Nations Bible

Ezequiel 17

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Mammaassa Risa'aa Fi Muka Woyni'ii

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Ati hiibboo hiibbifadhuutii, kolbaa Israa'eliititti mammaassaan dubbadhu; 3Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Risaan guddaan ka koola gudda'aa fi baala dhedheeraa dansaa bifa adda addaa qabu tokko gara gaara Libaanonii dhufee, qaccee hindheensaa qabate. 4Inni qaccee san irraa kutee, lafa daldaltootaatitti geessee, qachaa daldaltootaa keessa keye. 5Achiin duuba inni lafa Israa'elii keessaa sanyii fuudhee, lafa dansaa, addee bisaan guddaan jiru biratti akka muka laga qarqaraa tokkootitti dhaabe. 6Sanyiin yennaa latte muka woyni'ii gabaabaa banqaaqaa teete. Dameen isaalle garuma isaa deebite; hiddi isaalle isuma jalatti hafe; maarre inni muka woyni'ii te'ee dameelee baca'aa fi baala bacaa yaafate.

7« ‹Ammalle risaan guddaan dhibiin ka koola gugurda'aa fi baala bacaa qabu dhufe; kunoo, muki woyni'ii sun akka inni bisaan isa obaasuuf, addee itti dhaabame sanii dameele'ee fi hidda ifii gara risaa sanii diriirfate. 8Muki woyni'ii sun dameelee hedduu baasee midhaan akka buusu, muka woyni'ii dansaalle akka te'uuf, lafa dansaa irratti addee bisaan guddaan jiru biratti dhaabbameeraayyu› jedha.

9«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Muki woyni'ii kun hin oshobaa ree? Hiddi isaa buqqifamee, midhaan isaa irraa harcaafamee, dameeleen isaalle akka goggoganu hin godhamuu ree? Dameeleen isaalle hin goggogan; hidda isaalle buqqisiisaaf, irree jadduu yookiin nama hedduu hin barbaachisu. 10Kunoo, addee tana irraa buqqifamee addee dhibi'itti yoo dhaabame hin oshobaa ree? Qilleensi o'aan karaa aduun baatuu yennaa isa dhowe, addee itti oshobe sanitti ijjumaa hin qooruu ree?› jedha» jedhe.

Hiikkaa Waan kanaa

11Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 12«Ati worra finqilaa kanaan, ‹Isin hiikkaa waan kanaa hin beettanii ree? Kunoo, mootiin Baabilonii gara Yerusaalemii dhufee, mootii isi'iitii fi qondaaltota isi'ii booji'ee fudhatee Baabilonitti hin deebi'a. 13Inni sanyii mootota Yihuda'aa keessaa tokkocha fuudhee isa woliin gondooroo godhatee, isa kakachiisee, isa woliin sooressitoota Yihuda'aalle fudhatee deeme. 14Mootiin sun mootummaan Yihuda'aa gad jettee, adoo ol ifi hin qabin gondooroo mootii Baabilonii san jabaattee akka eegattuuf tana godhe. 15Mootiin Yihuda'aa ammoo mootii Baabilonii irratti finqila kaasee, fardoole'ee fi loltoota bacaa akka isaaf kennanu ergantoota gara Gibxi'ii erge. Tun isaaf hin milkoottii ree? Nami waan akkasii godhe miliquu hin dande'aa ree? Gondooroo san diigee, miliquu hin dande'aa ree?› jedhi.

16«Ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Mootiin Yihuda'aa kun biyya Baabilonii biyya mooticha isa mootonsetti, kakuu isaa san tuffatee, gondooroo isa woliin godhate waan diigeef, inni biyya baabilonii keessatti hin du'a. 17Worri Baabilonii namoota bacaa ijjeesiisaaf kaabii dalleya dhaka'aatitti marsanee yennaa ijaaranu, mootiin Gibxi'ii loltoota ifii guddo'oo fi kolbaa bindillaa ifii woliin dhufee loliisaan isa qarqaaruu hin dande'u. 18Inni kakuu san tuffatee, gondooroo san diigeera. Kunoo, inni wolii galtee san diigee waan kana mara waan godheef, adabbii jalaa miliquu hin dande'u. 19Tanaaf, ani jiraataa, Goottaa Mootii Waan Maraa ti! Kakuu tiyya ta inni tuffatee fi gondooroo tiyya ta inni diige san mataa isaatitti hin deebisa. 20Ani caccoo tiyya isa gubbaa diriirsee, inni tiyyoo tiyyaan hin qabama; waan naaf addatamuu dhabeef gara baabilonii isa geessee, achitti itti hin mura. 21Loltooti isaa worri beekkamane ka baqatiisatti jiranu marti shallaaga'aan hin ijjeefaman; worri jiru'uun hafelle gara mara hin bittinnowan; yennaa san akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan; ani tana dubbadheera» jedhe.

22Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani ifuma kiyyaan qaccee hindheensa dheera'aa san irraa quunxoo kutee hin dhaaba; quunxoo san keessaa kichuu tokkocha fuudhee, ifuma kiyyaan gaara ol aanaa dheeraa irratti hin dhaaba. 23Ani gaara Israa'elii ol aanaa irratti isa hin dhaaba; inni achitti dameelee bacaa baasee, midhaanille buusee, hindheensa guddaa dansaa hin te'a. Sinbirreen gosa adda addaa marti isa jala hin leeti; gaaddisa dameelee isaa keessalle'etti mana hin ijaarratti. 24Yennaa san muki badda'aa marti akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan; ani muka dhedheeraa hin gaggabaassa; muka gaggabaabaa hin dhedheeressa; muka bibbisilee hin goggossa; muka goggogaa bisilee hin tolcha; ani Mootiin Waan Maraa dubbadheeraa, waan dubbadhe kana hin tolcha» jedhe.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

A parábola das águias e do cedro

  • Ezequiel apresenta uma alegoria política em que a primeira grande águia representa o rei da Babilônia, que levou a liderança real de Jerusalém para o cativeiro e estabeleceu um rei vassalo sob uma aliança solene. A segunda águia representa o Egito e seu faraó, a quem o governante de Judá recorreu em busca de cavalos e auxílio militar, quebrando sua aliança.Fontes: o próprio texto bíblico · Babylon · Egypt · Pharaoh
  • Na mensagem profética, romper um juramento de vassalagem firmado com a Babilônia foi considerado não apenas uma rebelião diplomática, mas uma traição espiritual contra Deus, que considerava o juramento prestado como Sua própria aliança.Fontes: o próprio texto bíblico
  • O capítulo se encerra revertendo os planos políticos humanos: o próprio Deus promete tirar um renovo tenro do topo do cedro e plantá-lo nas alturas montanhosas de Israel, onde ele se tornará uma árvore majestosa que dará abrigo a aves de todo tipo.Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Lebanon · 33.540, 35.584 · versículo 3
  • Canaan · 32.767, 35.333 · versículo 4
  • Babylon · 32.543, 44.422 · versículos 12, 14, 15, 16, 17, 20
  • Jerusalem · 31.777, 35.234 · versículos 12, 17
  • Egypt · 30.129, 31.308 · versículo 15

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.