Nations Bible

Atos 27

Kitaaba Woyyuu · Toque num versículo para ver as referências cruzadas.

Phawuloos Gara Rooma'aa Geeffame

1Akka nuuti hobolo'oon gara Ixaaliya'aa dhandhu yennaa murteessane, Phawuloosii fi worra hidhamane ka dhibii, kutaa woraana worra Rooma'aa «Awugusxoos» ka jedhamu keessa ka jiru, ajajaa dhibbaa Yulii'ositti dabarsanee kennane. 2Hoboloo qachaa Adraamiixosiitii kaatee, gara buufata hobolo'oo, ka irga lafa Asiya'aa dhaqiisaaf qophootte, yaabbannee deenne. Arisxaarkosiin, nami biyya Maqedooniya'aa ka Tasalonqe'ee dhufe nu woliin jiraayyu. 3Boruyyaa qachaa Sidoonii geenne; Yulii'os Phawuloosiif gadhaa laafee, akka inni gara firoota ifii dhaqee, waan barbaachisu dhaggatu isaaf eeyyame. 4Sidoonii kaanee, qilleensi ful-duraan gara keenna waan dhoweef oddoola Qophiroosiititti gollannee hobolo'oon deenne. 5Achiin duuba abbaayaa Qiliiqiya'aatii fi Phamfiliya'aa buuneen duuba, qachaa Miira'aa ka biyya Liiqiya'aa keessa jiru geenne. 6Achitti ajajaan dhibbaa, hoboloo biyya Iskindiriya'aatii dhuttee, gara biyya Ixaaliya'aa dhaxxu dhaggee, nu yaabbachiise.

7Guyyaa hedduu laana hobolo'oon deennee, rakkoo guddo'oon qachaa Kiniidoosii bira geenne; bubbeelle gara duraa deemiisa yennaa nu dhooggite, oddoola Qareexisiititti gollannee, cinaa Salmooniitiin dabarre. 8Nuuti rakkoo guddo'oon cinaa abbaaya'aa irra dabarree, gara addee «Buufata hobolo'oo miidhagaa» jedhamu, ka qachaa Lase'aatitti dhikaatu bira geenne.

9Yaasuma keenna irratti guyyaan hedduun dabaree, yennaan laamaalle waan dabarteef, hobolo'oon deemuun rakkisaa waan te'eef, Phawuloos isaanitti gorsee, 10«Jarana! Haganaa achi hoboloo gudditti'iin deemiisi keenna kun akka balaa qabu dhagga; fe'iisaa fi hoboloon guddittiin baddee, lubbuun namaalle hin dhumatti» jedhe. 11Ajajaan dhibbaa ammoo, gorsa Phawuloosii caalaa, waan abbaan hobolo'ootii fi ka hoboloo oofu jedhane dhugeeffate. 12Addeen buufata hobolo'oo sun, yennaa gannaa achi turiisaaf ta hin tolle waan teeteef, isaan keessa garri caalaan, achii ka'anee, yoo isaanii dande'ame Finiiqe'etti galanee, ganna achitti bayiisaaf murteeffatane. Finiiqeen addee buufata hobolo'oo, oddoola Qareexisii irraa gara kaaba dhi'aatii fi kibba dhi'aa jirti.

