Habacuque 3
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Daadimata Anbaaqoomii
1Daadimati Anbaaqoomii raagichaa ka faaru'uun dhikaate asii gad jira.
2Ee Mootii Waan Maraa kiyya,
hujii maade'ee ta ati hujje mara dhage'ee guddoo sodaadhe;
ammalle bara keennatti hujii teeti ta durii ede'ii huji;
bara kennalle'etti akka beekkantu godhi;
yennaa aartulle nu mararfadhu.
3Waaqi woyyichi biyya Temaanii,
gaara Phaaraan irraa hin dhufa;
Ulfinni isaa ol-gubbaa golleera;
leellisi isaalle lafa guuteera.
4Ifi ulfinna isaa akka ifa adu'uu ti;
harka isaa ka hunni isaa keessa dhokatteertu keessaa
balaqqeessi hin baya.
5Balaan isa dura deema;
dhukkubi nama fixu isa duubaan deema.
6Yennaa inni dhaabbatu latti hin tachooti;
yennaa inni isaan ilaalu
gosi biyya adda addaa hin hollatti.
Gaaroti durii durii hin sigigan;
kooboti durii durii ta inni irra deemaa turelle
gad hin lixan.
Karaan inni irra deemu ammoo
bara baraan jiraata.
7Worri Itoophiya'aa rakkatuun,
worri Miidiyaaniille hollatuun dhagge.
8Ee Mootii Waan Maraa, ati lagatti hin aartee?
Yennaa fardoolee teeti yaabbattee,
garreettaa fardaa ka injifachaa keetii irra teette,
abbaaya'atti guddoo aarteetii?
9Ati guubee teeti qopheeffattee
daaya keeti buqqifattee,
lagaan lafa gargar tarsaatte.
10Gaaroti si dhagganee hollatane;
lolaan roobaa lafa haxowaa tare.
Bisaan abbaaya'aa shookkisee,
danbaliin isi'iille ol kaate.
11Yennaa daaya keeti isaanitti calalaqee,
eboon teeti isaanitti itte
adu'uu fi jiin adduma jiranutti dhaabbatane.
12Ati aari'iin lafa irra ideenta;
aariille'een gosa biyya adda addaa hin dhidhiitta.
13Ati kolbaa teeti fayyisiisaaf,
ka muudame sanille fayyisiisaaf baate.
Sooressa worra hamoole'ee butuchitee,
hordofattoota isaalle balleessitee,
mata'aa haga miilaatitti qullaa isa hamburte.
14Akka hobonbolatti'ii nu bittinneessiisaaf ka dhufe,
Yennaa loltooti isaa akka hobonbolatti'ii
nu bittinneessiisaaf,
hiyyeeyyii dhokataneeranu fixanee
itti gammadiisaaf dhufane;
ati woraanuma isaatiin sooressa isaanii woraante.
15Yennaa ati fardoo teetiin abbaayaa dhidhiitte,
abbaayaan raafante.
16Ani waan kana duudii dhage'ee, roromme;
qoonqoo tana irraa ta kaate hidhiin tiyya hollatte.
Lafeen tiyya shante;
miilli kiyyalle lelleqe.
Te'uu malee yennaan worri nu miidhu
adabamu haga dhuttu ossaan hin eegadha'a.
17Muki harru'uu midhaan buusuu dhabulle,
muki woyni'ii midhaan buusuu dhabulle,
muki ejersaalle midhaan kennuu dhabulle,
fichaan midhaan baasuu dhabulle,
hooleen gooree keessaa dhabantulle duwwaa hattulle
loon moonaa keessaa dhabamanulle,
18tun marti teetulle
ani Mootii Waan Maraatitti hin gammada;
Waaqa fayyisaa kiyyatti gammadee firinxiixa.
19Mootiin Waan Maraa Waaqi hunna tiyya.
Inni miila kiyya akka miila gadansaa hin jabeessa;
gaara irralle akka deemu na hin godha.
Sooressitoota faarsitootaatiif: Meya ribu'uutiin ta faarfatantu.

Você sabia?
A oração de Habacuque e o cântico de fé
- O poema retrata Deus surgindo a partir do deserto ao sul, mencionando Temã, no sul de Idumeia, e o monte Parã, no limite desértico da Terra Prometida. Essas referências geográficas ecoam descrições poéticas antigas do Senhor marchando em majestade desde o sul.Fontes: Teman · Mount Paran · o próprio texto bíblico
- Cusã e Midiã são descritas tremendo diante do avanço divino. Os midianitas eram tribos árabes nômades que viviam em tendas pelos desertos e pastagens do Sinai e do norte da Arábia.Fontes: Cushan · Midian · o próprio texto bíblico
- O capítulo é estruturado como um salmo litúrgico, trazendo termos musicais como 'Sigionote', 'Selá' e uma dedicação final ao regente do coro para execução com instrumentos de cordas.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
- Midian · 28.495, 35.012 · versículo 7
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org