Isaías 17
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Ergaa Marroo Damaasqo'oo
1Ergaan marroo Damaasqo'oo ta asii gad jirtu;
Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, qachaan Damaasqo'oo haganaa achi qachummaan isaa hafee, tuulaa waan bututee hin te'a. 2Qachooti Aro'erii hin onan; addee tika hori'ii hin te'an; nami horii san sodaachisu hin jiru. 3Qachaan dalleya dhaka'aa Efreem keessaa, mootummaalle Damaasqoo keessaa hin baddi; worri Sooriyaa keessatti jiru'uun hafe, akkuma Israa'elootaa hin salphatan. Ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbadheeraa.
4«Guyyaa san, ulfinni Israa'elii gad hin deebi'a; gabbinni nafa isi'iille irraa hin dhumata; 5akka fichaa midhaan irraa haamamee, akka dhooqa Refaa'iimii ta woxoo keessaa qocataneelle hin te'a. 6Akka muka ejersaa ka yennaa hargufanu, qaccee isaa irratti midhaan lama yookiin sad, dameelee isaa irralle'etti midhaan afur yookiin shan hafuu hin te'a. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii tana dubbadheera» jedha.
7Guyyaa san kolbaan gara ka isaan Dadee hin ilaalti; ila ifiille gara Woyyicha Israa'elii hin deebifatti. 8Isaan gara addee ciinca'aa ta harka ifiitiin hujatanee, gara utuboota waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuutii fi gara addee hixaanaa ta harka ifiitiin hujataneelle hin ilaalanu.
9Akkuma qachooti Hiiwotaatii fi Amoorotaa, yennaa Israa'elooti qabatane te'ane, guyyaa san qachooti keessan ka dalleya dhaka'aa qabanulle ona hin te'an; hin diigamanille'e.
10Isin Israa'el, Waaqa fayyisaa keessan deetaneertan; rassaa itti baqattanulle hin qaabanne; tanaaf biqiltuu dansa'aa fi biqiltuu biyya ormaa dhaabbatanulle, 11guyyuma dhaabbatane san akka guddatanu gootanee, boruyyaa ganama isiniif daraarulle, guyyaa dhukkubi hin fayyine itti bu'u, waan haammattanu hin qabaattanu.
12Hoola! Qoonqoon kolbaa heddu'uu akka abbaayaa bulphittuutii ti; qoonqoon gosa biyya adda addaalle akka shookkettii bisaan gudda'aa ti! 13Kolbaan hedduun akka bisaan yaa'uu shookkittulle, yennaa Waaqi isaan xixu, akka hicaacee kooba irraa qilleensi bittinneessuu, akka bukuu hobonbolatti'iin bittinnoottuu fagoo hin bittinnowan. 14Halkan hin bararaqan; adoo latti hin bari'in hin dhabaman. Worri nu saamu akkasuma hin te'a.

Você sabia?
Julgamento contra Damasco e Efraim
- O oráculo contra Damasco associa o destino da capital da Síria ao do reino do norte de Israel, chamado de Efraim e Jacó. A profecia anuncia que tanto a soberania de Damasco quanto a força fortificada de Israel se desvaneceriam juntas.Fontes: o próprio texto bíblico · Damascus · Syria
- O texto utiliza imagens agrícolas conhecidas para ilustrar o juízo e a preservação de um remanescente: um ceifeiro colhendo espigas no vale de Refaim, próximo a Jerusalém, e uma oliveira sacudida que conserva apenas duas ou três azeitonas no topo.Fontes: o próprio texto bíblico · Valley of Rephaim
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Damascus · 33.511, 36.306 · versículos 1, 3
- Syria · Hoje: Aram · 33.511, 36.306 · versículo 3
- Valley of Rephaim · 31.763, 35.219 · versículo 5
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org