Bubbee Abbaayaa Irraa

13Qilleensi laafaan karaa kibbaatiin bubbisuu yennaa jalqabe, akkuma isaan hedane waan teeteef seyanee, hoboloo guddittii hiikanee irga Qareexisiitiin abbaayaa irra deemane. 14Ammoo adoo hin turin bubbeen jadduun, «Bubbee kaaba bahaa» jedhantu, oddoola Qareexisii irraa gara abbaaya'aa gad bubbitte. 15Bubbeen hoboloo guddittii dhoottee, gara duraa deemiisa waan dadhanneef, itti lakkinnee bubbe'een oofanne. 16Oddoola diqqayyicha Kaawudaa jedhamu tokko gollaa godhannee yennaa deenne, rakkoo guddo'oon hoboloo, hoboloo guddittii teennatti hidhantee harkifantu san, qilleensa irraa buufatiisa dandeenne. 17Hoboloo ol harkisanee baasaneen duuba, hoboloon guddittiin akka hin diiganneef wodaro'oon xaxanee hidhane. Hoboloon guddittiin lafa maansa Sirtis jedhantutti nu duraa dhowanti jedhanee waan sodaataneef, waan laana isii ideensisu gad hiissanee, bubbe'een oofamaa deemane. 18Bubbeen nutti jabaataa waan deenteef, boruyyaa fe'iisa hoboloo guddittii keessa jiru, gara abbaaya'aa darbuu jalqabane. 19Guyyaa sadeesso'oo, harkuma ifiitiin meya hoboloo gudditti'ii abbaayaa gudditti'itti gatane. 20Nuuti guyyaa hedduu aduu yookiin urjii hin dhaggine; bubbeelle ittuma jabaattee waan nutti bubbitteef, hin fayyinu jennee addii kutane.

21Namooti adoo sagalee hin nyaatin guyyaa hedduu turaneen duuba, Phawuloos odduu isaanii dhaabbatee, «Jarana, waan ani isiniin jedhe dhageettanee Qareexisii adoo ka'uu dhaddane, bala'aa fi badiin tun isin hin dhaqqadduuyyu. 22Amma ammoo, jabaadha'a! Sababille hoboloo guddittii malee, isin keessaa lubbuun nama tokkolle hin baddu. 23Halkan edaa ergamaan Waaqaa ka Waaqa ani ka isaa te'ee fi ka ani waaqonfadhuu, na bira dhaabbatee, 24‹Phawuloos, hin sodaatin! Ati Mootii Mootota Rooma'aa dura dhaabbatuu qadda. Waaqille lubbuu worra si woliin jiruu duudii, si'iif jedhee du'a irraa hin hambura› jedhee natti himeera. 25Tanaaf, jarana jabaadha'a! Akkuma inni natti hime akka teetu ani Waaqatti hin addadha. 26Te'uu malee, bubbe'een oofannee, oddoola tokko irratti gatamuu hin oollu» jedhe.

27Gaafa guyyaa kudhanii arfeesso'oo halkan, abbaayaa Adriiya'aa irra bubbeen asii fi achi nu oofaa, gara halkan wodhakka'aa yennaa geenne, worri hoboloo guddittii keessa jiranu, waan lafatti dhikaatane seyane. 28Isaan waan ulfaatu qaccee wodaro'ootitti hidhanee gad buusanee, gad fageenni bisaanii meetira afurtama te'ee dhaggane; diqqoo deemaneen duuba akkuma kaan wodaroo bisaan keessa buusanee gad fageenni meetira soddoma te'e. 29Hoboloon guddittiin rassaa dhootti jedhanee sodaatanee, sibiila ulfaataa afur, hoboloo guddittii duubaan abbaayaa keessa gad buusanee, akka latti bariituuf daadimatane. 30Achiin duuba worri hoboloo guddittii oofu, dheetiisa barbaadanee, sibiila ulfaataa hoboloo guddittii duraan abbaayaa keessa waan gad buusanu fakkeessanee, hoboloo diqqittii hoboloo guddittii irra jirtu, abbaayaa keessa buusane. 31Phawuloos ammoo ajajaa dhibbaatii fi loltootaan, «Worri kun hoboloo guddittii irra yoo turuu dhabe, isin hafuu hin dandeettanu» jedhe. 32Tanaaf loltooti wodaroo hoboloon diqqoon ittiin hidhante irraa kutanee abbaayaa irratti gad lakkisane.

