Isaías 18
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Ergaa Marroo Itoophiya'aa
1Lafa laga Itoophiya'aatiin gamaa, ta koolli birrisuutiif aanne'e! 2Latti sun abbaayaa irra, hoboloo allaadduu irraa hujanteen bisaan irra ergantoota ergiti. Isin ergantooti ariiti'iin ideentanu, gara kolbaa dhedheertu'uu, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantuu, gosa hunnaameyyii jajjaba afaan isaanii hin beekkannee, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodantee dhaqa'a.
3Isin kolbaan biyya lafaa marti, ta lafa irra leetanu, yennaa baandiraan gaarota irra dhaabamu hin dhaggitan; tultullaan yennaa afuufamulle hin dhageettan. 4Mootiin Waan Maraa anaan, «Ani addee leetoo tiyyaa irraa, akka ifa o'a adu'uu keessaa calalaquu, o'a yennaa haamma'aa keessa akka duumensa karfaffu'uu, cadhi jedhee gad hin ilaala» jedhe. 5Midhaan woyni'ii adoo hin galchiniin dura, muki woyni'ii daraaraa yennaa buufatu, midhaan woyni'ii yennaa bargoo te'u, billowaan gaaleen isi'iitii fi dameeleen isi'ii irraa muranee akkuma gatamanu, inni kolbaa biyya sanii hin balleessa. 6Reeffi loltoota isaanii allaattii gaaraatii fi bineensota badda'aatiif sagalee hin te'a; allaattiin isaaniin bona hin baati; bineensotille isaaniin ganna hin bayan.
7Yennaa san kolbaan dhedheertuun, ta gogaan isi'ii lallaafa'aa, ta fago'oo fi dhiko'otti sodaatantu, gosi hunnaameyyiin jajjabi afaan isaanii hin beekkanne, ta latti isaanii laga heddu'uun gargar qoqoodante, addee Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade waaqonfamutti, gara gaara Xiyoonii Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dadeef kennansa hin fiddi.

Você sabia?
Uma mensagem sobre Cuxe
- A terra de Cuxe referia-se à região ao sul do Egito, ao longo do Alto Nilo. Isaías descreve seus mensageiros navegando pelas águas em embarcações velozes feitas de papiro.Fontes: Cush · o próprio texto bíblico
- A profecia culmina com tributos sendo trazidos dessa nação distante e temida para o Monte Sião, a colina de Jerusalém onde habitava o nome do Senhor.Fontes: Mount Zion · o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Cush · Hoje: Cush 1 · 16.935, 33.751 · versículo 1
- Nile · Hoje: Nile River · 31.465, 30.367 · versículos 1, 2
- Mount Zion · 31.772, 35.229 · versículo 7
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org