Deuteronômio 26
Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.
Kennansa Midhaan Mata'aatii Fi Kudhan Keessaa Tokkoo
1Ati lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka ati dhaaltu sii kennutti galtee, qabattee isii keessa yennaa leetu, 2midhaan lafa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti sii kennu irraa galfattu mara keessaa ka mata'aa fuudhiitii saaxaraa keessa keyiitii, gara addee Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti maqaan isaa akka itti waamamuuf filatuu dhaqi. 3Hayyicha yennaa san hujii irra jiruun, «Lafa Mootiin Waan Maraa, nuu kenniisaaf abbootii teennaaf kakate sanitti akka galle, ani adha Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti lallaba» jedhi.
4Achiin duuba hayyichi saaxaraa san si irraa fuudhee, addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa Waaqa keetii dura hin keya. 5Atille Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Abbaan kiyya nama biyya Sooriya'aa ka addee takkattii hin leene; inni maatii diqqoo ifii woliin gara biyya Gibxi'ii gad bu'ee achi le'e; inni achitti kolbaa guddoo, hunnaametti'ii fi bindillaa te'e. 6Worri Gibxi'ii ammoo nu miidhanee, nu farrisiisanee, hujii hunnaa jajjadduu nu hujisiisane. 7Achiin duuba nuuti gara Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teennaa iyyinee, Mootiin Waan Maraa iyya teenna dhage'ee, farra teenna, dadhabbi'ii fi cunqurfama keenna dhagge. 8Maarre Mootiin Waan Maraa hunna ifii guddo'oo fi jabeenna ifiitiin, hujii guddoo sodaachittu'uun, baasaa fi maade'een biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. 9Inni gara addee tanaa nu fidee, biyya aananii fi dammaa tana nuu kenne. 10Kunoo, Mootii Waan Maraa midhaan mata'aa ka lafa ati naaf kennite irraa fideera» jedhi. Achiin duuba Saaxaraa san Mootii Waan Maraa Waaqa keeti dura keyiitii, fuula Mootii Waan Maraa duratti sagadi. 11Ati, Lewwootii fi alagaan si woliin le'u waan dansaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si'ii fi maatii teetiif kenne maratti gammada'a.
12Ati woggaa sadeesso'oo, ta kudhan keessaa tokko kennanutti, midhaan galfatte keessaa kudhan keessaa tokko mara adda baatteen duuba, Lewwooti, alagaan, ijoolleen haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotiin hiyyeessaa nyaatanee akka quufanu isaaniif kenni. 13Achiin duuba Mootii Waan Maraa Waaqa keeti duratti, «Akkuma ajaja keetiititti, qooda waan woyyuu te'ee mara mana kiyyaa baasee, Lewwootaaf, alaga'aaf, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee fi haadhotii hiyyeessaatiif kenneera. Ajaja keeti keessaa hin baane; tokkolle hin deene. 14Ani gadda du'aa keessa qooda woyyichaa san irraa hin nyaanne yookiin akka aadaa dhugeeffanna'aatitti yennaa qulqulluu hin te'initti isa irraa hin fuune yookiin isa irraa worra du'eef hin kennine; ani Mootii Waan Maraa Waaqa kiyyaaf ajajameera. Waan inni na ajaje mara muummesseera. 15Addee woyyittii teeti ta ol-gubba'aa irraa gad ilaaliitii, kolbaa teeti Israa'el, akkuma abbootii teennaaf kakatetti lafa aananii fi dammaa ta nuu kennitelle eebbisi» jedhi.
Ajaja Mootii Waan Maraa
16Adha Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti seerataa fi seera isaa akka eegattu si ajaja; tanaaf gadhaa keeti tokkochaa fi lubbuu teeti takkatti'iin ajaja isaa mara akka dansaa eegadhu. 17Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti akka te'e, karaa isaa akka ideentu, seerata isaa, ajajjaa fi seera isaa eegatiisaaf, isaafille ajamiisaaf adha dubbatteerta. 18Mootiin Waan Maraa akkuma waadaa sii galetti, ati kolbaa isaa, qabeenna isaa ka addaa akka teete, ajaja isa maralle akka eegattu adha dubbateera. 19Gosa biyya adda addaa ta dade mara keessaa leellisaan, maqa'aa fi ulfinnaan ol akka si aansu, akkuma waadaa galetti, Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif, kolbaa woyyittii akka teetu dubbateera.
Você sabia?
Primícias, Dízimos e Dedicação da Aliança
- Ao apresentar as primícias de suas colheitas no santuário escolhido, os israelitas deviam recitar uma confissão histórica. Essa declaração lembrava seu ancestral como um arameu errante, o crescimento e a escravidão no Egito e a libertação conduzida por Deus até uma terra fértil.Fontes: o próprio texto bíblico
- O terceiro ano era designado como um ano especial de dízimo, no qual o produto era separado especificamente para sustentar membros vulneráveis da comunidade, incluindo levitas, estrangeiros residentes, órfãos e viúvas.Fontes: o próprio texto bíblico
- O capítulo conclui com uma declaração mútua de aliança: o povo se comprometia publicamente a obedecer aos estatutos de Deus, enquanto Deus os afirmava como Seu povo exclusivo e uma nação santa.Fontes: o próprio texto bíblico
Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.
Lugares deste capítulo
Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).
Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible) copyright © 2025 The Word for the World International Language: gujii Contributor: Bible Society of Ethiopia This translation is made available to you under the terms of the Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0. You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that: You include the above copyright and source information. If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes. If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original. Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents. For other uses, please contact the respective copyright owners. Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19. 2025-05-02
Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org