33Fuullee ganamaa, Phawuloos isaan duudiin sagalee akka nyaatanu kadhatee, «Isin adoo sagalee hin nyaatin adhi bultii kudhanii arfeesso'oo ti; yennaa tana mara womaa afaaniin hin qanne. 34Tanaaf, akka isin sagalee nyaattanu isin kadhadha; jiraatiisaaf nyaatiisa isin barbaachisa. Isin keessaa mataa nama tokkoo irraayyuu rifeensi tokkolle hin badu» jedhe. 35Phawuloos tana jedheen duuba, xaltaa ol fuudhee, isaan duudii duratti Waaqa galateeffatee, cassee, nyaatiisa jalqabe. 36Achiin duuba isaan duudiin jajjabaatanee, sagalee nyaatane. 37Nuuti worri hoboloo keessaa wolumatti namoota dhibba lamaa fi torbaatamii jaa. 38Isaan duudiin nyaatanee quufaneen duuba, fe'iisa qamadi'ii abbaayaa gudditti'itti darbanee hoboloo guddittii sallisane.

Caccabiisa Hoboloo Gudditti'ii

39Yennaa latti bariite, worri hoboloo oofu latti eessa akka teete hin beenne; ammoo isaan maansa qarqara abbaaya'aa dhagganee, yoo dande'ame hoboloo guddittii gara qarqara lafaa dhiibiisaaf barbaadane. 40Maarre isaan wodaroo kutanee sibiila ulfaataa san akka abbaayaa keessa lixu lakkisane; yoosuma wodaroo muka hobolo'oon oofanulle hiikane. Marduufa fuula duraa bubbe'etti ol kaasanee, akka bubbeen hoboloo guddittii gara qarqara abbaaya'aa geessitu lakkisane. 41Hoboloon guddittiin ammoo gara duraatiin lixxee, tuulaa maansaatitti rakkattee tacho'uu dadhadde; gara duubaatiin ammoo hunna danbali'iitiin caccabuu jalqadde.

42Worra hidhamane keessaa tokkolle abbaayaa daakee akka hin milindhe, loltooti isaan duudii ijjeesiisaaf yaadatane. 43Ajajaan dhibbaa ammoo Phawuloos lubbuu hamburiisaaf waan barbaadeef, akka isaan waan yaadane godhanu hin lakkinne. Inni worri daakiisa dande'u dursee hoboloo guddittii irraa utaalee akka lafatti bayanu ajaje; 44worri hafe ammoo, falaxaa mukaa baxxichaan yookiin muka hoboloo gudditti'ii ka caccabeen akka bayanu hime. Akka kanaan isaan duudiin nageyaan lafa irra geyane.

Ilustração artística — interpretação, não registro histórico.

Você sabia?

Tempestade e naufrágio a caminho de Roma

  • Paulo e os outros prisioneiros não navegaram direto para a Itália. Em Cesareia embarcaram num navio de Adramítio, cidade no litoral da Mísia, na Ásia Menor, com destino a portos ao longo da costa da Ásia, nome que o Easton's Bible Dictionary entende neste versículo provavelmente como Ásia Menor, e esse navio os levou apenas até Mira, na Lícia. Ali o centurião os fez embarcar num navio alexandrino que seguia para a Itália; o dicionário observa que era raro um navio partir de qualquer porto da Palestina direto para a Itália.Fontes: Adramyttium · Asia · o próprio texto bíblico
  • Os prisioneiros foram entregues a Júlio, centurião do Regimento Imperial. O Easton's Bible Dictionary o identifica como centurião da coorte Augusta, ou da guarda pessoal do imperador, e descreve a consideração cortês que teve por Paulo. Em Sidom, cerca de vinte e cinco milhas ao norte de Tiro, ele permitiu que Paulo visitasse os amigos e recebesse cuidados; mais tarde impediu o plano dos soldados de matar os prisioneiros, para que a vida de Paulo fosse poupada.Fontes: Julius · Sidon · o próprio texto bíblico
  • Depois de Cnido, o navio avançou ao longo de Creta, uma das maiores ilhas do Mediterrâneo, com cerca de 140 milhas de comprimento e 35 de largura, visitada por Paulo nessa viagem a Roma. O relato diz que a viagem já se tornara perigosa porque era depois do Jejum, e que Bons Portos não servia para passar o inverno. Uma cronologia data o início da viagem a Roma em 56 d.C. e o naufrágio na tempestade em 57 d.C.Fontes: Crete · Journey to Rome begins · Paul is shipwrecked by a storm · o próprio texto bíblico

