Ezequiel 18
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Lubbuun Cubbuu Hujju Hin Duuti
1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Marroo lafa Israa'eliitiif, mammaassi isin itti deddeebitanee, ‹Abbootiin midhaan woyni'ii dhangaggowaa nyaatte; ilkaan ijoolle'ee tutume› jettanu kun maan inni?
3«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Dhugumaan ani Goottaa Mootii Waan Maraa jiraata'a! Isin haganaa achi lafa israa'elii keessatti mammaassa kana hin mammaattanu. 4Lubbuun nama maraa tiyya; lubbuun abba'aa akkuma tiyya teete, lubbuun ilmaalle tiyya; lubbuun cubbuu hujju hin duuti.
5« ‹Nami balchaan tokko waan haqaatii fi dhuga'aa yoo huje, 6inni waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraatitti dhikaate hin nyaatu yookiin gara waaqota dharaa ka Israa'elii hin ilaalu; niitii namaa batteessu yookiin dubartii aadaan dubarti'ii irra jirtu bira hin gewu. 7Inni waan qaddii qabate nama liqeeffate saniif hin deebisa malee, nama tokkolle hin cunqursu; nama hin saamu; ka beeloteef sagalee kenna; ka daare woyaa itti uffisa. 8Dhalaan hin liqeessu yookiin dhala bacaa hin fudhatu; inni harka ifiitiin cubbuu hin huju; namaa fi nama wodhakka'atti muraa dhuga'aatii fi haqaa mura. 9Inni seerata kiyya gula deema; seera kiyya addatamumma'aan eegata; inni balcha'a; dhugumaan inni lubbu'uun hin jiraata› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
10«Te'uu malee, namichi sun ilma hunnaan nama irratti ka'u ka dhiiga namaalle dhangalaasu, ka waan kana keessaa takkattiille huju yoo uumate, 11ta abbaan sun waan kana keessaa tokkolle hin hujin, ilmi isaa ammoo waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo nyaate, niitii namaalle yoo batteesse, 12hiyyeessaa fi rakkataa yoo cunqurse, yoo saame, qaddii qabate yoo deebisuu dhabe, gara waaqota dharaa yoo ilaale, waan diqachiisu yoo huje, 13dhalaan yoo liqeesse, dhala bacaalle yoo fudhate, nami akkasii kun dhugumaan lubbu'uun hin jiraataa ree? Inni hin jiraatu; inni waan diqachiittuu tana mara waan hujeef, dhugumaan hin du'a; dhiiga ifiitiif isumatti itti gaafatama.
14«Ilmi kun ilma yoo uumate, ilmi isaa kun cubbuu abbaan isaa huje mara ilaalee, cubbuu akka abbaa ifii yoo hin hujin, 15waan addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ta gaara irraa irratti dhikaate yoo hin nyaatin, gara waaqota dharaa ka Israa'elii yoo hin ilaalin, niitii namaa yoo hin batteessin, 16nama yoo hin cunqursin yookiin liqaa kenniisaaf qaddii yoo hin fudhatin, yoo hin saamin, ka beeloteef sagalee ifii yoo kenne, ka daare yoo uffise, 17harka ifiitiin cubbuu yoo hin hujin, dhalaan yoo hin liqeessin, dhala bacaa yoo hin fudhatin, seera kiyya yoo eegate, seerata kiyyalle yoo hordofe, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee sababa cubbuu abbaa isaatiif hin du'u. 18Abbaan isaa ammoo karaa haqa hin te'iniin beesee namaa waan fudhateef, nama ifii waan saameef, kolbaa ifii keessatti waan dansaa hin te'in waan hujeef, kunoo inni cubbuu ifiitiin hin du'a.
19«Isin, ‹Ilmi sababa cubbuu abbaa ifiitiif maaf hin adabamin ree?› jettan. Ilmi isaa haqaa fi waan sirrii te'e waan hujeef, seerata kiyya mara waan eegateef, inni dhugumaan lubbu'uun hin jiraata. 20Lubbuun cubbuu hujje isiin hin duuti; ilmi cubbuu abba'aatiif, abbaalle cubbuu ilmaatiif hin adabamin. Balchummaan balcha'aaf laakkowantuu ti; hammeennille hama'aaf laakkowamuu ti.
21«Nami hamaan cubbuu ifii huje mara irraa deebi'ee seerata kiyya yoo eegate, waan haqa te'ee fi waan sirrii te'e maralle yoo huje, inni dhugumaan lubbu'uun jiraata malee hin du'u. 22Cubbuun inni huje marti itti hin laakkowantu; inni balchummaa waan hujeef lubbu'uun hin jiraata. 23Nami hamaan hammeenna ifii irraa deebi'ee akka lubbu'uun jiraatu malee, ani dhugumaan du'a isaatitti hin gammadaa ree? Jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.
24«Nami balchaan tokko ammoo balchummaa ifii irraa deebi'ee, waan diqachiisu ka nami hamaan huju mara yoo huje lubbu'uun hin jiraataa ree? Inni addatamummaa dhabee cubbuu waan hujeef, hin du'a malee, balchummaa inni huje marti isaaf hin laakkowantu.
25«Isin ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'a moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Na dhage'a'a; karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree? 26Nami balchaan balchummaa ifii irraa deebi'ee cubbuu yoo huje cubbuma saniin hin du'a; sababa cubbuu huje saniitiif hin du'a. 27Nami hamaalle cubbuu ifii irraa deebi'ee haqaa fi waan sirrii te'e yoo huje, lubbuu ifii hin baafata. 28Inni cubbuu huje san mara hubatee irraa waan deebi'eef, jiru'uun jiraata malee hin du'u. 29Isin kolbaan Israa'elii ammoo, ‹Karaan Gootta'aa qajeela'aa moti› jettan; ee kolbaa Israa'elii! Karaan kiyya qajeela'aa motii ree? Ka qajeelaa hin te'in karaa keessanii motii ree?
30«Tanaaf, ‹Ee kolbaa Israa'elii! Ani akka hujii teessaniititti tokko tokkoo keessanitti hin mura; cubbuu teessan irraa deebi'a'aatii, cubbuun teessan akka isin hin balleessine, cubbuu teessan mara lakkisa'a. 31Cubbuu hujjane mara lakkisa'aatii, qalbii haareyaa fi Ayyaana haareya qabaadha'a; ee kolbaa Israa'elii! Isin maaf duutan ree? 32Ani du'a namaatitti waan hin gammanneef, cubbuu irraa deebi'a'aatii jiru'uun jiraadha'a› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.

Você sabia?
Responsabilidade individual e arrependimento
- O provérbio popular sobre os pais que comeram uvas verdes e os dentes dos filhos embotados expressava a crença fatalista de que aquela geração sofria unicamente pelos erros dos antepassados. O capítulo rejeita categoricamente esse ditado, estabelecendo o princípio de que cada indivíduo é responsável por suas próprias escolhas morais.Fontes: o próprio texto bíblico
- Para ilustrar a responsabilidade individual, o texto analisa três gerações sucessivas: um pai justo, um filho violento e um neto íntegro. O relato enfatiza que a justiça e a culpa não são herdadas, e que até mesmo uma pessoa ímpia que se arrepende viverá, pois Deus não se alegra com a morte de ninguém.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org