dhakaa Roga Qaccee Ijaarsaa Ka Xiyoonii
14Tanaaf isin worri murgaameyyiin, worri kolbaa Yerusaalem keessaa bulchitanu, jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a! 15Isin, «Du'a woliin wol gondoorreerra; addee worri du'e jiru wolille'een wolii galleerra; balaan sodaachisu yennaa dhufu, dhara addee itti baqannu, soba addee itti dhokannu waan godhanneef, womaa nu hin tuqu» jettanee koortaneertan. 16Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani dhakaa hunde'ee, ka haga ilaalame, dhakaa roga ijaarsaa ka gatii guddo'oo, ka hundee jaddu'uuf te'u, Xiyoon keessa hin keya; nami isatti dhugeeffatu ijjumaa hin raafamu. 17Ani haqa wodaroo miki'ii, balchummaalle tumbii hin godhadha; dhara isin itti baqattanu san dhakaan bokkeyaa hin balleessa; addee isin itti dhokattanu lolaan irra dhangala'a. 18Gondooroon isin du'a woliin wol gondoorattane hin diiganti; wolii galteen isin addee worri du'e jiru woliin wolii galtane hin baddi. Balaan sodaachisu yennaa dhufu, isin balaa saniin hin baddan. 19Balaan sun yennaa dhufu mara, isin fuudhee hin dabara; ganama ganama, halkanii fi guyyaalle isin hin haxowa» jedha.
20Tunille akka mammaassa, «Nami taqee gabaadduu irra rafu hin diriirfatu; nami bullukkoo gadhaa dhiphattu uffatulle ifitti maree hin rafu» jedhame sanii ti. 21Mootiin Waan Maraa gaara Pheraaziimii irratti, dhooqa Giibe'onii keessalle'etti akkuma godhe, ammalle hujii ifii ta baasaa hujiisaaf, kancira hujii ifii muummessiisaaf hin ka'a.
22Goottaan, Mootiin Waan Maraa, Ka Waan Maraa Dande'u, biyya lafaa ijjumaa akka balleessu ani dhage'eera. Tanaaf hidhaan akka isinitti hin jabaanne, murgiisa lakkisa'a.
Qarummaa Waaqaa
23Caqasa'a; qoonqoo tiyya dhage'a'a; waan ani jedhulle qalbeeffadha'a. 24Qonnaan bulaan, fichaa ifii yennaa mara qotaa ree? Inni quqquuqaa bubbutuchaa, yennaa mara lafa laaffisaa ree? 25Lafa miidhasseen duuba dinbilaali'ii fi onkooshee facaasaa motii ree? Qamadii tarree isi'iititti, Garbuu addee isaaf qophoottetti, midhaan adda addaalle qarqara sanitti facaasaa motii ree? 26Kana mara akka inni huju Waaqa isaatitti isa gorsee, isa barsiise. 27Dinbilaalli ulee qadho'oon malee, ulee furdo'oon hin dhowantu; onkoosheelle harxumme'een dhowanti malee, korboo garreettaa fardaan harkifamuun hin dhowantu. 28Midhaan daabboo hujiisaaf daakama; maarre nami tokko haga bara baraa midhaan dhowaa hin le'u. Dhowiisaaf korboo garreettaa fardaan harkifamuu irra oofan malee, butuchiisaaf moti. 29Tun duudiin Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, abbaa gorsa maade'eetii fi abbaa qarummaa guddo'oo biraa dhutte.

Você sabia?
A Pedra Angular e a Sabedoria do Lavrador
- Isaías faz referência a campos de batalha históricos como o monte Perazim, o 'monte das brechas' onde Davi derrotou os filisteus, e o vale de Gibeão, alertando que o Senhor se levantará para executar um julgamento inesperado e perturbador contra o Seu próprio povo.Fontes: Mount Perazim · Valley of Gibeon · o próprio texto bíblico
- Ao se dirigir aos governantes em Jerusalém, o profeta contrasta o frágil refúgio político deles com uma pedra angular provada e preciosa assentada em Sião, a colina elevada onde Davi estabeleceu sua cidadela real.Fontes: Jerusalem · Zion · o próprio texto bíblico
- O capítulo conclui com uma parábola agrícola mostrando que o lavrador não debulha especiarias delicadas como cominho com trenós pesados ou rodas de carroça, mas as bate suavemente com uma vara, ilustrando a sabedoria e a medida de Deus na disciplina.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Samaria · 32.276, 35.195 · versículos 1, 3
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 14
- Zion · Hoje: Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 16
- Valley of Gibeon · 31.847, 35.183 · versículo 21
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org