Isaías 27
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
1Yennaa san Mootiin Waan Maraa shallaagaa ifii ka sodaachisu, ka qara qabuu fi jaba'aan, dhudhuufaa gugatu, dhudhuufaa mammarataa hin adaba; bineensa naacha fakkaatu,
ka «Lewaataan» jedhamulle hin ijjeesa.
2Yennaa san Mootiin Waan Maraa «Fichaa muka woyni'ii dansa'aaf faarsa'a. 3Ani Mootiin Waan Maraa fichaa san hin eega; yennaa mara bisaan hin obaasa; nami tokkolle akka hin miine halkanii fi guyyaa isa hin eega. 4Ani haganaa achi fichaa muka woyni'ii sanitti hin aaru; qore'ee fi qumi'uuduu yoo baaselle ani itti duulee, ibiddaan gubee ijjumaa hin balleessa.
5«Yookiin gara kiyya baqatanuu ti; na wolille'een nageyaan le'anuu ti; ee, na woliin nageyaan le'anuu ti» hin jedha.
6Baroota dhufutti sanyiin Yaaqoobii hidda hin yaafatti; kolbaan Israa'elii quunxitee daraartee, biyya lafaa duudii midhaaniin hin guutti.
7Mootiin Waan Maraa akka diinota Israa'elii dhowe, kolbaa Israa'elii hin dhoonne. Akka diinota isaanii ijjeese kolbaa Israa'elii hin ijjeenne. 8Inni akka booji'amanu godhee isaan adabe; akkuma qilleensi gubu gara aduun baatuu, waanuma dhagge fuudhee deemu, innille akkasuma hafuura ifii ka sodaachisu isaanitti baafattee, isaan ari'e. 9Kolbaan Israa'elii dhakoota addee ciinca'aa ka waaqota dharaa, akka dhakaa boore'ee yennaa caccassanee butuchane, utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu, addee ciinca'aa ta hixaana itti aarsanulle yennaa balleessane, yakkaa ifiitiif araara hin dhaggatan.
10Qachaan dalleya dhaka'aa diigamee, akka goomole'ee hin ona; jabbiin achi keessa hin dheeddi; achi keessa ciittee baala dameele'ee dheeddee hin fixxi. 11Dameen mukaa yennaa goddu, hin caccaddi; dubartooti dhuttee qoraan hin caffatti. Kolbaan tun hubantii waan hin qanneef, ka isaan Dade isaaniif hin nayu; isaanille'eef hin mararu.
12Guyyaa san Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa'eloota laga Efraaxiisii irraa jalqabee, haga meessaa biyya Gibxi'iititti tokko tokkoon wolitti hin qaba. Inni akka nama midhaan hicaacee irraa adda baasuu worra dhibii irraa adda isaan hin baasa.
13Guyyaa san tultullaan guddaan hin afuufama; worri biyya Asooriititti badanee fi worri gara biyya Gibxi'ii booji'ame gara biyya ifii deebi'ee, gaara woyyicha irratti Yerusaalem keessatti Mootii Waan Maraa hin waaqonfatan.

Você sabia?
A vinha frutífera e o retorno dos exilados
- Em Isaías 27, Israel é retratado como uma vinha frutífera cuidadosamente guardada e regada continuamente pelo Senhor para que crie raízes e encha o mundo de frutos. Essa imagem de proteção e florescimento contrasta com a descrição anterior de uma vinha infrutífera no livro.Fontes: o próprio texto bíblico
- A profecia descreve o ajuntamento dos israelitas entre o caudaloso rio Eufrates e o ribeiro do Egito. Na tradição bíblica, esses dois marcos geográficos definiam os limites da terra prometida aos descendentes de Abraão.Fontes: o próprio texto bíblico · Euphrates · Brook of Egypt
- O toque de uma grande trombeta de chifre é anunciado para reunir os exilados dispersos nos poderosos impérios da Assíria e do Egito. Os sobreviventes que retornam são convocados para adorar o Senhor no monte santo em Jerusalém.Fontes: o próprio texto bíblico · Assyria · Egypt · Jerusalem
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Euphrates · Hoje: Euphrates River · 31.004, 47.442 · versículo 12
- Assyria · 36.359, 43.153 · versículo 13
- Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 13
- Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículo 13
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org