Notas escritas com auxílio de IA a partir de fontes abertas (Theographic Bible Metadata, CC BY-SA 4.0; Easton’s Bible Dictionary, domínio público) e revisadas antes de publicar.

Lugares deste capítulo

  • Italy · 41.892, 12.485 · versículos 1, 6
  • Adramyttium · Hoje: Oren · 39.501, 26.933 · versículo 2
  • Asia · 38.400, 28.300 · versículo 2
  • Thessalonica · Hoje: Thessaloniki · 40.638, 22.946 · versículo 2
  • Sidon · Hoje: Sandikli archaeological site in Sidon · 33.561, 35.372 · versículo 3
  • Cyprus · 35.000, 33.000 · versículo 4
  • Cilicia · 36.913, 34.892 · versículo 5
  • Lycia · 36.733, 29.900 · versículo 5
  • Myra · 36.259, 29.985 · versículo 5
  • Pamphylia · 37.000, 31.000 · versículo 5
  • Alexandria · 31.183, 29.896 · versículo 6
  • Cnidus · 36.686, 27.375 · versículo 7
  • Crete · 35.310, 24.893 · versículos 7, 8, 12, 13, 14, 21
  • Salmone · Hoje: Cape Sideros · 35.316, 26.312 · versículo 7
  • Fair Havens · Hoje: Kaloi Limenes · 34.930, 24.800 · versículos 8, 12
  • Lasea · Hoje: Lasaea · 34.941, 24.811 · versículo 8
  • Cauda · Hoje: Gavdos · 34.833, 24.083 · versículo 16
  • Syrtis · Hoje: Sidra · 31.500, 18.000 · versículo 17
  • Adriatic Sea · Hoje: Adriatic and Ionian Seas · 38.000, 19.000 · versículo 27

Só aparecem lugares com identificação de alta confiança (90% ou mais segundo as fontes acadêmicas reunidas pelo OpenBible). Mapa da época: DARE (Digital Atlas of the Roman Empire), CC BY 4.0; mapa atual: © colaboradores do OpenStreetMap; lugares: OpenBible.info (CC BY 4.0).

Créditos e licença desta tradução
Kitaaba Woyyuu
Oromo, Borana-Arsi-Guji: Kitaaba Woyyuu (Bible)
copyright © 2025 The Word for the World International
Language: gujii
Contributor: Bible Society of Ethiopia
This translation is made available to you under the terms of the
Creative Commons Attribution Share-Alike license 4.0.
You have permission to share and redistribute this Bible translation in any format and to make reasonable revisions and adaptations of this translation, provided that:
You include the above copyright and source information.
If you make any changes to the text, you must indicate that you did so in a way that makes it clear that the original licensor is not necessarily endorsing your changes.
If you redistribute this text, you must distribute your contributions under the same license as the original.
Pictures included with Scriptures and other documents on this site are licensed just for use with those Scriptures and documents.
For other uses, please contact the respective copyright owners.
Note that in addition to the rules above, revising and adapting God's Word involves a great responsibility to be true to God's Word. See Revelation 22:18-19.
2025-05-02

Fonte: http://ebible.org/gax/ · eBible.org

Fale com a gente

Conte de onde você lê, como a Bíblia tem te ajudado ou o que podemos melhorar. Lemos todas as mensagens.