Nations Bible

Deuteronômio 27

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Addee Ciinca'aa Ta Gaara Ebaalii Irraa

1Muuse'ee fi jaarsoleen Israa'elii, kolbaa ajajanee, inni isaan, «Ajaja adha ani isin ajaju kana mara eegadha'a. 2Lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isinii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, dhakoota gugurdaa dhaaba'aatii nooraa itti diba'a. 3Akkuma Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teetii waadaa sii galetti, lafa aananii fi dammaa, ta Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennutti galiisaaf, laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, jechoota seera kanaa mara dhakoota san irratti barreessi. 4Laga Yordaanosii gamatti yennaa buute, akkuma ani adha si ajajetti dhakoota kana gaara Ebaalii irratti dhaabiitii nooraa itti dibi. 5Achitti Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, sibiilaan adoo hin tuqin addee ciinca'aa dhaka'aan ijaari. 6Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, dhakaa hin bocaminiin addee ciinca'aa ijaariitii isii irratti ciincaa dhikeessi. 7Achitti ciincaa tokkumma'aa dhikeessiitii, Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti nyaataa gammadi. 8Dhakoota san irratti jechoota seera kanaa mara akka mudhatu godhiitii barreessi» jedhe.

9Achiin duuba Muuse'een, Lewwoota hayyoota woliin, kolbaa Israa'elii maraan, «Ee Israa'el, cadhisii dhage'i; ati adha kolbaa Mootii Waan Maraa Waaqa keetii teeteerta. 10Tanaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif ajajamiisaan, ajajaa fi seerata ani adha si ajaju kana eegadhu» jedhe.

Abaarsa Ajajama Didiis Fidu

11Guyyuma san Muuseen, kolbaa Israa'elii ajajee, 12«Laga Yordaanosii gamatti yennaa buutane, gosi Shimi'oonii, gosi Lewwi'ii, gosi Yihuda'aa, gosi Yisaakorii, gosi Yoseefiitii fi gosi Beniyaaminii kolbaa eebbisiisaaf, gaara Geriiziimii irra dhaabbatanuu ti. 13Gosi Ruubenii, gosi Gaadii, gosi Asheerii, gosi Zebuloonii, gosi Daaniitii fi gosi Niftaalemii abaariisaaf gaara Ebaalii irra dhaabbatanuu ti» jedhe. 14Worri Lewwootaalle qoonqoo ol qabatanee, kolbaa Israa'elii maratti lallabanee:

15«Nami fakkii nama hujii harkaa beekuun hujante, ta Mootii Waan Maraa duratti jibbisiisaa teete qiriixee yookiin sibiila baqisiisee waaqa dharaa hujee, dhossa'aan dhaabu, ka abaarame te'uu ti» jedhane.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

16Nami haadha ifii yookiin abbaa ifii salphisu, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

17Nami dhakaa meessa'aa ka ollaa ifii adde'ee munyuussu marti, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

18Nami ballaa karaa dokonkoraatitti qajeelchu, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

19Nami alagaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaa haqa dhooggu, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

20Nami niitii abbaa ifii haadiqqoo ifii woliin rafu, rifanoo abbaa ifii waan salphisuuf, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

21Nami horii kamiiyyuu woliin rafu ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

22Nami intala abbaa ifii yookiin intala haadha ifii ta obboleettii isaa teetu woliin rafu ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

23Nami haadha sodda'aa ta ifii woliin rafu, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

24Nami dhossa'aan nama ijjeesu marti, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

25Nami nama yakkaa hin qanne ijjeesiisaaf, beesee fudhatu, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

26Nami jechoota seera kanaa hin eeganne, ka abaarame te'uu ti.

Kolbaan marti, «Ameen» jettuu ti.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

As Pedras no Monte Ebal e as Maldições da Aliança

  • Ao cruzar o Jordão, os israelitas receberam a ordem de erguer grandes pedras rebocadas com cal no monte Ebal e escrever nelas com clareza todas as palavras da lei. Também foram instruídos a construir ali um altar feito apenas de pedras brutas, não trabalhadas por ferramentas de ferro.Fontes: o próprio texto bíblico · Mount Ebal
  • As doze tribos foram divididas igualmente entre dois montes vizinhos perto de Siquém: seis tribos ficaram no monte Gerizim para pronunciar bênçãos, enquanto as outras seis ficaram no monte Ebal para a proclamação das maldições.Fontes: o próprio texto bíblico · Mount Ebal · Mount Gerizim
  • Os levitas recitavam uma série de maldições direcionadas principalmente a pecados cometidos em segredo, como idolatria oculta, mudança de marcos de terras, maus-tratos aos vulneráveis e agressões escondidas, aos quais todo o povo respondia confirmando 'Amém.'Fontes: o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Jordan · Hoje: Jordan River · 31.761, 35.558 · versículos 2, 4, 12
  • Mount Ebal · 32.234, 35.273 · versículos 4, 13
  • Mount Gerizim · 32.199, 35.273 · versículo 12

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.